Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:07

[1] ?Yaa obboloota nana, abboota nanas, falmata ani isin duratti dhi'eeffadhu kana anaaf dhaggeeffadhaa!? jedhe.

[2] Afaan Yihudootaatiin isaanitti dubbachuu isaa yommuu dhaga'an, caalaatti calluma jedhan. Phaawulos itti fufee,

[3] ?Ani Yihudii dha; Qiliiqiyaa keessaa Xarseesittan dhaladhee, addana Yerusaalemittan guddadhe. Gamaali'el birattis seera abaabilii keenyaaf kenname hundumaa ija irratti eegee bareera; akkuma keessan har'aa kanas Waaqayyoof nan hinaafan ture.

[4] Namoota karaa barsiisa haaraa kana irra adeemanis hamma du'aatti nan ari'adhan ture, warra dhiiraas warra dubartiis qabeetan mana hidhaatti galchisiisan ture.

[5] Angafni lubootaa, yaa'iin maanguddootaas guutummaatti waa'ee kanaaf dhugaa anaaf ba'u. Isaanuma biraa caaffata gara Yihudoota obboloota Damaasqoo jiraatanitti caafame baafadhee, jarreen kana qabee, akka isaan adabamanitti hidhee gara Yerusaalemitti fiduudhaaf, Damaasqoo nan dhaqan ture.

[6] ?Karaa irra adeemaa Damaasqootti yommuu ani dhi'aadhe, waareetti dingata ifni humna-qabeessi naannoo kootti balaqqeessa'e.

[7] Lafatti kufeen sagalee, ?Saa'ol, Saa'ol, maaliif na ari'atta?? jedhu dhaga'e.

[8] ?Eenyu ati yaa gooftaa?? jedheetan deebise; inni immoo, ?Ana, Yesus nama Naazireet, kan ati ari'achaa jirtu? anaan jedhe.

[9] Namoonni anaa wajjin turan ificha arganiiru; sagalee isa anatti dubbachaa ture garuu hin dhageenye.

[10] Ani immoo, ?Maal godhu, gooftaa?? jedheen gaafadhe; gooftaan immoo, ?Ka'i, mandara Damaasqootti lixi, akka ati gootuuf waan Waaqayyo murtoo godhe, achitti sitti in himama? anaan jedhe.

[11] Calaqqisa ifichaa irraa kan ka'es iji koo arguu dhabnaan, warri anaa wajjin jiran harka qabanii mandara Damaasqootti na galchan.

[12] Namichi, Waaqayyoof buluu isaa seerri dhugaa ba'eef, Yihudoota Damaasqoo jiran hundumaa birattis maqaa gaarii kan qabu tokko achi ture; maqaan isaas Ananiiyaas jedhama.

[13] Inni gara koo dhufee, na bukkees dhaabatee, ?Obboleessa ko Saa'ol, agartuun kee siif haa deebi'u!? anaan jedhe; achumaanis agartuun koo anaaf deebi'e, isas nan arge.

[14] Ananiiyaas yommus, ?Waaqayyo gooftaan abaabilii keenyaa, waan gochuun siif ta'u akka beektuuf, isa qajeelaa tokkicha isaa argitee, sagalee isaas akka dhageessuuf, si fo'ateera.

[15] Waan argitee fi waan dhageesse hundumaa namoota hundumaatti in himta, isaafis dhuga-baatuu in taata.

[16] Ammas maaliif lafa irra harkifta ree? Ka'i maqaa gooftaa waammadhuu cuuphami! Cubbuu kees of irraa dhiqsiisi!? anaan jedhe.

[17] ?Yerusaalemitti ergan deebi'ee, mana qulqullummaa keessatti kadhatatti utuu ani jiruu, of wallaalee mul'ata nan arge.

[18] Isa keessatti gooftaa argee, ?Warri mandara kanaa isa ati waa'ee kootiif dhugaa baatu hin fudhatanii, ariifadhuutii Yerusaalemii ba'i!? utuu inni anaan jedhuu nan dhaga'e.

[19] Ani immoo, ?Yaa gooftaa akka ani mana sagadaa hundumaa keessatti, warra sitti amanan hiisisaa, reebsisaas ture isaanumtuu in beeku.

[20] Yeroo dhiigni dhuga-baatuu kee Isxifaanos dhangalaafames, ajjeefamuu isaatti walii galee, achi dhaabadhee uffata warra isa ajjeesee nan eegan ture? jedheetan itti dubbadhe.

[21] Gooftaan yommus, ?Adeemi, ani fagootti, warra saba koo hin ta'initti sin erga? anaan jedhe? jedhee isaanitti hime.

[22] Namoonni hamma inni dubbii kana irra ga'utti, Phaawulosin dhaggeeffachaa turan; isa booddee garuu sagalee isaanii guddisanii, ?Nama akkasii lafa irraa balleessuun in ta'a, inni jiraachuun hin ta'uuf? jedhan.

[23] Isaan yeroo sana in caraanu, wayyaa isaanii in daddarbatu, awwaaras gara waaqaatti in bittimsu turan.

[24] Angafichi kumaa, Phaawulosin lafa buufata loltuutti geessanii, warri Yihudootaa sababii akkas isatti caraananiif baasuudhaaf, qacceedhaan reebanii akka isa qoran abboome.

[25] Yeroo isa reebuudhaaf teephaan hidhanitti Phaawulos angafa dhibbaa isa achi dhaabatuun, ?Nama Roomaa tokko, firdiinis kan itti hin faradamin reebuun seeraa ree?? jedhe.

[26] Angafni dhibbaa sun kana yommuu dhaga'e, gara angaficha kumaa dhaqee, ?Maal gochuuf jetta? Namichi kunoo nama Roomaa ti!? ittiin jedhe.

[27] Kanaafis angafni kumaa sun gara isaa dhaqee, Phaawulosiin, ?Anatti himi, ati dhuguma nama Roomaa tii?? ittiin jennaan, inni immoo deebisee, ?Eyyee? jedhe.

[28] Angafichi kumaa sun dabalee, ?Nama Roomaatti lakkaa'amuu koo kana ani horii dheeraadhaan nan bitadheem? jennaan, Phaawulos immoo, ?Ani garuu ittan dhaladhe? jedhe.

[29] Yommus warri isa qoruudhaaf turan achumaan isa irraa deebi'an; angafni kumaa sun Phaawulos nama Roomaa ta'uu isaa erga hubatee, waan isa hiisiseef in sodaate.

[30] Borumtaas angafichi kumaa, warri Yihudootaa sababii maaliitiif Phaawulosin akka hadheessan dhugaa isaa baruu barbaade; kanaaf luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni warri biyya seerratan hundinuu akka walitti yaa'aniif ajaje. Phaawulos irraa fuuncaa hiiksisee, geessee isaan dura isa dhaabachiise.

Hojii Ergamootaa — Chapters