[1] Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime.
[2] ?Abbaan firdii Waaqayyoon hin sodaanne, namas hin safeeffanne tokko, mandara tokko keessa ture.
[3] Mandarichuma sana keessaa immoo haati hiyyeessaa tokko yeroo yerootti deddeebitee, ?Anaa fi isa anatti falmu gidduutti firdii qajeelaa anaaf kenni!? jettee, itti boossi turte.
[4] Inni immoo ishee jalaa didee lafa irra duraa harkise; booddee garuu innumtuu, ?Waaqayyoon yoon sodaachuu dhabaadhe, namas yoon safeeffachuu dhabaadhe,
[5] haati hiyyeessaa kun waan na dadhabsiiftuuf firdii kennuufii anaaf wayya, kanaa achi dhuftee ana nuffisiifti? jedhee ofitti dubbate? jedhe.
[6] Gooftaan kana irratti, ?Dhaggeeffadhaa, waan abbaan firdii jal'aan kun jedhu!
[7] Waaqayyo immoo warra isaaf fo'amanii, guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasufii ree? Yookiis lafa irra duraa harkisaa ree?
[8] Ani isinittan hima, dafee dhugaa in baasaaf; haa ta'u iyyuu malee, ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?? jedhe.
[9] Yesus namoota warra ofii qajeelummaatti jiraanna jedhanii, of amanatanii, warra kaan hundumaa immoo tuffatanitti, fakkeenya kana dubbate.
[10] ?Jarreen lama kadhachuudhaaf mana qulqullummaatti ol galan; isaan Fariisicha tokkoo fi, namicha qaraxa fuudhu tokko turan.
[11] Fariisichi fuula dura dhaabatee garaa isaa keessatti, ?Yaa Waaqayyo, akka namoota warra kaanii, warra saamtuu, jal'oota, ejjitoota yookiis akka qaraxxuu kanaa iyyuu waanan hin ta'iniif sin galateeffadha.
[12] Torban keessaa guyyaa lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko nan baasa? jedhee kadhate.
[13] Inni qaraxa fuudhu sun garuu, achi fagaatee dhaabatee, ija isaan illee gara waaqaatti ol hin ilaalle; qoma isaa rukutachaa, ?Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami!? in jedha ture malee.
[14] Egaa isa Fariisicha sana irra namichi qaraxa fuudhu kun Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee, gara mana isaatti akka deebi'e, isinittan hima; kan ol of qabu hundinuu gad in deebifama, kan gad of deebisu immoo ol in qabama? jedhe.
[15] Yesus harka isaa akka isaan irra kaa'uuf, namoonni mucooliis immoo gara isaa in fidu turan; bartoonni kana yommuu argan, ifatanii isaan dhowwan.
[16] Yesus garuu mucoolii sana ofitti waamee, ?Lakkisaa, mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa, mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'ao.
[17] Dhuguman isinitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan hin simanne, itti hin galu? jedhe.
[18] Gurguddoota Yihudootaa keessaa tokko, ?Yaa barsiisaa gaarii, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal godhu?? jedhee isa gaafate.
[19] Yesus immoo deebiseefii, ?Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru.
[20] Abboommii isaa beekta, ?Hin ejjin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!?? jedhe.
[21] Namichi immoo, ?Kana hundumaa ijoollummaa kootii jalqabee raawwadheera? jedhe.
[22] Yesus yommuu kana dhaga'e namichaan, ?Amma illee wanti gochuun si hafe tokko jira, waan qabdu hundumaa gurgurii warra deegaadhaafis hiri, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta; erga hirtee booddee immoo kottuu ana duukaa bu'i!? jedhe.
[23] Namichi garuu yommuu kana dhaga'e, baay'ee sooressa waan tureef, baay'isee gadde.
[24] Yesus gadda namichaa yommuu hubate, ?Warra qabeeyyiidhaaf mootummaa Waaqayyootti galuun attam rakkisaa dha.
[25] Sooressi tokko mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba'uutu salphata? jedhe.
[26] Warri kana dhaga'an immoo, ?Egaa eenyutu fayyuu danda'a ree?? jennaan,
[27] inni immoo, ?Namaaf kan hin danda'amne, Waaqayyoof in danda'ama? jedhee deebiseef.
[28] Phexros yommus, ?Kunoo, nuyi qe'ee keenya dhiifnee si duukaa buuneerra? jedhe.
[29] Yesus immoo, ?Dhuguman isinitti hima, namni hundinuu mana, haadha manaa yookiis obboloota yookiis abbaa fi haadha yookiis ijoollee sababii mootummaa Waaqayyoof jedhee dhiise,
[30] bara jireenya isaatti dachaa baay'ee caalchisee in argata; bara dhufutti immoo jireenya bara baraatti in gala? isaaniin jedhe.
[31] Yesus ergasii bartoota kudha lamaan kophaatti fudhatee, ?Kunoo gara Yerusaalemitti ol ba'uu keenya, waa'ee ilma namaatiif raajotaan kan caafame hundinuus in raawwatama.
[32] Harka warra saba Waaqayyoo hin ta'initti in kennama, itti in ga'ifama, in arrabsama, ittis in tufama;
[33] isa in reebu, in ajjeesus, inni immoo guyyaa sadaffaatti du'aa in ka'a? isaaniin jedhe.
[34] Isaan garuu iji dubbichaa isaan duraa dhokatee waan tureef, dubbii kana keessaa waan tokko illee hin hubanne, waan jedhames hin qabanne.
[35] Yesus Yerikootti yommuu dhi'aate, namichi jaamaan tokko karaa dura taa'ee, in kadhata ture.
[36] Sagalee namoota danuu karicha irratti dhageenyaanis, maal akka ta'e warra darbuutti jiran gaafate.
[37] Isaan immoo, ?Yesus nama Naazireet sanatu asiin darbaa jira? jedhanii itti himan.
[38] Kanaaf inni iyyee, ?Yesus, ilma Daawit na maari!? jedheen.
[39] Warri fuula dura adeeman immoo calluma jechisiisuuf isa ifatan; inni garuu ittuma caalchisee iyyee, ?Ilma Daawit, na maari? jedhe.
[40] Yeroo sanatti Yesus dhaabatee, namicha jaamaa sana gara isaatti akka fidaniif abboome; namichis gara isaatti in dhi'aate.
[41] Yesus immoo, ?Maal akkan siif godhu barbaadda?? jedhee isa gaafate; kana irratti inni, ?Agartuu koo akka naa deebiftu, gooftaa ko? jedhe deebiseef.
[42] Yesus immoo, ?Amantiin kee si fayyiseera'o, agartuun kee siif haa deebi'u? ittiin jedhe.
[43] Achumaanis agartuun isaa deebi'eef; namichis Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa, Yesus duukaa bu'e. Namoonni sun hundinuus kana yommuu argan Waaqayyoof galata galchan.