[1] Al tokko warri qaraxa fuudhanii fi warri akka seeraatti hin jiraanne hundinuu dubbii isaa dhaga'uudhaaf, gara isaatti dhi'aatan.
[2] Fariisonnii fi barsiisonni seeraa garuu, ?Namichi kun cubbamoota in simata isaanii wajjinis in nyaata? jedhanii Yesus irratti guunguman.
[3] Kana irratti Yesus fakkeenya kana isaanitti hime;
[4] ?Isin keessaa hoolaa dhibba kan qabu, dhibba sana keessaa hoolaan tokko yoo duraa bade, inni sagaltamii salganuu moggaatti dhiisee, ishee badde sana hamma argatutti barbaaduudhaaf kan hin dhaqne nama attamii ti ree?
[5] Yommuu argatus gammadee gurmuu isaa irratti in baata.
[6] Erga manatti galees firoota isaatii fi olloota isaa waamee, ?Hoolaa koo ishee na duraa badde waanan argadheef anaaf gammadaa!? in jedhaan.
[7] Akkuma kanatti warri waaqa irraa qajeeltota sagaltamii salgan warra yaada garaa isaanii geddarachuun isaan hin barbaachifne irra caalaa, cubbamaa yaada garaa isaa geddaratee gara Waaqayyootti deebi'u tokkotti akka gammadan isinittan hima? jedhe.
[8] Itti dabalee immoo, ?Dubartiin tokko meetii kudhan qabdi; kurnan sana keessaa tokko yoo bade, ibsaa ibsitee mana ishee hartee, hamma argattutti dhimmitee in barbaaddi mitii ree?
[9] Yommuu argattus firoota isheetii fi olloota ishee waamtee, ?Meetii koo isa na duraa bade waanan argadheef anaaf gammadaa!? in jettiin.
[10] Akkuma kanatti cubbamaan tokko yaada garaa isaa geddaratee, gara Waaqayyootti yommuu deebi'u, ergamoonni Waaqayyoo akka itti gammadan isinittan hima? jedhe.
[11] Gaaf tokko immoo Yesus, ?Namni tokko ilmaan lama qaba ture.
[12] Inni quxisuun abbaa isaatiin, ?Yaa abbaa ko qabeenya kee keessaa kan na ga'u hirmaata koo naa kenni!? jennaan, abbaan isaanii waan qabu hundumaa ilmaan isaa lamaaniif hire.
[13] Guyyaa baay'ee utuu hin turin ilmi namichaa inni quxisuun, kan isa ga'e hundumaa calleeffatee, mana abbaa isaatii ba'ee biyya fagoo dhaqe; achitti akka malee jiraachuu isaatiin horii isaa hundumaa akkasumaan bittimse.
[14] Yeroo inni waan qabu hundumaa fixetti, beelli jabaan isaa biyya sanatti bu'e, kanaafis baay'ee rakkate.
[15] Warra biyyasii keessaas gara isa tokkoo dhaqee itti of gate; namichis waan godhu dhabnaan, booyyee haa tiksuuf lafa darabaa isaatiitti isa erge.
[16] Baay'ina beela isaa irraa kan ka'es qola booyyeen nyaatuun illee garaa isaa guuttachuu in kajeela ture, garuu isuma iyyuu argachuu hin dandeenye.
[17] ?Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee, ?Hojjetoonni guyyaa, abbaa kootiif hojjetanii buddeenni isaan irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti beelaanan badduu ba'a.
[18] Ka'ee gara abbaa koo dhaqeetan, ?Yaa abbaa ko, Waaqayyoon, sis yakkeera;
[19] si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u, hojjetoota kee keessaa akka isa tokkoo na godhadhu? ? jedhaan.
[20] Ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illees fagoodhaa utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e; itti fiiges ilma isaatti marmee dhungates.
[21] Ilmi isaa garuu, ?Yaa abbaa ko, ani Waaqayyoon, sis yakkeera, si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u? jedheen.
[22] Abbaan isaa garuu ergamtuu isaatiin, ?Dafaatii uffata isa keessaa caalu fidaatii itti uffisaa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees miilla isaatti kaa'aa.
[23] Tuntunicha isa coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas.
[24] Ilmi koo kun du'edhuma ture deebi'ee jiraate, badee ture in argames? jedhe; hundumtinuus itti gammadan.
[25] ?Ilmi namichaa inni angafni lafa qotiisaa turee, deebi'ee manatti yommuu dhi'aate sagalee weedduutii fi kan sirbaa dhaga'e.
[26] Yommus ijoollota keessaa isa tokko ofitti waamee, ?Maaltu argame?? jedhee gaafate.
[27] Gurbichi immoo deebisee, ?Obboleessa keetu deebi'ee gale; kanaafis nagaadhaa fi fayyaatti waan isa argateef, abbaan kee tuntunoo isa coomaa qalchiise? jedheen.
[28] Kana irratti ilmi inni angafni aaree manatti galuu dide; abbaan isaa yommus gad itti ba'ee, ol haa galuufis guddisee isa kadhate.
[29] Inni garuu deebisee abbaa isaatiin, ?Ilaa, ani waggoota kana hundumaa akka garbichaatti siif hojjechuuttan jira; takkaas abboommii kee didee hin beeku, ati immoo ilmoo reetii tokko illee hiriyoota koo wajjin akkan itti gammaduuf takkaa anaaf laattee hin beektu.
[30] Amma garuu ilmi kee inni qabeenya kee hundumaa gaalamootaa wajjin fixe kun, deebi'ee dhufnaan tuntunoo coomaa isaa qalteefii?? jedhe.
[31] Abbaan isaa immoo, ?Yaa ilma ko, ati yeroo hundumaa anaa wajjin as jirta, wanti ani qabu hundinuus kan kee ti.
[32] Amma garuu obboleessi kee kun du'ee kan ture deebi'ee waan jiraateef, badees kan ture waan argameef cidha godhachuunii fi gammaduun nuuf in ta'a? jedhee deebiseef? jedhe.