[1] Namichi Qorneelewos jedhamu tokko mandara Qiisaariyaa keessa jira ture; inni kutata waraana warra Roomaa ?Ixaaliqaa? jedhamee waamame irratti angafa dhibbaa ture.
[2] Inni nama Waaqayyoof bule, maatii isaa hundumaa wajjinis Waaqayyoon kan sodaate ture; warra Yihudootaa keessaa dadhaboota kan turan baay'ee in gargaare; yeroo hundumaattis dadhabbii malee Waaqayyoon in kadhata ture.
[3] Gaaf tokko akka sa'aatii salgafaatti mul'ata arge; mul'atichattis ergamaan Waaqayyoo tokko iddoo inni jiru dhufee, ?Yaa Qorneelewos!? jedhee itti dubbate.
[4] Qorneelewos yommus fajajee isa ilaalee sodaachaa, ?Maal inni yaa gooftaa?? jedhee gaafate. Ergamichi immoo deebiseefii, ?Waaqayyo kadhata kee dhaga'eera, dadhaboota gargaaruu kees yaadateera.
[5] Ammas namoota Yopheetti ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu waamsisi.
[6] Innoo Simoon isa gogaa duugu bira keessummummaa buufatee jira; manni Simoon immoo isa galaana qarqaraa ti? jedheen.
[7] Ergamichi isatti dubbatee erga adeemee booddee, hojjetoota mana isaa keessaa nama lama, warra loltuu isaaf amanaman keessaa immoo, nama Waaqayyoon sodaatu tokko ofitti waamee,
[8] waan hundumaa isaanitti himee, Yopheetti isaan erge.
[9] Borumtaas warri ergaman utuu adeemanii mandara Yopheetti dhi'aatan. Phexros immoo akka sa'aatii ja'affaatti kadhachuudhaaf bantii mana isaanii isa diriiraatti ol ba'e.
[10] Inni yommus beela'ee, waan nyaatu barbaade; garuu utuu nyaanni isaaf qophaa'uutti jiruu, of wallaalee mul'ata arge.
[11] Bantiin waaqaa banamee wanti akka baallee uffata guddaa mataa afuriin hidhamee, gara lafaatti utuu gad buufamuu arge.
[12] Bineensonni miilla afur qaban, lafa irra kan munyuuqan, qilleensa keessa kan balali'anis hundinuu uffata sana keessa turan.
[13] Sagaleen immoo, ?Phexros ka'i, qaliitii nyaadhu!? jedhee itti dubbate.
[14] Phexros garuu, ?Matumaa kun hin ta'u, yaa gooftaa, waan ciiggaasisaadhaa fi xuraa'aatti ilaalamu takkaa nyaadhee hin beeku? jedheen.
[15] Ammas sagalichi si'a lammaffaa itti dubbatee, ?Waaqayyo kan qulleesse, ati xuraa'aatti hin ilaalin!? jedheen.
[16] Kun immoo si'a sadii ta'e, wanti akka baallee uffataa sunis achumaan gara waaqaatti deebi'ee ol fuudhame.
[17] Phexros waa'ee hiikaa mul'aticha arge sanaaf yaada isaatti utuu dhiphatuu, kunoo, namoonni Qorneelewos biraa ergaman, mana Simoon iyyaafachaa dhufanii, balbala dura ga'an.
[18] ?Keessummaan, Simoon inni Phexros jedhamu tokko, mana kana jiraa laata?? jedhanii waamanii gaafatan.
[19] Phexros amma iyyuu waa'ee hiikaa mul'ata argeetiif utuu yaadaa jiruu, hafuurri qulqulluun, ?Kunoo jarri tokko alaa si barbaadu;
[20] kanaafis ka'i, gad bu'i! Anatu isaan erge waan ta'eef, utuu hin mamin isaan duukaa dhaqi!? ittiin jedhe.
[21] Phexros gara jaraatti gad bu'ee, ?Inni isin barbaaddan ana; eessaa dhuftan?? jedhee isaan gaafate.
[22] Isaan immoo, ?Namicha qajeelaa Qorneelewos jedhamu Waaqayyoon kan sodaatu warra Yihudootaa hundumaa biraas maqaa gaarii kan qabu, angafa dhibbaa immoo kan ta'e tokkotu, nu erge; ergamaan Waaqayyoo inni qulqulluun, Qorneelewos mana isaatti si waamsisee, kan ati itti himtu akka si irraa dhaga'uuf isa abboomee ture? jedhanii deebisan.
[23] Phexros ol isaan waamee keessumsiise. Borumtaas jarreen gara isaatti ergamanii wajjin ka'ee adeeme; obboloota Yophee jiran keessaas jarreen tokko isaa wajjin dhaqan.
[24] Guyyaa itti aanuttis Qiisaariyaatti galan; Qorneelewos immoo aantii isaatii fi michoota isaa waammatee, isaan eeggate.
