[1] Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko, ?Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!? jedheen.
[2] Kana irratti inni, ?Yommuu kadhattan akka kanatti fufee jirutti kadhadhaa! ?Yaa abbaa, [yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa!] Maqaan kee haa qulqullaa'u! Mootummaan kee haa dhufu [jaalalli kee waaqa irratti akka ta'u akkasuma immoo lafa irratti haa ta'u!]
[3] Soora har'aabor nu barbaachisu guyyuma guyyaan nuuf kenni!
[4] Cubbuu keenyas nuuf dhiisi, nus immoo warra nu yakkan hundumaaf in dhiifna; qoramattis nu hin galchin, [hamaa nu oolchi malee] jedhaa!?? jedhee isaan barsiise.
[5] Yesus yommus bartoota isaatiin, ?Isin keessaa tokko fira yoo qabaate, firri isaa sun immoo halkan walakkaa gara isaa dhaqee, ?Yaa hiriyaa ko buddeena sadii anaaf liqeessi.
[6] Firri koo tokko karaa utuu adeemuu, ammuma kana mana kootti gorraan, waanan dhi'eessuuf dhabe? in jedhaan.
[7] Hiriyaan isaa sun immoo mana keessaa, ?Obboleessa ko ana hin dhamaasin, balballi cufameera, ijoolleen koos anaa wajjin siree irra jiru, rafaniirus, ani immoo danda'ee ka'ee siif hin kennu? in jedhaan ture.
[8] Isinittan hima, firummaa isaa ilaalee ka'ee yoo buddeenicha kennuufii baate iyyuu waan inni deddeebisee ija jabaatee kadhateef, ka'ee kan isa barbaachise in kennaaf? jedhe.
[9] ?Egaa isinittan hima, kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama.
[10] Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama.
[11] Isin keessaa abbaa kan ta'e, ilmi isaa [buddeena yoo kadhate, isa inni kadhate dhowwatee, dhagaa kennaafii ree?] Qurxummii yoo kadhate, qurxummii isa inni kadhate dhowwatee, bofa kan kennuuf jiraa ree?
[12] Yookiis ilmi isaa hanqaaquu yoo kadhate, torbaanqabaa in kennaafii ree?
[13] Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irra ammoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!? jedhe.
[14] Yesus hafuura, isa nama tokko arraba hidhee ture baase. Erga hafuurichi hamaan keessaa ba'es, namichi arrabni isaa hidhamee ture dubbachuu jalqabe; namoonnis guddaa dinqisiifatan.
[15] Jara keessaa kaan garuu, ?Inni humna Bi'el Zebul angafa Seexanootaatiin hafuurota hamoota baasa? jedhan.
[16] Warri kaan immoo isa qoruudhaaf milikkita waaqa irraa akka isaan argisiisuuf gaafatan.
[17] Inni garuu waan isaan yaadan yommuu beeke, ?Biyya kam illee taanaan tokkummaan isaa yoo gargar cabe, mootummaan isaa dhaabatee hin turu; maatiin tokko wal didee yoo gargar ba'e, manni sun in diigama.
[18] Egaa Seexanni Seexana irratti yoo ka'e, mootummaan isaa attamitti dhaabachuu danda'a? Kana jechuun koos isin, ?Humna Bi'el Zebuliin hafuurota hamoota baasa? waan anaan jettaniif.
[19] Yoo ani humna Bi'el Zebuliin hafuurota hamoota baase, ijoolleen keessan immoo maaliin baasu? Kanaaf ijoolleedhumti keessan isinitti in farachiisu.
[20] Ani garuu humna Waaqayyootiin hafuurota hamoota kanan baasu erga ta'ee, mootummaan Waaqayyoo isin irratti dhufeera.
[21] Namni jabaan mi'a lolaa qabu hundumaa qopheeffatee mana isaa yommuu eeggatu, qabeenyi isaa hundinuu nagaatti eegamaaf.
[22] Garuu namni isa irra jabaatu itti dhufee, yoo isa mo'e, mi'a lolaa inni amanate hundumaa isa irraa in fudhata, galees boojuu isaa in hirmaata.
[23] Eenyu illee gara koo yoo ta'uu dhabaate mormituu koo ti; akkasumas na gargaaree kan walitti hin qabne, in bittimsa? jedheen.
[24] ?Hafuurri hamaan nama keessaa yommuu ba'u, iddoo itti aara galfatu barbaaduuf, lafa bishaan hin jirre keessa deddeebi'a; iddoo barbaaddates yommuu dhabu, ?Mana koo isan keessaa ba'ettan deebi'ee gala? jedha.
[25] Yommuu deebi'ee dhufus, manicha haramee qopheeffamee argata.
[26] Kana booddees dhaqee hafuurota torba kan isa irra hammaatan ofitti dabalee in dhufa; isaanis manichatti galanii keessa taa'u. Jireenyi namicha sanaa inni gara booddee isa duraa irra kan itti hammaatu in ta'a? jedhe.
[27] Yesus utuu kana dubbachaa jiruu, namoota achi turan keessaa, dubartiin tokko sagalee ishee dhageessiftee, ?Gadameessi si baatee fi harmi ati hoote haa gammadan!? jette.
[28] Inni garuu deebiseefii, ?Keessumatti immoo dubbii Waaqayyoo dhaga'anii kan raawwatan haa gammadan!? jedheen.
