[1] Yesus Yerikoo dhufee keessa darbe.
[2] Namni Zakewos jedhamu tokko achi ture; inni angafa warra qaraxxuu, badhaadhaas ture.
[3] Zakewos kun Yesus isa kam akka ta'e baruu barbaade; garuu namoonni waan baay'ataniif, hojjaan isaas gabaabaa waan tureef, isa arguu hin dandeenye.
[4] Yesus karaa sana irra akka darbu yommuu beeke, namichi isa arguudhaaf dura fiigee, qilinxoo tokko yaabe.
[5] Yesus iddoo sana yommuu ga'e, ol ilaalee, ?Yaa Zakewos, dafii gad bu'i, har'a mana kee ooluun anaaf ta'ao? jedheen.
[6] Zakewosis dafee gad bu'ee, gammachuudhaan Yesusin simate.
[7] Jarri kana arganii, ?Keessummummaaf mana nama cubbamaa kanaa dhaqe? jedhanii, hundumti isaanii Yesus irratti guunguman.
[8] Zakewos garuu ka'ee gooftichaan, ?Yaa gooftaa walakkaa qabeenya kootii warra deegaadhaaf nan kenna, kana malees eenyu irraa illee waan tokko giddisiisee fudhadheera yoon ta'eef, dachaa afur nan baasaaf? jedheen.
[9] Yesus deebiseefii, ?Har'a fayyinni maatii kanaaf ta'eera; namni kunis immoo ilma Abrahaami'o.
[10] Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera? jedhe.
[11] Namoonni dubbii isaa utuu dhaggeeffachaa jiranii, Yerusaalemitti waan dhi'aateef, jarris mootummaan Waaqayyoo yommusuma kan mul'atu waan isaanitti fakkaateef, Yesus dabalee fakkeenya kana isaanitti hime.
[12] ?Abbaan qoroo tokko mootummaa fudhatee deebi'uudhaaf, biyya fagoo dhaqe.
[13] Garboota isaa keessaa namoota kudhan ofitti waamee, adda addaan warqee waqeeta tokko tokko itti kennee, ?Hamma ani deebi'utti ittiin bitaa gurguraa? jedhe.
[14] Namoonni biyya isaatii garuu isa jibbanii, ?Namni kun nu irratti akka mo'u hin barbaannu? jedhanii akka himaniif, jaarsolii booddee isaatiin duukaa ergan.
[15] ?Abbaan qoroo sunis mootummaa fudhatee erga deebi'ee booddee, horii isa isaan bira jiru kanaan hammam akka ittiin buufatan beekuudhaaf, garboota sana waamsise.
[16] Inni duraa, ?Yaa gooftaa, warqee ati anatti kenniteen warqee waqeeta kudhan buufadheera? jedheen.
[17] Mootichi immoo, ?Ba'eessa goote, garbicha gaarii nana, waan baay'ee xinnoo irratti waan amanamteef, ani immoo mandara kudhan akka mootuuf siifan kenna? jedheen.
[18] Inni lammaffaanis dhi'aatee, ?Yaa gooftaa, warqee ati anatti kenniteen, warqee waqeeta shan buufadheera? jedhe.
[19] Isa kanaanis, ?Atis immoo mandaroota shan irratti mo'i!? jedhe.
[20] Inni sadaffaan immoo dhi'aatee, ?Yaa gooftaa, warqeen kee inni ani erbeedhaan maree dhoksee kaa'e kunoo ti;
[21] ati nama jabaa, kan hin kaa'in kan fudhattu, kan hin facaasinis kan galfattu waan taateef si sodaadheen ture? jedhe.
[22] Gooftaan isaa immoo, ?Ati garbicha waa'ee hin baafnee nana, dubbiidhuma keetiin sittan farada. Ani nama jabaa akkan ta'e, kanan hin kaa'in akkan fudhadhu, kanan hin facaasinis akkan galfadhu erga beektee,
[23] warqee koo warra dhalatti fuudhan bira maaliif anaaf hin keenye ree? Silaa'oo deebii kootti horii koo dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture? jedheen.
