[1] Yaa ulfaataa fi jaallatamaa Tewofilos! Waa'ee dubbii nu gidduutti raawwatame kanaa namoonni baay'een odeessuu yaalaniiru.
[2] Kanas immoo qopheessuun isaanii akka warri jalqabaa jalqabanii duukaa turan, ija isaaniitiin kan argan, dubbichaafis kan hojjetan nutti dabarsanitti.
[3] Anis immoo dubbii kana jalqaba isaatii jalqabee, keessa lixee qoraa waanan tureef, tarreetti galchee siif caafuun gaarii fakkaatee anatti mul'ate.
[4] Kana gochuun koos, dubbiin sitti himame kun dhugaadhaa fi amanamaa ta'uu isaa akka hubattuuf.
[5] Bara Herodis biyya Yihudaa bulchaa turetti, balbala lubootaa kutata Abiiyaa keessaa lubni Zakaariyaas jedhamu tokko ture; haati manaa isaas sanyii lubootaa keessaa, maqaan ishees Elsaabex jedhama.
[6] Lachuun isaanii abboommii gooftaatii fi seera isaa raawwachaa fuula Waaqayyoo duratti jireenya qajeelaa jiraatan.
[7] Haa ta'u iyyuu malee, Elsaabex dhabduu waan turteef, dhala hin godhanne; lachanuu immoo lafa guuraniiru turan.
[8] Darabeen balbala isaatii geenyaanis, gaaf tokko Zakaariyaas warra kaanii wajjin fuula Waaqayyoo duratti hojii lubummaa isaa hojjechuudhaaf dhi'aate.
[9] Akka amala hojii hirmaachuu isaaniitti Zakaariyaas aarsaa akka dhi'eessuuf, buufata mukaatiin irra buunaan, gara mana qulqullummaatti ol gale.
[10] Yeroo aarsaa ixaanaa kanattis sabni baay'een alaa in kadhata ture.
[11] Yommus ergamaan Waaqayyoo iddoo itti ixaanni aarfamu gara mirgaatiin dhaabatee, Zakaariyaasitti mul'ate.
[12] Zakaariyaas yommuu isa arge, na'ee sodaate.
[13] Ergamichi immoo itti dubbatee, ?Yaa Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqayyo kadhannaa kee dhaga'eera'o, Elsaabex haati manaa kee ilma siif in deessi, maqaa isaas Yohannis jettee in moggaafta.
[14] Ati guddaa in gammadda, dhalachuun isaas namoota baay'eetiif gammachuu in ta'a.
[15] Inni guddaa in ta'a, daadhii waynii yookiis dhugaatii macheessu hundumaa matumaa hin dhugu, garaa haadha isaatii jalqabees hafuura qulqulluudhaan in guutama.
[16] Saba Israa'el keessaas danuu gara Waaqayyo gooftaa isaaniitti deebisee isaan in fida.
[17] Inni hafuuraa fi humna, Eliyaas raajichi qaba ture in argata; yaada abbootaatii fi kan ijoollotaa walitti deebisuudhaaf, kan warra hin abboomamnees gara warra tolootaatti harkisuudhaaf, saba isaa gooftaa isaaniitiif kan qophaa'an gochuudhaafis gooftaa dura in adeema? jedhe.
[18] Zakaariyaas yommus ergamichaan, ?Kun akka ta'u attamittan beeka? Anoo dulloomeera, haati manaa koos barri ishee darbeera? jedhe.
[19] Ergamichi immoo, ?Ani Gabri'elii dha, fuula Waaqayyoo dura kanan dhaabadhu, misraachoo kana sitti himuudhaafan ergame.
[20] Ati garuu ergaa ani sitti himee yeroo isaatti isa raawwatamuuf jiru hin amanne; kanaafis hamma kun ta'utti arrabni kee didaa in ta'a? jedhee deebiseef.
[21] Sabni gad ba'uu Zakaariyaas eeggachaa ture sun, mana qulqullummaa keessa hamma kana waan inni tureef in dinqifate.
[22] Yommuu gad ba'es inni dubbachuu dadhabnaan, mana qulqullummaa keessatti mul'ata argee akka ture hubatan; arrabni isaa didaa waan ta'eef, harka isaatiin milikkita duwwaa isaanii kennuu danda'e.
