Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:18

[1] Phaawulos ija warra yaa'ii keessa ilaalee, ?Jarreen obboloota nana! Ani hamma guyyaa har'aatti garaan koo utuu ana hin ceepha'in fuula Waaqayyoo dura jiraadheera? jedhe.

[2] Kana irratti Ananiiyaas angafichi lubootaa warra Phaawulositti dhi'oo jiraniin, ?Afaan isaa rukutaa!? jedhee ajaje.

[3] Phaawulos yommus deebiseefii, ?Waaqayyo si rukutuuf jira, ati ?Alaa gaarii? akka keenyan nooraa dibamaa nana. Akka seeraatti anatti faraduuf achi teessa, ofii keetii immoo seera irra darbitee akkan rukutamuuf abboomtaa?? jedheen.

[4] Kana booddee warri achi dhaabatan Phaawulosiin, ?Angafa lubootaa Waaqayyoo arrabsitaa?? jedhan.

[5] Phaawulos immoo deebisee, ?Obboloota nana! Akka inni angafa lubootaa ta'e ani hin beekne; ?Angafa saba keetti hamaa hin dubbatin!? kan jedhu caafamee jira? jedheen.

[6] Phaawulos yommus warra achi turan keessaa gar tokko Saduqoota gar kaan immoo Fariisota ta'uu isaanii hubannaan, yaa'ii sana keessatti sagalee isaa ol fudhatee, ?Jarreen obboloota nana, ani Fariisota keessaa tokko, sanyii Fariisotaa tis; sababii abdii nuuf kennameef, sababii ka'uu warra du'aniitiif yaa'ii duratti gaafatamaan jira? jedhee dubbate.

[7] Akkuma inni kana dubbateen warra Fariisotaa fi warra Saduqootaa gidduutti gooliin ka'e, yaa'ichis gargar hirame.

[8] Warri Saduqootaa, du'aa ka'uun hin jiru, ergamoonni Waaqayyoo, hafuuronnis hin jiran jedhu; warri Fariisotaa garuu kun hundinuu jira jedhu.

[9] Waci guddaanis ka'e; kutata warra Fariisotaa keessaa warri seera barsiisan tokko dhaabatanii, ?Nuyi nama kana irratti balleessaa hin argine, tarii hafuurri yookiis ergamaan Waaqayyoo itti dubbateera ta'a? jedhanii falman.

[10] Wal gooluunis baay'annaan angafichi kumaa, jarri kun Phaawulosin in caccabsu jedhee sodaate. Kanaaf loltoonni dhaqanii Phaawulosin yaa'ii sana gidduudhaa baasanii, iddoo buufata loltuutti akka geessan abboome.

[11] Gooftichi gaafasuma halkan Phaawulositti dhi'aatee, ?Laphee jabaadhu! Yerusaalemitti anaaf akkuma dhugaa baate akkasuma mandara Roomaattis anaaf dhugaa ba'uun siif in ta'a? jedheen.

[12] Lafti yommuu bari'e warri Yihudootaa walitti koratanii, Phaawulosin hamma ajjeesanitti waa akka hin nyaanne akka hin dhugnes wal kakan.

[13] Mala kana kan qopheessan immoo namoota afurtama irra in caalu turan.

[14] Isaan yommus luboota warra angafootaatii fi maanguddoota bira dhaqanii, ?Phaawulosin hamma ajjeefnutti akka waa afaaniin hin qabne kakanneerra.

[15] Kanaafis, egaa akka waan dhimma Phaawulos caalchiftanii qoruudhaaf, yaa'icha biyya seerratuu wajjin, itti walii galtaniitti angaficha kumaatti beeksisaa! Inni Phaawulosin gara keessanitti gad haa fidu; nuyi immoo utuu inni hin dhi'aatin isa ajjeesuudhaaf qophoofnee eegna? jedhaniin.

[16] Ilmi obboleettii Phaawulos garuu, akka jarri riphanii Phaawulosin eeggachuuf mari'atan dhaga'ee, dhaqee lafa buufata loltuutti ol lixee, kana Phaawulositti hime.

