Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:02

[1] Mandaroota Amfiipholiisii fi Apholonyaa darbaniis, gara mandara Tasaloniiqee, iddoo manni sagadaa warra Yihudootaa ture dhufan.

[2] Akkuma amala isaas Phaawulos mana sagadaa sanatti ol lixee, Sanbata sadiis dubbii macaafa qulqulluu isaaniin dudubbachaa ture.

[3] Achumaan dubbicha isaanii ibsaa, Masiihiin dhiphachuun, warra du'an keessaas ka'uun, isaaf in ta'a akka ture, macaaficha keessaa dhugaa itti baase. Akkasumas, ?Yesus inni ani isinitti labsu kun immoo, Kristos Masiihicha? in jedhaan ture.

[4] Isaan keessaa kaan, Griikota warra Waaqayyoon sodaatan keessaa danuun, dubartoonni beekamoonni mandara sanaas baay'een, dubbii isaa fudhatanii Phaawulosii fi Siilaas duukaa goran.

[5] Yihudoonni garuu isa kana hinaafanii, namoota hamoota hojii malee laban ofitti dabalan; waca kaasanii mandaricha guutummaatti raasan. Phaawulosii fi Siilaasin tuuta jaraatti gad baasuudhaaf, mana namicha Yaason jedhamuu cabsan.

[6] Phaawulosii fi Siilaasin achii dhabnaan, Yaasonin amantoota keessaas kaan gara yaa'ii mandarichaatti harkisanii, ?Jarreen kun lafa dhaqan hundumaatti biyya gara galchu; amma immoo mandara keenya dhufan.

[7] Yaason immoo mana isaatti isaan sime; hundumti isaanii ?Yesus kan jedhamu mootiin kan biraa jira? jedhanii, abboommii mootii warra Roomaa in cabsu? jedhanii iyyan.

[8] Kana jechuudhaanis saba achitti walitti qabamee fi, yaa'ii mandarichaa warra kana dhaga'an, in raasan.

[9] Warri yaa'iis Yaasonii fi warra isaa wajjin qabaman, qabsiisa harkaa fuudhanii gad isaan dhiisan.

[10] Halkanuma sana, obboloonni Phaawulosii fi Siilaasin gara mandara Beriyaatti ergan; akkuma achi ga'aniinis gara mana sagadaa warra Yihudootaa dhaqan.

[11] Yihudoonni warri kunis warra Tasaloniiqee caalaa, warra yaada gaarii turan; dubbicha fudhachuudhaaf qophaa'anii, waan dubbatame kun dhugaa ta'uu isaa baruudhaaf, guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu in qoru turan.

[12] Isaan keessaa baay'een, Griikota keessaas dubartoonni beekamoonnii fi dhiironni baay'een in amanan.

[13] Yihudoonni Tasaloniiqee garuu, Phaawulos, Beriyaattis dubbii Waaqayyoo lallabuu isaa yeroo baran, achis dhaqanii namoota garaa nyaachisanii sochoosan.

[14] Yommusumas obboloonni Phaawulosin hamma galaanaatti akka adeemuuf ergan, Siilaasii fi Ximotewos garuu Beriyaadhumatti hafan.

[15] Namoonni Phaawulosin geggeessan mandara Ateenaattiin isa ga'anii, Siilaasii fi Ximotewos ariitii guddaadhaan gara Phaawulos akka dhaqaniif dhaamsa isaa fuudhanii deebi'an.

[16] Phaawulos mandara Ateenaa taa'ee Siilaasii fi Ximotewosin eegaa yeroo turetti, fakkeenyi waaqayyolii tolfamanii mandara sana keessa guutuu isaanii waan argeef, lubbuun isaa baay'ee dhiphatte.

[17] Mana sagadaa keessatti Yihudootaa fi Griikota warra amantii Yihudootaa fudhatanii wajjin, lafa gabaatti immoo guyyaa hundumaa namuma achitti argamee wajjin dudubbachaa ture.