[25] Phexros utuu ol lixuuf jedhuu, Qorneelewos isa simuuf ba'ee, miilla isaatti kufee sagadeef.
[26] Phexros immoo ol isa qabee, ?Ka'i, anis akkuma kee nama'o!? jedheen.
[27] Inni Qorneelewosii wajjin haasa'aa manatti ol galee, namoota baay'ee achitti walitti qabamanii argate.
[28] Jaraan, ?Yihudii kan ta'e hundinuu, nama qomoo biraa wajjin walitti firoomuunii fi mana walii dhaquun seera akka hin ta'in, isin iyyuu gaarii gootanii beektu; Waaqayyo garuu eenyumaan iyyuu, ciigga'amaa yookiis xuraa'aa akkan hin jenneef anatti mul'iseera.
[29] Kanaafan yommuu isin na waamsiftan utuun ittiin hin mormin dhufe; ammas maaliif akka anatti ergitan baruu nan barbaada? jedhe.
[30] Qorneelewos deebisee, ?Bultii afur dura yeroodhuma ammaa kanatti, mana kootti kadhata sa'aatii salgaffaa kadhachaa utuun jiruu, namni tokko uffata adii qaanqee uffatee ana dura dhaabatee,
[31] ?Qorneelewos, Waaqayyo kadhata kee siif dhaga'eera, dadhaboota gargaaruu kees siif yaadateera.
[32] Ammas Yopheetti nama ergi, Simoon isa Phexros jedhamu, waamsisi; inni Simoon isa gogaa duugu, manni isaa galaana qarqaraa bira keessummummaa buufatee jira? anaan jedhe.
[33] Kanaaf ani achumaanan sitti erge, dhufuun kees ba'eessa ta'e; ammas nuyi hundumti keenya waan gooftichi sitti nuuf hime hundumaa si irraa dhaga'uudhaaf, fuula Waaqayyoo duratti walitti qabamnee jirra? jedheen.
[34] Yommus Phexros jaratti dubbatee, ?Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne amma hubadheera.
[35] Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa dha.
[36] Waaqayyo dubbii isaa namoota Israa'elitti erguu isaa, misraachoo nagaa Yesus Kristosiin lallabuu isaa, Yesus Kristos kun immoo gooftaa namoota hundumaa ta'uu isaa, gaarii gootanii in beektu.
[37] Cuupphaa Yohannis lallabe booddee Galiilaadhaa jalqabee, biyya Yihudaa hundumaa keessatti kan raawwatames in beektu.
[38] Waaqayyo, Yesus nama Naazireet kana hafuura qulqulluudhaan dibee humnaan akka isa guute, inni naanna'ee hojii gaarii akka hojjete, Seexanaan kan cunqurfaman akka fayyise, Waaqayyo isaa wajjin akka tures beekamaa dha.
[39] Nuyi biyya Yihudootaatii fi mandara Yerusaalemitti, waan Yesus hojjete hundumaaf dhuga-baatuu isaa ti; jarris isuma mukatti fannisanii ajjeesan.
[40] Waaqayyo garuu guyyaa sadaffaatti du'aa isa kaasee, akka inni mul'atu godhe.
[41] Haa ta'u iyyuu malee, nama hundumaatti utuu hin ta'in, nuyi warra dhuga-baatuu isaa akka taanuuf fo'amnee, du'aa ka'uu isaa booddee isaa wajjin nyaannee dhugnetti mul'ateera.
[42] Inni wangeelicha namootatti akka lallabnuuf, warra jiranii fi warra du'an irratti abbaa firdii ta'ee moosifamuu isaas, akka dhugaa baanuuf nu abboomeera.
[43] Raajonni hundinuu, namni isatti amanu hundinuu maqaa isaatiin dhiifamuu cubbuu akka argatu, isaaf dhugaa ba'aniiru? jedhe.
[44] Utuu Phexros dubbii kana itti himaa jiruu, hafuurri qulqulluun warra dubbicha dhaga'an hundumaa irratti bu'e.
[45] Warra Yihudootaa keessaa amantoonni Phexrosii wajjin Yopheedhaa dhufan, kennaan hafuura qulqulluu saba Waaqayyoo warra hin ta'iniif kennamuu isaa arganii, akka abjuu ta'an.
[46] Warri hafuura qulqulluu fudhatan sun utuu isaan afaan dur hin beekneen dubbatanii, guddina Waaqayyoos mul'isanii, isaan dhaga'an.
[47] Phexros kana irratti, ?Jarreen amma hafuura qulqulluu, akkuma nuyi argannetti argatan kun, akka hin cuuphamneef eenyutu bishaan dhowwachuu danda'a ree?? jedhe.
[48] Isaan maqaa Yesus Kristositti akka cuuphamaniif abboome; jarri ergasii Phexros isaan bira akka turuuf in kadhatan.