[17] Phaawulos kanaaf angafoota dhibbaa keessaa tokko ofitti waamee, ?Dargaggeessa kana angaficha kumaatti geessi, innoo waan itti himu qaba? jedheen.

[18] Angafichi dhibbaa kana irratti dargaggeessicha fuudhee, gara angaficha kumaatti geessee, ?Phaawulos inni hidhamaan ofitti na waame; dargaggeessa waan sitti himu qabu kana, gara kee akkan fiduuf na kadhate? jedhe.

[19] Angafichi kumaa dargaggeessicha harka qabatee kophaatti baafatee, ?Maal inni, ati anatti himtu?? jedhee isa gaafate.

[20] Dargaggeessichi immoo, ?Yihudoonni akka waan yaa'ichi dhimma Phaawulos caalchisee qoruu yaadetti, bor Phaawulosin yaa'iitti akka dhi'eessituuf, si gaafachuudhaaf walii galaniiru.

[21] Ati garuu tole hin jedhiniif. Isaan keessaa namoonni afurtama irra caalan riphanii Phaawulosin eeggachaa jiru; jarri kun Phaawulosin hamma ajjeesanitti waa akka hin nyaanne akka hin dhugnes, cimsanii ofitti qorobaniiru. Ammas tole jechuu kee qophaa'anii eeggatu? jedhee itti hime.

[22] Angafichi kumaa, ?Dubbii kana akka anatti himte nama tokkotti illee hin himin? jedhee abboomee, dargaggeessicha gad dhiise.

[23] Angafichi kumaa yommus angafoota dhibbaa keessaa lama waamee, ?Halkan keessaa sa'aatii sadaffaadhaa jalqabanii loltuun dhibbi lama, abboonni fardeenii torbaatamni, warri eeboo dhibbi lamas Qiisaariyaa dhaquudhaaf akka qophaa'an godhaa!

[24] Phaawulosin irra teessiftanii utuu hin miidhamin Feeliks abbaa biyyaa biraan ga'uudhaafis, horii yaabbii qopheessisaaf!? jedheen.

[25] Ofii isaatii immoo caaffata kanatti fufee jiru caafe.

[26] inni immoo, ?Ani Klaawudiiyos Liisiiyaas, ulfaatoo Feeliks abbaa biyyaatiif nagaa koo nan dhi'eessa.

[27] Warri Yihudootaa nama kana qabatanii ajjeesuuf jedhan; nama Roomaa ta'uu isaa bareen, loltuu fuudhee dhaqee, harka isaanii keessaa baase.

[28] Warri Yihudootaa sababii maaliitiif nama kana akka hammeessan, gad fageessee baruu barbaadeetan, namicha gara yaa'ii isaaniitti geesse.

[29] Namni kun waa'ee waliin morkii seera isaanii irratti hammeeffame malee, yakka du'aan yookiis hidhaadhaan isa ga'u of irraa akka inni hin qabne, qoree bira ga'eera.

[30] Yihudoota keessaa jarri tokko namicha kana ajjeesuudhaaf akka mari'atan anatti himameera. Kanaafan achumaan gara keetti isa erge; warra isa hammeessanittis, waan isa irraa qaban fuula kee duratti akka dhi'eeffataniif itti himeera? kan jedhu ture.

[31] Warri loltuu akkuma abboomamanitti, halkanuma gaafasii Phaawulosin fuudhanii Antiiphaaxriisitti geessan.

[32] Lafti bariinaan loltuun warri lafoo iddoo buufata isaaniitti deebi'an; warri fardeenii garuu Phaawulosii wajjin in adeeman.

[33] Jarri Qiisaariyaa ga'anii, caaffaticha abbaa biyyaatti kennanii, Phaawulosin immoo isa dura dhaabachiisan.

[34] Abbaan biyyaa sun caaffaticha dubbisee, nama biyya kami akka inni ta'es gaafatee, Phaawulos nama Qiliiqiyaa ta'uu isaa bare.

[35] ?Warri si hammeessan erga as ga'anii, dubbii kee nan ilaala? ittiin jedhee, mana Herodis ijaarsise keessatti akka eegamu abboome.

Hojii Ergamootaa — Chapters