[18] Garee warra Ephequriyos akkasumas Istoyikos jedhaman keessaa, barsiisonni ogummaa biyya lafaa qoran tokko isatti falman. Kaan, ?Funaantuun kun immoo maal jechuu kajeela?? jennaan, kaan immoo waan inni wangeela waa'ee Yesusii fi, waa'ee du'aa ka'uu lallabeef, ?Innoo waa'ee waaqayyolii ormaa labsa fakkaata? jedhan.

[19] Isa qabaniis yaa'ii gaara Aariyophaagos irratti wal ga'u duratti geessanii, ?Barsiifni haaraan ati fidde kun, maal akka ta'e baruu dandeenyaa?

[20] Dubbiin ati fidde kun gurra keenyatti keessummaa dha; kanaafis maal akka inni ta'e baruu barbaanna? ittiin jedhan.

[21] Warri Ateenaa hundinuu, ormi achi jiraatanis, oduu haaraa odeessuu fi namoota irraas dhaga'uu malee, kan biraa yeroo isaanii kan itti dabarsan hin qaban turan.

[22] Phaawulos yommus gaara Aariyophaagos walakkaa dhaabatee dubbate. Inni, ?Yaa warra Ateenaa, isin karaa hundumaa warra amantii akka isin taatan nan arga.

[23] Utuun darbuu iddoo sagada keessanii baay'ee yommuu ani do'adhetti, iddoo aarsaa ?Waaqayyo isa hin beekamneef? jedhame irratti caafame tokko argeera; egaa isa isin utuu hin beekin itti sagaddan kana, isa isinittan lallaba.

[24] Waaqayyo, biyya lafaa, kan isa keessa jirus hundumaa kan uume, gooftaa waaqaatii fi lafaa ti; inni galma harki namaa ijaaretti hin galu.

[25] Ofii isaatii sanyii namaa hundumaaf, jireenyaa fi qilleensa, kan isa barbaachisu hundumaas in kenna; kanaaf harki namaa kan isaaf hojjechuu danda'u, wanti isaaf barbaachisus hin jiru.

[26] Sanyiin namaa hundinuu namicha tokkicha irraa argamanii, irra lafaa hundumaa irra akka jiraatan godhe; bara isaaniitti iddoo taa'umsa isaaniittis daarii itti godhe.

[27] Kanas Waaqayyoon akka isaan barbaadaniif, qaqqabataniis akka isa argataniif godhe; amma illee Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti.

[28] Nuyi isatti in jiraanna, in sochoona, in argamnas; isin keessaa iyyuu warri walleen akkuma jedhan, ?Nuyi immoo sanyii isaa ti?.

[29] ?Egaa sanyii Waaqayyoo erga taanee, Waaqayyo akka yaada namaatti harka nama ogeessaatiin, bifa isa warqee irraa yookiis meetii irraa yookiis dhagaa irraa hojjetame fakkaata jennee yaaduun nuuf hin ta'u.

[30] Bara wallaaluma isaanii Waaqayyo namootatti lakkaa'uu dhiiseera; amma garuu namni hundinuu iddoo hundumaatti yaada garaa isaa akka geddaratu abboomeera.

[31] Guyyaa, itti harka nama fo'ate sanaatiin, biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedhu, muree kaa'eera; namicha fo'ate sana du'aa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera? jedhe.

[32] Phaawulos waa'ee du'aa ka'uu dubbachuu isaa yommuu dhaga'an, kaan itti ga'isan, warri kaan garuu, ?Nuyi waa'ee kanaa itti daballee si irraa dhaga'uu barbaanna? ittiin jedhan.

[33] Phaawulos garuu, yaa'icha keessaa ba'ee adeeme.

[34] Jarreen tokko immoo gara Phaawulos goran, in amananis; isaan keessaa Diiyoniisiyos kan jedhamu bu'aa yaa'ii Aariyophaagos akkasumas dubartiin Damaariis jedhamtu tokko, namoonni kan biraas isaanii wajjin turan.

Hojii Ergamootaa — Chapters