Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:11

[1] Apholos amma illee Qorontos utuu jiruu, Phaawulos kutaa biyya gara olii keessa darbee, Efesoon dhufe. Achitti immoo bartoota gooftaa tokko argatee,

[2] ?Yeroo amantan hafuura qulqulluu fudhattaniittuu?? isaaniin jedhe. Isaan immoo, ?Hafuurri qulqulluun akka jiru iyyuu nuyi hin dhageenye? jedhanii deebisan.

[3] Kana irratti Phaawulos, ?Yoos immoo isin maalitti cuuphamtani ree?? jedhe; isaan immoo, ?Cuupphaa Yohannisitti? jedhan.

[4] Phaawulos yommus, ?Yohannis isa booddee isa dhufuuf turetti, kana jechuunis Yesusitti, akka amanan saba barsiisee, cuupphaa geddarannaa yaada garaa cuuphe? jedhe.

[5] Jarri kana dhaga'anii maqaa gooftaa Yesusitti cuuphaman.

[6] Yeroo Phaawulos harka isaa isaan irra kaa'etti hafuurri qulqulluun isaan irratti bu'e; isaan afaan hin beekamneen haasa'an, raajiis in dubbatan.

[7] Isaan walumatti akka namoota kudha lamaa turan.

[8] Phaawulos immoo hamma ji'a sadiitti mana sagadaa warra Yihudootaatti deddeebi'ee, ija jabinaan barsiise; yeroo kanattis wajjin dudubbachaa akka isaan amansiisuufis waa'ee mootummaa Waaqayyoo hubachiisaa ture.

[9] Isaan keessaa kaan garuu mata-jabeeyyii waan turaniif, namoota sana keessatti barsiisa karaa kristiiyaanaa irratti waan hamaa in dubbatu turan malee, hin amanne. Akkasitti Phaawulos warra amanan of duukaa fudhatee jara sana keessaa ba'e; guyyaa guyyaatti mana barumsaa Xiraanos keessatti warra amantootaa wajjin dudubbachaa ture.

[10] Kunis akka waggaa lamaa itti fufnaan, namoonni kutaa biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu Yihudoonnii fi Griikonni dubbii gooftaa in dhaga'an.

[11] Waaqayyo dinqii takkaa hin beekamin harka Phaawulosiin in raawwata ture.

[12] Kanaafis erbeen inni ittiin dafqa isaa haxaa'atu yookiis marati isaa warra dhukkubsatanitti yommuu geeffamu, dhukkubni isaanii isaan in dhiisa, hafuuronni hamoonnis keessaa in ba'u turan.

[13] Yihudoonni warri asii fi achi adeemanii hafuurota hamoota baasanis turan; isaan immoo namoota hafuurota hamoota qabanitti maqaa gooftaa Yesus itti waamuu yaalanii, hafuurota sanaanis, ?Maqaa Yesus isa Phaawulos lallabuutiin abboomamaa!? jedhan.

[14] Ilmaan Iskoyaas, angafa lubootaa warra Yihudootaa, torbanuu kana gochaa turan.

[15] Hafuurri hamaan garuu deebisee, ?Yesusin beeka, Phaawulosinis bareera; isin garuu eenyufa'i?? jedhee gaafate.

[16] Namichi hafuurri hamaan keessa tures isaanitti utaalee, humna isaan caalee uffata irratti cire; jarris mammadaa'anii qullaa isaanii harkaa ba'anii mana sanaa baqatan.

[17] Kunis Yihudootaa fi Griikota Efesoon jiraatan biratti in beekame. Kana irratti isaan guddaa na'an; maqaan gooftaa Yesus garuu ulfina guddaa argate.

[18] Warra amanan keessaas baay'een dhufanii, cubbuu isaanii mul'inatti himatanii, waan hojjechaa turan beeksisan.

[19] Isaan keessaas warri qoricha namatti gochaa turan macaafota ittiin hojjechaa turan walitti guuranii, fuula hunduma isaanii duratti guban; gatiin macaafota sanaa hamma meetii kuma digdamii shaniitti shallagame.

[20] Akkasitti dubbiin gooftaa humna isaa argisiisee, bal'achaa, guddachaas in adeeme.

[21] Dubbii kana booddee Phaawulos biyya Maqedooniyaa fi Akaayyaa keessa ba'e Yerusaalem dhaquudhaaf, murtoo godhate; ?Ergan achi ga'ee immoo Roomaas arguun ana irra jira? jedhee ture.

[22] Gargaartota isaa keessaa lama Ximotewosii fi Erasxosin gara Maqedooniyaatti ergee, ofii isaatii kutaa biyya Asiyaa keessa takka ture.