[23] Guyyoonni darabee isaa raawwatamnaan, Zakaariyaas gara mana isaatti deebi'e.
[24] Kana booddees haati manaa isaa Elsaabex ulfooftee, hamma ji'a shaniitti manaa hin baane turte.
[25] Isheen, ?Kun hojii gooftaa ti, amma gara booddeetti na yaadatee, namoota gidduutti ceephoo na irra ture ana irraa fageesse? jette.
[26] Elsaabex ulfooftee ji'a ja'affaatti, ergamichi Gabri'el Waaqayyo biraa kutaa biyya Galiilaa mandara Naazireet jedhamutti ergame.
[27] Ergaan isaas gara durba Maariyaam jedhamtu tokkotti ture; isheen nama Yoseef jedhamu, sanyii Daawit keessaa dhalate tokkoof, kaadhimatamtee turte.
[28] Ergamichi isheetti mul'atee, ?Waaqayyo gooftaan sii wajjin jira'o, nagaan siif haa ta'u, yaa ayyaana-qabeettii!? ittiin jedhe.
[29] Maariyaam nagaa kana yommuu dhageesse, yaadaan dhiphattee, ?Kun maal jechuu dha?? jettee of gaafatte.
[30] Yommus ergamichi isheedhaan, ?Yaa Maariyaam Waaqayyo biraa ayyaana argatteetta hin sodaatin!
[31] Kunoo in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi!
[32] Inni guddaa in ta'a ilma aabbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf.
[33] Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo'a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu? jedhe.
[34] Maariyaam yommus, ?Anoo amma illee durba, kun attamitti ta'uu danda'a?? jettee ergamicha gaafatte.
[35] Ergamichi immoo, ?Hafuurri qulqulluun si irra in bu'a, humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama.
[36] Kunoo firri kee isheen sitti aantu Elsaabex, dhabduu jedhamaa kan turte, bara dulluma isheetti ilma godhachuudhaaf erga ulfooftee, ji'a ja'affaa ishee ti.
[37] Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru? jedhee deebiseef.
[38] Kana irratti Maariyaam, ?Ani garbittiin gooftaa kunoo asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa ta'u!? jetteen. Kana booddee ergamichi iddoo dhufetti in deebi'e.
[39] Kana booddee utuu hin turin Maariyaam kaatee ariifattee baddaatti ol baate, gara mandara Yihudaa dhaqxe.
[40] Mana Zakaariyaasitti ol galtee, Elsaabexin nagaa gaafatte.
[41] Yeroo Elsaabex nagaa Maariyaam dhageessetti, mucichi gammachuudhaan garaa ishee keessa burraaqe. Elsaabex yommus hafuura qulqulluudhaan in guutamte.
[42] Sagalee ishee ol fudhattee dhageessiftees, ?Ati dubartoota hundumaa irra eebbifamtuu dha; mucaan ati garaatti baattus eebbifamaa dha.
[43] ?Amma garuu haati gooftaa kootii dhuftee akka na dubbiftuuf, ulfinni hammana ga'u eessaa anaaf ta'e?
[44] Akkuma sagaleen nagaa kee gurra koo keessa bu'een, mucichi gammachuudhaan garaa koo keessa burraaqe.
[45] Abdiin gooftaan kenne akka raawwatamu beektee, kan amante, attam kan ayyaanomtee dha!? jette.
[46] Maariyaam yommus, ?Garaan koo gooftaa kootiif hooqubaa dhi'eessa;
[47] hafuurri koos Waaqayyo fayyisaa kootti in ililcha.
[48] Inni gad deebii garbittii isaa yaadateera'o; egaa, ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu ayyaana-qabeettii anaan jedhu.
[49] Waaqayyo inni danda'aan, waan guddaa anaaf godhe; maqaan isaa qulqulluu dha.
[50] Araarri isaa dhalootaa hamma dhalootaatti, warra isa sodaatan irratti.
[51] Irree isaatiin aangoo isaa mul'ise; warra kooranis yaada garaa isaanii wajjin bittimse.
