[1] Phaawulosii fi Baarnaabaas mandara Iqoniiyumittis akkasuma mana sagadaa warra Yihudootaatti lixanii akki isaan itti lallaban kophaa ture; kanaaf namoonni baay'een warra Yihudootaa fi warra Griikotaa keessaa amantoota ta'an.
[2] Yihudoonni warri dubbichatti hin amanne garuu namoota warra saba Waaqayyoo hin ta'initti yaada hamaa galchanii obboloota irratti kaasan.
[3] Utuma ta'uu iyyuu, ergamoonni yeroo dheeraadhaaf achi taa'anii, ija jabummaadhaan gooftaa Yesusin lallaban; gooftaan milikkinnii fi dinqiin adda addaa karaa isaanii akka raawwatamu gochuu isaatiin dubbii ayyaana isaatiif dhugaa ba'e.
[4] Namoonni mandarichaa garuu wal hiran; kaan gara Yihudootaa, kaan immoo gara ergamootaa goran.
[5] Yommus warri saba Waaqayyoo hin ta'inii fi warri Yihudootaa, warra biyya bulchanii wajjin ergamoota sana loluudhaaf dhagaadhaanis rukutuudhaaf qophaa'an.
[6] Ergamoonni garuu kana yommuu baran mandaroota kutaa biyya Liqaa'oniyaa Lisxiraadhaa fi Derbeetti biyya naannoo isaa jiruttis baqatanii,
[7] achittis wangeela lallabaa turan.
[8] Mandara Lisxiraa keessa namni naafti tokko ture. Namichi kun miilli isaa lawwaasa'aa waan tureef, dhalachuu isaatii jalqabee takkaa hin adeemne.
[9] Inni achi ciisee waan Phaawulos jedhu dhaggeeffachaa ture; yommus Phaawulos ija isaa keessa ilaalee, fayyifamuudhaaf amantii akka inni qabu arge.
[10] Achumaanis sagalee guddaadhaan, ?Ka'i qajeelii, miilla keetiin dhaabadhu!? jedheen, namichi utaalee ka'ee asii fi achi adeeme.
[11] Namoonni baay'atanii achi turan waan Phaawulos hojjete yommuu argan, sagalee isaanii ol fudhatanii afaan Liqaa'oniyaatiin, ?Waaqayyoliin namoota fakkaatanii gara keenyatti gad bu'aniiru? jedhanii dubbatan.
[12] Baarnaabaasin ?Zeos? jedhan, Phaawulosin immoo kan dubbate isa waan tureef, akka ergamaa waaqayyolii isaaniitti ?Hermees? jedhanii moggaasan.
[13] Lubni, galma Zeos isa mandaricha duubaa keessaa hojjetu tuntunootaa fi daraaraa battee dha'ame gara kellaa mandarichaatti fide; lubichi jara achi turanii wajjin ergamoota sanaaf aarsaa dhi'eessuu barbaade.
[14] Ergamoonni sun Baarnaabaasii fi Phaawulos waa'ee kanaa yommuu dhaga'an wayyaa isaanii tarsaasanii fiigichaan tuuta jara sanaa keessa lixanii itti iyyan.
[15] ?Jara nana, inni isin hojjettan kun maali? Nuyi waaqayyolii miti, akkuma keessan nama. Wanta waa'ee hin baafne waaqessuutii gara Waaqayyo isa jiraataatti akka deebitaniif dubbii gammachiisaa isinitti in himna; Waaqayyo inni jiraataan waaqichaa fi laficha, galaanicha, isaan kana keessa kan jiraatan hundumaas uumeera.
[16] Bara dhaloota darbaniitti sabni biyya lafaa irraa hundinuu karaa isaanii haa adeemaniif isaan dhiise.
[17] Haa ta'u iyyuu malee, waaqa irraa bokkaa isiniif roobsee, ija midhaaniis yeroo isaatti guutachiise. Soora isiniif kennee garaa keessanis gammachuudhaan guute; waan gaarii kana hundumaa gochuu isaatiinis gooftummaa isaa mul'iseera? jedhaniin.
[18] Kana hundumaa irratti iyyuu ergamoonni rakkina baay'eedhaan aarsaa akka isaaniif hin dhi'eessine jara dhowwan.
[19] Gaafas Yihudoonni mandaroota Anxokiyaatii fi Iqoniiyumii dhufan tokko tuuta jaraa sana sossobanii, Phaawulosin dhagaadhaan rukutan; du'eera se'aniis mandaricha keessaa gad gototan.
[20] Amantoonni garuu dhufanii isatti naanna'anii dhaabannaan, Phaawulos lafaa ka'ee mandaratti ol deebi'e; borumtaa immoo Baarnaabaasii wajjin mandara Derbee dhaqe.
[21] Phaawulosii fi Baarnaabaas mandara Derbeetti wangeela lallabanii, namoota baay'ee amantoota godhan; kana booddees mandaroota Lisxiraatii fi Iqoniiyumitti Anxokiyaa isa biyya Phisiidiyaattis deebi'an.
[22] Isaan yaada amantootaa jajjabeessanii, amantii isaaniitti akka cimaniif gorsan; ?Gidiraa baay'ee keessa darbuudhaan mootummaa Waaqayyootti galuun nuuf in ta'a? jedhaniin.
[23] Ergamoonni tokkon tokkon waldaa sanaaf jaarsolii fo'an; soomanii erga kadhatanii booddee, amantoota sana hundumaa harka gooftaa isa isaan itti amananiitti hadaraa kennan.
[24] Isaan ergasii kutaa biyya Phisiidiyaa keessa darbanii kutaa biyya Phamfiliyaa dhufan.
[25] Phergeettis dubbicha lallabanii mandara Ataalii'aatti gad bu'an.
[26] Achiis markabaan ka'anii Anxokiyaa biyya Sooriyaatti, hojii amma raawwatan kanaaf iddoo itti ayyaana Waaqayyootti kennamanii turanitti deebi'an.
[27] Erga Anxokiyaa ga'anii amantoota waldaa sanaa walitti waaman; Waaqayyo inni isaanii wajjin ture kan hojjete hundumaa, attamittis karaa itti warri saba Waaqayyoo hin ta'in amanan, akka isaaniif bane itti himan.
[28] Yeroo dheeraas amantootaa wajjin turan.