[23] Yeroo kana keessa waa'ee barsiisa karaa kristiiyaanaatiif mandara Efesoonitti gooliin guddaan in ka'e.

[24] Namichi tokko maqaan isaa Demeexros kan jedhamu meetii baqsa ture; bifa galma waaqayyittii tolfamtee, Arxemiis jedhamtu meetii irraa baqsee, namoota hojicha beekaniif karaa hojii baay'ee baneef.

[25] Demeexros jarreen kana, warra hojii kana keessaa qabanii wajjin, iddoo tokkotti walitti qabee, ?Jarana, soorumni keenya hojii kana irraa akka dhufu hundumti keessan in beektu.

[26] Waan namichi Phaawulos jedhamu kun hojjechaa jiru immoo, isin ofii keessanii arguu dhaga'uus in dandeessu. ?Waaqayyoliin harka namaatiin tolfaman, homaa miti? jedhee, addana Efesoonitti duwwaa utuu hin ta'in, kutaa biyya Asiyaa gara caalutti namoota baay'ee amansiisee yaada isaanii geddarsiiseera.

[27] Ammas hojiin keenya maqaa gadhee argachuu isaa duwwaa utuu hin ta'in, galmi Arxemiis waaqayyittii guddittii, akka waan gatii hin qabnetti lakkaa'amuun isaa in sodaachisa; guddinni waaqayyittii, ishee warri Asiyaa keessaa, warri biyya lafaa keessa jiranis hundinuu itti sagadan, baduuf jedha? isaaniin jedhe.

[28] Yeroo kana dhaga'anittis baay'ee aaranii, ?Arxemiis warra Efesoon, guddittii dha? jedhanii iyyan.

[29] Waci kun mandaricha keessa guute. Warri wacan kunis Gaayosii fi Arisxaarkos kan jedhaman, jarreen Maqedooniyaa warra Phaawulosii wajjin adeemaa turan, butanii gara mana walga'iitti fiigan.

[30] Phaawulos ofii isaatii tuuta namoota walitti qabaman sana keessatti argamuu barbaade; amantoonni garuu gad isa dhiisuu didan.

[31] Geggeessituu kutaa biyya Asiyaa sanaa kan ta'an keessaas, warri fira Phaawulos ergaa itti erganii, akka inni lafa walga'ii sana hin dhaqneef isa gorsan.

[32] Kana gidduutti walga'iin sun hundinuu in huursa ture; kaan waan tokkotti wacu; warri kaan immoo waan biraatti wacu; baay'een isaanii maaliif akka walitti qabaman iyyuu hin beekne turan.

[33] Warri Yihudootaa namicha Iskindir jedhamu tokko tuttuqanii waan kaasaniif, tuuta jaraa keessaa gar tokko immoo gara fuula duraatti isa waaman. Iskindiris akka falmannaa, jaratti waa dubbachuu barbaadee, calluma haa jedhaniif harkaan isaan hawwate.

[34] Isaan garuu, inni Yihudii ta'uu isaa hubatanii ergaan-takkaa, ?Arxemiis warra Efesoon, guddittii dha? jedhanii hamma sa'aatii lamaa kan ga'us isuma irra deddeebi'anii iyyan.

[35] Booddees caafaan mandara sanaa saba sana calluma jechisiisee, ?Yaa namoota Efesoon! Mandarri Efesoon, galma Arxemiis guddittiitii fi dhagaa bifa fakkeenya ishee, isa waaqa irraa gad bu'e, akka isheen eegdu, kan hin beekne jiraa laata?

[36] Kanas namni falmu erga hin jirree, isin gab jechuutu isiniif ta'a; waan tokko illees, utuu itti hin yaadin hojjechuun isiniif hin ta'u.

[37] Ammas isin jarreen kana as fiddaniittu; isaan garuu mi'a galma ishee hin saamne yookiis waaqayyittii hin arabsine.

[38] Demeexrosii fi hojjetoonni isaa wajjin jiran waan ittiin nama tokko illee hadheessan yoo qabaatan, guyyaan yaa'ii jira, warri biyya seerratanis jiru, achitti walitti haa falman!

[39] Kana malee, waan isin barbaaddan yoo jiraate immoo, kora mandara kanaa isa tooraan waamame keessatti ilaalamuutu ta'a.

[40] Goolii har'a ta'e kanatti itti gaafatamuun keenya hin oolu; gooliin kun ka'uu isaatiif sababiin hin jiru, nus immoo waa'ee isaatiif deebii ga'u kennuu in dadhabna? jedhe.

[41] Kana dubbatee, walga'ii sana gargar deebise.

Hojii Ergamootaa — Chapters