[24] Ergasii namoota achi dhaabataniin, ?Warqicha harkaa fuudhaa, isa waqeeta kudhan qabuuf kennaa!? jedhe. [
[25] ?Yaa gooftaa, innoo amma iyyuu waqeeta kudhan qaba? jedhaniin.]
[26] ?Ani isinittan hima, isa fudhatee waa qabu hundumaaf itti dabalamee in kennama, kana kan hin qabne garuu innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama.
[27] Amma garuu diinota koo warra isaan irratti mo'uu koo hin barbaanne kana, as fidaa ija koo duratti isaan gorra'aa!? jedhee abboome? jedhe.
[28] Yesus kana erga dubbatee booddee gara Yerusaalemitti adeemuu isaa itti fufe.
[29] Betfaageedhaa fi Bitaaniyaatti, gaara ?Gaara ejersaa? jedhamuttis yommuu dhi'aate, bartoota isaa keessaa lama erge.
[30] ?Ganda fuullee keessan jiru sana dhaqaa, akkuma achi galtaniin ilmoo harree [yaabbii] hidhamee jiru, homtinuu takkaa kan hin yaabin in argitu, hiikaatii as fidaa.
[31] Namni, ?Maaliif hiiktu?? jedhee yoo isin gaafate, ?Gooftaatu dhimma isaa qaba? ittiin jedhaa? jedhe.
[32] Bartoonni ergaman dhaqanii, akkuma Yesus isaanitti hime ta'ee argatan.
[33] Utuu isaan ilmoo harree [yaabbii] sana hiikuutti jiranii, warri horii kanaa, ?Maaliif ilmoo harree kana hiiktu?? jedhanii isaan gaafatan.
[34] Isaan immoo, ?Gooftaatu dhimma isaa qaba? jedhanii deebisaniif.
[35] Akkasitti harree sana Yesusiif fidan, uffata isaanii irra buusanii Yesusin irra kaa'an.
[36] Yesus yaabbatee utuu adeemuu, namoonni uffata isaanii karaa inni irra darbu irra afan.
[37] Mandara Yerusaalemitti dhi'aachaa, gad bu'a gaara ejersaa yommuu ga'e, tuuti bartootaa hundumti isaanii hojii dinqisiisaa argan hundumaaf gammadanii, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof galata dhi'eessuutti ka'an.
[38] ?Mootiin ergamee maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu, galateeffamaa dha; nagaan waaqa irratti, hooqubaanis ol waaqa gubbaatti? jedhan.
[39] Tuuta jaraa keessaa Fariisonni tokko, ?Yaa barsiisaa, bartoota keetti dheekkami!? jedhaniin.
[40] Yesus immoo, ?Ani isinittan hima, isaan kun calluma utuu jedhanii, dhagoonni kun in iyyu turan? jedhee deebiseef.
[41] Yesus itti dhi'aatee mandara Yerusaalem yommuu arge, in boo'eef.
[42] ?Har'uma illee, ati nagaadhaaf kan siif ta'u utuu beektee, attam gaarii ture; amma garuu wanti kun ija kee duraa dhokatee jira.
[43] Guyyoonni itti diinonni kee dallaa sitti ijaaran, si marsan, karaa hundumaanis si cunqursan, sitti dhufuuf jiru.
[44] Bara Waaqayyo itti si fayyisuu dhufe waan hin beekneef, si, ijoollee kee warra masaraa kee keessa jiranis lafatti isin in dabalu, dhagaa wal irra kaa'ame hundumaas wal irratti siif hin dhiisan? jedhe.
[45] Yesus mana qulqullummaatti galee, warra bitanii gurguraa jiran manicha keessaa baasuutti ka'e.
[46] Isaanitti dheekkamee, ? ?Manni koo mana kadhataa ti? jedhamee caafameera, isin garuu holqa hattuu isa godhattan? jedhe.
[47] Yesus guyyaa guyyaatti mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa, maanguddoota jaraa ofitti dabalanii, isa balleessuu barbaadan.
[48] Haa ta'u iyyuu malee, warri kaan hundinuu yaada guutuudhaan dubbii isaa dhaggeeffachuutti waan qabamaniif, waa isa gochuudhaaf fucha hin arganne.