[1] Phexros gaafas Yohannisii wajjin namootatti dubbii kana dubbachaa utuu jiruu, luboonnii fi dura-buutuun eegduu mana qulqullummaa, Saduqoonnis isaan biraan ba'an.
[2] Ergamoonni kun namoota barsiisanii, Yesus du'aa akka ka'e, du'aa ka'uunis akka jiru waan lallabaniif, isaanitti aaran.
[3] Jarri yeroo sanatti lachuu isaanii qabatanii, waan galgalaa'eef hamma bari'utti mana hidhaatti kennan.
[4] Warra dubbicha dhaga'an keessaa baay'een garuu in amanan; lakkoobsi amantootaas kan dhiirotaa duwwaan iyyuu akka kuma shanii ga'e.
[5] Lafti bariinaan, gurguddoonni Yihudootaa fi maanguddoonni, barsiisonni seeraas, Yerusaalemitti walitti qabaman.
[6] Isaan keessaas Haannaas angafichi lubootaa, Qayyaafaas, Yohannisii fi Iskindros, kan biraas mana angafoota lubootaa keessaa turan.
[7] Isaan ergamoota qaban sana yaa'ii dura dhaabachiisanii, ?Humna maaliitiin yookiis maqaa eenyuutiin kana gootan?? jedhanii gaafatan.
[8] Phexros yommus hafuura qulqulluudhaan guutamee, ?Isin gurguddoota biyyaa maanguddootas kan taatan,
[9] amma gochaa gaarii namicha naafa ture kanaaf godhameef, akka inni itti fayyeefis in gaafatamna erga ta'ee,
[10] namichi amma fayyaa ta'ee isin dura dhaabatu kun, maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin akka fayye, isin hundumti keessan beekaa! Namoonni Israa'el hundinuus kana haa beekan. Isin Yesusin in fanniftan, in ajjeeftanis; Waaqayyo garuu warra du'an keessaa isa kaase.
[11] Inni kun dhagicha, isa isin warri ijaartuun tuffattan, inni garuu dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e.
[12] Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne? jedhe.
[13] Warri yaa'ii sanaas Phexrosii fi Yohannis ija jabinaan akka dubbatan yommuu caqasan, barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes akka ta'an hubatanii, in dinqifatan; haa ta'u iyyuu malee, jarreen kun Yesusii wajjin akka turan isaaniif gale.
[14] Namichi inni fayye sunis, Phexrosii fi Yohannisii wajjin utuu dhaabatuu arganii, akka itti isaan hammeessan dhaban.
[15] Kanaafis yaa'ii keessaa akka gad ba'an isaan abboomanii, walii wajjin mari'achuutti ka'an.
[16] ?Milikkinni beekamaan jarreen kanaan akka argisiifame, namoota Yerusaalem jiraatan hundumaa biratti beekamaa dha, nus immoo ?Kun soba? jechuu hin dandeenyu; jarreen kana maal goonu ree?
[17] Kun biyya keessatti ba'ee akka hin odeeffamne, maqaa kanaanis deebi'anii nama tokkotti illee akka hin dubbanneef, kottaa jabeessinee isaan doorsifna? jedhanii walii galan.
[18] Kana booddee ol isaan waamanii, maqaa Yesusiin raawwatanii akka hin dubbannee fi akka hin barsiifne, isaan abbooman.
[19] Phexrosii fi Yohannis isaaniif deebisanii, ?Kan Waaqayyoo dhaga'uu irra, kan keessan dhaga'uun Waaqayyo duratti qajeelaa yoo ta'e, isinumti faradaa!
[20] Nuyi garuu ofii keenyaa kan arginee fi kan dhageenye himuu dhiisuu hin dandeenyu? jedhan!
[21] Yaa'ichi ittuma caalchisee isaan doorsisee, gad isaan dhiise; namoonni hundinuu dinqii isa godhameef Waaqayyoof hooqubaa waan dhi'eessaniif, ergamoota sana adabuudhaaf karaa dhabe ture.
[22] Namichi inni dinqiin fayyinaa godhameef sun immoo, nama waggaa afurtama gara irraa ture.
[23] Phexrosii fi Yohannis akkuma gad dhiifamaniin, gara jara isaaniitti deebi'anii, luboonni warri angafoonni, maanguddoonnis waan ittiin jedhan isaanitti himan.
[24] Isaan yommuu kana dhaga'an, hundumti isaanii erga takkaa sagalee isaanii ol fudhatanii, Waaqayyoon kadhatanii, ?Gooftaa guddaa, si'i waaqaa fi lafa, galaanas, isaan kana keessa kan jiran hundumaas kan uume.
[25] Hafuura qulqulluudhaan afaan naa'oo kee Daawit abaabilii keenyaan, ?Warri saba Waaqayyoo hin ta'in maaliif ori'u? Sabni hundinuus hamaa gochuudhaaf maaliif akkasumaan dhama'u?
[26] Mootonni biyya lafaa lolaaf ka'an, gooftichaa fi Masiihii isaatti bu'uudhaaf gurguddoonni garee waammatan? jette.
[27] ?Eyyee, dhuguma mandaruma kanatti iyyuu, Herodisii fi Phonxos Philaaxos, warra saba Waaqayyoo hin ta'inii fi namoota Israa'elii wajjin, hojjetaa kee isa qulqulluu, Yesus isa ati isa dibde irratti, walii galan.
[28] Kanaan ati humna keetii fi yaada keetiin, akka ta'uuf kan ati dur murtoo goote, raawwatan.
[29] Ammas yaa gooftaa, doorsisa isaanii ilaali, hojjetoonni kee sodaa malee dubbii kee akka dubbataniif, ija jabummaa kenniif!
[30] Maqaa Yesus hojjetaa kee isa qulqulluutiin dhukkubsatoota fayyisuudhaaf, milikkitaa fi dinqii garaa garaas gochuudhaaf, harka kee diriirsi!? jedhan.
[31] Isaan kadhata afaanii fixuunii fi iddoon isaan itti walitti qabaman socho'uun, wal faana ta'e. Hundumti isaaniis hafuura qulqulluudhaan guutamanii, dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan dubbachaa turan.
[32] Namoonni amanan hundinuu, warra garaa tokkoo fi yaada tokkoo turan. Isaan keessaa tokko illee qabeenya ofii qaba tureen kan koo ti hin jenne; qabeenyi isaanii hundinuu kan walii isaanii ture.
[33] Ergamoonnis humna guddaa argisiisuudhaan du'aa ka'uu gooftaa Yesus dhugaa ba'an; ayyaana guddaas qabu turan.
[34] Homtinuu isaan keessaa waa dhabe hin rakkanne, lafa yookiis mana warri qaban hundinuu, gurguranii horii isaa fidan.
[35] Horiin, isaan fidanii ergamootatti kennan sunis, adduma addaaf akka isa barbaachisetti in hirama ture.
[36] Warra Lewwii keessaa, namni Yoseef jedhamu Qophrositti kan dhalate tokko ture; ergamoonni ?Baarnaabaas? jedhanii isa waaman; kana jechuunis ?Ilma jajjabeessu? jechuu dha.
[37] Namichi kun araddaa qabu gurguree, horii isaa fidee ergamootatti kenne.