Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:38

[1] Kana booddee warri yaa'ii sana keessa jiran hundinuu ka'anii, Yesusin fuula Philaaxositti dhi'eessanii,

[2] ?Namni kun saba keenya karaa irraa kaachisuu isaa, mootii warra Roomaatiif gibira baasuun hin ta'u jedhee ittisuu isaa, ani Kristos mootii dha ofiin jechuu isaa qorree bira geenyeerra? jedhanii isa hadheessuutti ka'an.

[3] Yommus Philaaxos, ?Sii mootiin Yihudootaa?? jedhee isa gaafate; inni immoo, ?Situ akkas jedhe? jedhee deebiseef.

[4] Yeroo sanatti Philaaxos luboota warra angafoota, yaa'ii achi jiruunis, ?Ani nama kana irraa yakka tokko illee hin arganne? jedhe.

[5] Isaan garuu itti jabeessanii, ?Kun barsiisa isaatiin biyya Yihudaa hundumaatti Galiilaadhaa jalqabee hamma asiitti iyyuu saba keenya raase? jedhan.

[6] Philaaxos kana dhageenyaan nama Galiilaa ta'uu isaa gaafate.

[7] Yesus biyya Herodis bulchu keessaa ta'uu isaas yommuu hubate, gara Herodisitti isa erge; Herodis immoo yeroo sanatti Yerusaalem ture.

[8] Inni Yesusin argee baay'ee gammade. Waa'ee Yesus waan dhaga'eef, yeroo dheeraadhaaf isa arguudhaaf in hawwa ture; dinqii Yesus hojjetu keessaas waa arguudhaaf abdate.

[9] Kanaaf Herodis gaaffii baay'ee Yesusitti dhi'eesse, inni garuu homaa iyyuu hin deebifneef.

[10] Luboonni warri angafoonni, barsiisonni seeraas achi dhaabatanii, jabeessanii isa hammeessan.

[11] Herodis immoo loltuu isaa wajjin erga isa salphisee itti ga'ises booddee, uffata calaqqisaa itti uffisee Philaaxositti deebisee erge.

[12] Herodisii fi Philaaxos duraan diina walii kan turan, gaafuma sana walitti firooman.

[13] Philaaxos luboota warra angafoota, warra biyya seerratan, jaras walitti waame.

[14] Isaaniin, ?Namni kun namoota karaa irraa kaachise jettanii, qabdanii gara kootti fidan; kunoo, isinuma durattan isa qoree, waan ittiin isa hammeessitan keessaa yakka tokko illee namicha kana irraa hin arganne.

[15] Herodisis akkasuma yakka waan isa irraa dhabeef deebisee nutti erge; waan firdii du'aatiin isa ga'u tokko illee akka inni hin hojjetin mul'ataa dha.

[16] Kanaafis adabeen gad isa dhiisa? jedhe. [

[17] Wagguma waggaan ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa tokko isaaniif gad dhiisuun isa irra ture.]

[18] Namoonni sun hundinuu, ?Nama kana balleessiitii Barabbaa gad nuuf dhiisi!? jedhanii itti iyyan.

[19] Barabbaan immoo goolii mandarichatti ta'e keessaa waan qabuuf gumaadhaaf hidhame.

[20] Philaaxos illee Yesusin gad dhiisuu fedhee, ammoo isaanitti dubbate.

[21] Isaan garuu, ?Fannisi, isa fannisi!? jedhanii itti iyyan.

[22] Si'a sadaffaa immoo, ?Maaliif? Maal balleesse? Firdii du'aatiin kan isa ga'u yakka irraa hin arganne; kanaafis adabeen gad isa dhiisa? isaaniin jedhe.

[23] Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan jabeessanii kadhatan; iyyi jaraas harka fudhate.

[24] Philaaxos kanaaf jarreen kan gaafatan akka raawwatamuuf farade.

[25] Namicha isa goolama biyyaatii fi gumaadhaaf hidhamnaan, jarri nuuf gad dhiisi jedhanii kadhatan hiikeefii, Yesusin immoo fedha isaaniitti dabarsee kenne.

[26] Yesusin fannisuuf utuu geessanii, nama biyya Qareenaa isa Simi'oon jedhamu tokko diidaa utuu galuu qabatanii, muka fannichaa baatee Yesus duubaan akka adeemuuf irra kaa'an.

[27] Saba sana keessaa namoonni danuun isa duukaa turan; isaan keessaa dubartoonni immoo qoma isaanii rukutachaa boo'aafii turan.

[28] Yesus garuu gara isaaniitti gara galee, ?Yaa intaloota Yerusaalem, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif boo'aa malee, anaaf hin boo'inaa!

