Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:46

[1] Wacichi qabbanoofnaan Phaawulos amantoota ofitti waamsisee, erga isaan jajjabeessee booddee, nagaa isaanitti dhaamee biyya Maqedooniyaa dhaquudhaaf ka'e.

[2] Amantootas lafa jiran hundumaatti dubbii baay'eedhaan jajjabeessaa, kutaa biyya sanaa keessa darbee biyya Griikii dhufe.

[3] Ji'a sadii achi taa'ee markabaan Sooriyaa dhaquudhaaf utuu qophaa'uu, warri Yihudootaa isa irratti mari'atan; kanaaf Maqedooniyaa keessa karaa lafaa deebi'uudhaaf murtoo godhe.

[4] Sophaaxros ilmi Phiiros namni Beriyaa, Arisxaarkosii fi Sekundos warri Tasaloniiqee, Gaayos namni Derbee, Ximotewosis, Xikiqoosii fi Xrofimoos warri Asiyaa, Phaawulosii wajjin turan.

[5] Jarri kun nu dura bu'anii Xro'aasitti nu eegan.

[6] Nuyi immoo, guyyaa ayyaana Maxinoo booddee Filiphisiiyusii markabaan kaanee, guyyaa shan booddee Xro'aasitti isaan qaqqabnee, guyyaa torbas achi teenye.

[7] Galgala Sanbata guddaatti bari'u, buddeena cabsachuudhaaf walitti qabamnee turre. Phaawulos borumtaa isaa adeemuu waan yaadeef, dubbii isaa dheeressee hamma halkan walakkaatti namootatti dubbate.

[8] Kutaa mana gubbaa isa nuyi itti walitti qabamne keessa, ibsaa baay'eetu ture.

[9] Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko hulaa irra taa'a ture. Phaawulos ittuma fufee dubbannaan dargaggeessicha hirribni fudhatee sokke. Inni hirriba keessa utuu jiruu hulaa mana gubbaa isa sadaffaa irraa lafa dha'ee, namoonni du'aa isaa lafaa fuudhan.

[10] Yommus Phaawulos manicha keessaa gad bu'ee irratti lafa dha'ee ammatee, ?Hin raafaminaa! Lubbuun isaa keessa jirti? jedhe.

[11] Ergasii kutaa mana gubbaa sanatti ol deebi'ee, buddeena cabsee nyaatee, hamma lafti bari'uttis namootaa wajjin haasa'e; kana booddee in adeeme.

[12] Dargaggeessichas fayyaa isaa manatti galchanii baay'ee jajjabaatan.

[13] Kana booddee Phaawulos karaa lafaa irra mandara Asos dhaquu yaade; nu immoo isa dura buunee markabaan Asos geenyee, achii akka markabicha isa yaabsifnuuf nu abboomee ture.

[14] Asositti wal arginee, nuyi isa fudhannee mandara Mixileeneetti darbine.

[15] Borumtaa isaa markabaan achii kaanee, qixa Kiiyos biyya bishaan keessaa geenye. Guyyaa lammaffaattis Saamos biyya bishaan keessaa in dhaqne, [mandara Troogiliiyon takka dhaabannee] borumtaa isaa Miilexositti galle.

[16] Phaawulos kutaa biyya Asiyaa keessa turuu hin barbaanne. Kanaaf Efesoonitti goruu dhiisee, markabaan darbuudhaaf murtoo godhe; ayyaana guyyaa shantamaffaa isa ?Phenxeqostee? jedhamee beekameef, Yerusaalem ooluun danda'ama yoo ta'e jedhee, ariifatee ture.

[17] Phaawulos Miilexoosii nama ergee jaarsolii waldaa Efesoon ofitti waamsise.

[18] Jaarsoliin sunis gara isaa dhufnaan, ?Ergan gaafa kutaa biyya Asiyaa kana dhufeetii jalqabee, yeroo hundumaa attamitti akkan isin gidduu jiraadhe, ofii keessanii beektu.

[19] Karaa hundumaan of gad deebisuudhaan, imimmaaniin, qoramsa Yihudoonni anatti malan keessattis gooftaadhaaf hojjechaan ture.

[20] Kamiin illee taanaan waan waa'ee isiniif baasu hundumaa, waldaatti, mana manattis isinitti lallabuudhaaf isin barsiisuu irraa ani of hin qusanne.

[21] Yaada garaa geddaratanii gara Waaqayyootti akka deebi'an gooftaa keenya Yesusittis akka amanan Yihudootaa fi Griikotatti dhugaa ba'eera.

[22] Ammas kunoo achitti waan anatti dhufu utuun hin beekin, hafuura qulqulluudhaan qabamee Yerusaalem dhaquu koo ti.

[23] Hafuurri qulqulluun garuu, hidhamuunii fi dhiphachuun akka ana eeggatu, mandara ani ga'e hundumaatti anatti mul'iseera.

[24] Haa ta'u iyyuu malee, hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba'uu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii anaaf qabutti hin lakkaa'u.

[25] ?Ammas isin, warri ani isin gidduu deddeebi'ee waa'ee mootummaa Waaqayyoo isinitti lallabaa ture hundinuu, si'achi akka ana hin argine ani beeka.

[26] Kanaafis isin keessaa tokko karaa irraa yoo bade, akka ani itti hin gaafatamne har'a guyyaa kanatti isinitti dhugaa ba'uu koo ti.

[27] Anoo fedha Waaqayyoo hundumaa isinitti labsuudhaaf hin seesne.

[28] Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa!

[29] Erga ani adeemee immoo warri akka yeeyyii sodaachisoon, hoolota karra keessatti kan hin hambifne akka isin gidduu galan ani beeka.

[30] Isinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jal'isuudhaan amantoota gara galchanii of duukaa buusan in ka'u.

[31] Kanaafis dammaqaa! Waggaa sadii halkanii fi guyyaa utuu gargar hin kutin immimaaniin akkan tokkon tokkon keessan gorsaa ture yaadadhaa!

[32] Ammas harka Waaqayyoo isa isin jabeessu, qulqulloota isaa hundumaa gidduudhaas dhaala isiniif kennuu danda'utti, dubbii ayyaana isaattis isin nan kennadha.

[33] Tokkon keessan irraa warqee yookiis meetii yookiis uffata argachuu hin kajeelle.

[34] Anaa fi warra na duukaa jiraniif waan barbaachise argachuudhaaf harka kootiin hojjechaa akkan ture, isin ofii keessanii iyyuu beektu.

[35] Akka kanatti dhamaanee hojjechuudhaan dadhaboota gargaaruun, isa gooftaa Yesus ofii isaatii, ?Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa? jedhes yaadachuun nuuf in ta'a; anis immoo karaa kana hundumaan fakkeenya isiniif ta'eera? jedhe.

[36] Phaawulos kana erga dubbatee booddee, hunduma isaanii wajjin jilbeenfatee Waaqayyoon kadhate.

[37] Hundumti isaaniis boo'aa morma isaatti marmanii dhungatan.

[38] Dubbiin inni si'achi akka isaan isa hin argine dubbate immoo, caalaa isaan gaddisiise; akkasitti isaan hamma lafa markabaatti isa geggeessan.

Hojii Ergamootaa — Chapters