[29] Namoonni baay'atanii gara isaatti yommuu dacha'an, Yesus, ?Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha, milikkita barbaada, garuu milikkita Yoonaas raajichaa irraa kan hafe milikkinni biraa hin kennamuuf.
[30] Yoonaas warra Nanawweetiif milikkita akka ta'e akkasumas ilmi namaa dhaloota si'anaatiif milikkita in ta'a.
[31] Mootuun biyya gara mirgaa guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa kanaa wajjin kaatee in mul'atti, ittis in farachiifti. Isheen ogummaa Solomoon dhaggeeffachuudhaaf biyya fagoodhaa dhufteetti; amma garuu, kunoo Solomoon irra kan caalu as jira.
[32] Namoonni Nanawwee guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa wajjin ka'anii in dhi'aatu, ittis in farachiisu. Isaanis lallaba Yoonaas raajichaa dhaga'anii, yaada garaa isaanii geddarataniiru; amma garuu kunoo Yoonaas irra kan caalu as jira? isaaniin jedhe.
[33] ?Homtinuu ibsaa qabsiisee, boolla keessa yookiis guuboo jala hin kaa'u; warri mana sanatti ol galan ificha akka arganiif, baattuu ibsaa irra kaa'u malee.
[34] Iji kee ibsaa dhagna keetii ti; iji kee fayyaa yoo ta'e, dhagni kee hundinuu ifaa in ta'a; garuu iji kee dhukkubsataa yoo ta'e, dhagni kee dukkanaa'aa ta'a.
[35] Kanaafis ifni si keessa jiru dukkana akka hin taaneef eeggadhu!
[36] Egaa dhagni kee guutummaatti ibsaa erga argatee, kutaa dukkanaa'aa tokko illees hin qabu erga ta'ee, akkuma ibsaan qara isaatiin siif ibsutti dhagni kee guutummaatti ifaa in ta'a? jedhe.
[37] Yesus dubbicha afaanii yommuu fixe, Fariisichi tokko nyaataaf mana isaatti isa waame. Inni yommus ol galee maaddiitti taa'e.
[38] Fariisichi sun Yesus akka amala isaaniitti utuu harka hin dhiqatin nyaatatti akka dhi'aate, yommuu arge in dinqifate.
[39] Gooftaan garuu, ?Yaa Fariisota nana, kubbayyaadhaa fi waciitii duuba duuba isaa in qulleessitu, garuu keessi keessan sassataa fi hammeenyaan guutuu dha.
[40] Isin gowwoota nana, duuba isaa isa uumetu keessa isaas immoo uume mitii ree?
[41] Qodicha keessa isa jiru hiyyeessaaf kennaa, kanaa achi hundumti isaa qulqulluu isiniif ta'a.
[42] Garuu Fariisota nana isiniif wayyoo, kan baala kefoo, kan inchilaalaa kan raafuus kudhan keessaa tokko Waaqayyoof in kennitu, garuu namaaf dhimmuu akkasumas jaalala Waaqayyoo in dhiiftu. Kudhan keessaa tokko baasuu utuu hin dhiisin, isa kanas immoo raawwachuun isiniif ta'a ture.
[43] Fariisota nana isiniif wayyoo, mana sagadaa keessaa taa'umsa olaanuu in jaallattu, gabaattis gugguufanii nagaa akka isin gaafatan in feetu.
[44] Isiniif wayyoo, isin akka awwaala lafti isaa hin beekamnetti, namni utuu hin hubatin irra adeemee of xureessa? jedheen.
[45] Barsiisota seeraa keessaa tokko, ?Yaa barsiisaa, dubbii kana hundumaa yommuu dubbattu nus immoo tuquu kee ti? jedheen.
[46] Deebisee Yesus, ?Yaa barsiisota seeraa nana isiniifis wayyoo, ba'aa ulfaataa dugda namaatti feetu, ofii keessanii garuu quba iyyuu itti hin buuftan.
[47] Isiniif wayyoo, raajota warra abboonni keessan ajjeesaniif isin immoo awwaala ijaartu.
[48] Isin ofii keessanii kan abboonni keessan hojjetan dhugaa itti baatan, ittis walii galtan; isaan raajota ajjeesan, isin immoo warra du'an sanaaf awwaala ijaartu.
[49] Waaqayyo ogummaa isaatiin akkuma dubbate, ?Raajotaa fi ergamoota isaanittan erga; kan ergaman keessaa kaan in ajjeesu kaanis in ari'atu? jedhe.
[50] Kunis immoo dhiigni raajota hundumaa inni uumama biyya lafaatii jalqabee dhangala'e dhaloota si'anaa irraa akka barbaadamuuf.
[51] Dhiiga Abeelii jalqabee hamma dhiiga Zakaariyaas isa iddoo aarsaa fi balbala mana qulqullummaa gidduutti harka namaatti du'etti, dhugumaan isinittan hima, dhiigni isaanii dhaloota kana irraa in barbaadama.
[52] ?Barsiisota seeraa nana isiniif wayyoo, banaa balbala beekumsaa namoota duraa fuutaniittu; ofii keessanii banattanii ol hin galle, warra ol galuu barbaadan immoo akka hin galleef dhowwitaniittu? jedhe.
[53] Yesus yommuu achii adeeme, barsiisonni seeraa Fariisonnis itti aaranii, waan baay'ee irratti isa dubbachiisuu yaalan.
[54] Kana gochuun isaanii immoo riphanii dubbii afaanii fuudhuudhaaf ture.