[29] Kunoo, guyyoonni, ?Dhabduun, kan mucaa hin da'in, harmi hin hoosisinis kan ayyaanomanii dha? itti jedhan in dhufu.

[30] Bara sanatti tullootaan, ?Nu irratti jigaa!? gaarotaanis, ?Nu awwaalaa!? in jedhu.

[31] Egaa muka jiidhaa erga akkas godhanii, muka gogaa immoo attam godhinnu laata ree?? jedhe.

[32] Namoota hamaa godhan lamas immoo ajjeesuudhaaf isaa wajjin geessan.

[33] Iddoo ?Lafee mataa? jedhamee waamamu yommuu ga'an, achitti Yesusin fannisan; warra hamaa godhanis, isa tokko mirga isaatti isa kaanis bitaa isaatti fannisan.

[34] Yesus garuu, ?Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!? jedhe; warri isa fannisan immoo uffata isaa buufata mukaatiin hirmaatan.

[35] Namoonni achi dhaabatanii in ilaalu turan; warri biyya seerratanis itti qoosanii, ?Namni kun namoota biraa oolcheera, inni Masiihii isa Waaqayyo fo'ate yoo ta'e, ofii isaa haa oolchu!? jedhan.

[36] Warri loltuus immoo itti ga'isaa, daadhii waynii dhangaggaa'e kennaniifii,

[37] ?Yoo dhuguma mooticha Yihudootaa taate, ofii kee oolchi!? jedhaniin.

[38] Caaffanni, ?Mootichi Yihudootaa isa kana? jedhu tokko immoo mataa isaa irraan ture.

[39] Warra hamaa godhanii achitti fannifaman lamaan keessaa inni tokko, ?Ati Kristos isa abdachiifame miti moo? Egaa'oo of oolchi, nuunis oolchi!? jedhee isa arrabse.

[40] inni kaan garuu isa ifatee, ?Namana, akkuma isaa firdiidhaan dhiphachaa utuu jirtuu Waaqayyoon illee hin sodaattu moo?

[41] Nuyi qajeeltootti nutti faradamee hojii keenya nyaanne; inni kun garuu homaa hin yakkine!? jedheen.

[42] Yesusiin immoo, ?Yaa Yesus, mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!? jedhe.

[43] Yesus immoo, ?Dhuguman sitti hima, har'a anaa wajjin jannata keessatti in argamta? jedheen.

[44] Guyyicha keessaa sa'aatii ja'affaa ture; garuu kunoo, biiftuun ifa ishee waan dhabdeef, hamma sa'aatii salgaffaatti dukkanni lafa hundumaa irra ture.

[45] Golgaan mana qulqullummaas qixxee lamaanitti tarsa'e.

[46] Yesus yommus sagalee guddaadhaan iyyee, ?Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!? jedhe. Utuu inni kana dubbatuus hafuurri isaa keessaa yaa'e.

[47] Angafni dhibbaa waan ta'e kana yommuu arge, ?Namni kun dhuguma nama Waaqayyoo ti? jedhee, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eesse.

[48] Namoonni waan ta'u eeguudhaaf walitti qabamanii turan hundinuu kan raawwatame yommuu argan, qoma isaanii rukutachaa gara mana isaaniitti galan.

[49] Michoonni isaa fi dubartoonni Galiilaadhaa Yesusin duukaa bu'an hundinuu halaala dhaabatanii, in ilaalu turan.

[50] Biyya Yihudootaa mandara Armaatiyaa keessa namni gaariidhaa fi qajeelaan, Yoseef jedhamu tokko ture.

[51] Inni warra biyya seerratan keessaa tokko; garuu yaada isaaniitii fi hojii isaaniitti utuu walii hin galin, mootummaa Waaqayyoo eeggachaa ture.

[52] Namni kun Philaaxos bira dhaqee reeffa Yesus kadhate.

[53] Isas fannoo irraa gad buusee wayyaa quncee talbaa irraa dha'ameen kafanee, awwaala garaa dhagaa keessatti tolfamee, takkaa namni itti hin awwaalamin keessa kaa'e.

[54] Guyyaa sanattis Sanbanni itti lixuuf waan tureef, namoonni in qophaa'u turan.

[55] Dubartoonni Galiilaadhaa Yesus duukaa bu'an sun Yoseefii wajjin dhaqanii, iddoo awwaalichaa akkasumas akka itti reeffi isaa kaa'ame hubatan.

[56] Achumaa deebi'anii immoo waan ittiin reeffa isaa sukkuuman urgooftuudhaa fi dibata qopheessan; guyyaa Sanbataatti garuu akka seerri ajajutti in boqotan.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Luqaas Caafe — Chapters