[52] Gooftota ol of qaban teessoo isaanii irraa isaan buuse; warra gad deebi'anis ol isaan kaase.
[53] Warra beela'an waan gaariidhaan quufse; sooressota harka duwwaa isaan gad dhiise.
[54] Garbicha isaa Israa'elin gargaaruufis birmate, araara gochuudhaaf qopheesse, in yaadate;
[55] abboota keenya isa abdachiise, Abrahaamii fi ijoollee, ijoollee isaatiifis bara baraan eege? jette faarfatte.
[56] Maariyaam ji'a sadii kan ga'u Elsaabex bira turtee, kana booddee gara mana isheetti deebite.
[57] Elsaabex yeroon da'umsa ishee geenyaan, ilma deesse.
[58] Olloonni isheetii fi firoonni ishee araara guddaa gooftaan isheedhaaf buuse yommuu dhaga'an, ishee wajjin gammadan.
[59] Guyyaa saddeettaffaa isaatti mucicha dhagna qabuudhaaf warri dhufan, akka maqaa abbaa isaatti Zakaariyaas jedhanii moggaasuuf turan.
[60] Haati isaa Elsaabex garuu, ?Waawuu, maqaan isaa Yohannis haa jedhamu malee? jettee didde.
[61] Isaan immoo, ?Firoota kee keessaa maqaa kanaan tokko illee hin waamamne? jedhan.
[62] Rakkannaanis mucicha eenyu jedhee waamuu akka fedhu abbaa isaa milikkitaan gaafatan.
[63] Zakaariyaasis waan irratti caafu akka isaaf kennaniif gaafatee maqaan isaa Yohannis jedhama, jedhee caafnaan, hundumti isaanii raajeffatan.
[64] Achumaan Zakaariyaas arrabni isaa hiikamnaan dubbachuu danda'e, hundumaa duras Waaqayyoon galateeffachuu jalqabe.
[65] Olloonni isaaniis hundinuu in na'an; dubbiin kun baddaa Yihudaa guutummaatti dhaga'amee, bal'aattis dubbatame.
[66] Warri kana dhaga'an hundinuu immoo dubbicha garaatti qabatanii, ?Mucaan kun maal ta'inna laata? Dhugumaan harki Waaqayyoo hamma ammaatti isaa wajjin ture? jechaa turan.
[67] Zakaariyaas abbaan mucichaa hafuura qulqulluudhaan guutamee raajii dubbate;
[68] ?Waaqayyo gooftaan Israa'el, kan galateeffamuu dha, saba isaa furuudhaaf dhufe;
[69] fayyisaa aango-qabeessas nuuf kaase, lataa garbicha isaa Daawit keessaa.
[70] Afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa akka ture, bara durii duriitii jalqabee,
[71] harka diinota keenyaa akka nu oolchu, qabaa warra nu jibban hundumaa keessaas akka nu baasu;
[72] abboota keenyaafis araara akka godhuuf, kakuu isaa isa qulqullaa'aa akka yaadatuuf;
[73] abbaa keenya Abrahaamiif isa dhaabe nuuf kennuudhaaf, kakuudhaan akka jabeesse;
[74] harka diinota keenyaa nu oolchuudhaaf, nus sodaa malee akka isaaf hojjennu gochuudhaaf;
[75] qulqullummaa fi tolatti fuula isaa dura jiraachuudhaaf, bara jireenya keenya hundumaatti.
[76] Ati immoo yaa mucaa nana, raajii aabbaa in jedhamta; karaa isaa qopheessuudhaaf fuula gooftaa dura in adeemta;
[77] beekumsa fayyinaa saba Waaqayyoof kennuudhaaf, dhiifamuu cubbuu isaaniis argachiisuudhaaf;
[78] Waaqayyo keenya, araara isaa isa oo'aan guuteen, barii fayyinaa nuuf bariisisa;
[79] warra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessatti argamanitti mul'achuudhaaf, miilla keenyas daandii nagaa irra geggeessuudhaaf? jedhe.
[80] Mucichi guddachaa, hubachaas in adeema ture; hamma guyyaa mul'inatti hojii isaa saba Israa'el keessatti jalqabettis, lafa onaa keessa in jiraata ture.