Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:12

[1] Gaaf tokko Yesus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisaa, wangeelas lallabaa utuu jiruu, luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa, maanguddootaa wajjin isa biraan ba'anii,

[2] ?Gooftummaa maaliitiin akka kana gootu yookiis gooftummaa kana eenyu akka siif kenne nutti himi!? ittiin jedhan.

[3] Inni immoo isaanitti deebisee, ?Anis immoo gaaffii tokkon isin gaafadha;

[4] cuupphaan Yohannis cuuphe Waaqayyo biraa moo, nama biraa abboomame? Natti himaa!? jedhe.

[5] Isaan kana irratti dudubbatanii, ? ?Waaqayyo biraa? yoo jenne, ?Yoos immoo maaliif dubbii isaa hin amanini ree?? nuun jedha.

[6] ?Nama biraa? yoo jenne immoo, Yohannis raajii ta'uu isaa amanee waan fudhateef, sabni kun hundinuu dhagaadhaan nu rukuta? waliin jedhan.

[7] Kanaaf, ?Nu'oo eessaa akka abboomame hin beeknu? jedhanii deebisaniif.

[8] Yesus yommus, ?Anis gooftummaa maaliitiin akkan kana godhu isinitti hin himu? isaaniin jedhe.

[9] Yesus itti aansee fakkeenya kana namootatti hime; ?Namichi tokko muka waynii baay'ee lafa isaa irra dhaabee, namoota hojjetanii eeganiis, isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti kennatee, biyya tokko dhaqe; achis baay'ee ture.

[10] Yeroon isaa yommuu ga'e, warri waynicha eegan ija isaa irraa itti haa kennaniif, hojjetaa isaa tokko itti erge; isaan garuu hojjetaa sana reebanii harka isaa duwwaa isa gad dhiisan.

[11] Hojjetaa kan biraa immoo itti erginaan, isas reebanii, salphisanii, harka isaa duwwaa isa gad dhiisan.

[12] Isa sadaffaas immoo itti erginaan, isa madeessanii, dallaa waynichaa keessaa daddarbatanii, gad baasan.

[13] ?Ergasii abbaan waynichaa, ?Maal godhu? Amma immoo ilma koo isa jaallatamaa ittan erga, tarii isa in safeeffatu ta'a? jedhe.

[14] Warri eegduun garuu yommuu isa argan, ?Isa kana abbaa waynichaa kan dhaalu, kottaa dhaalli isaa nuuf akka ta'utti isa in ajjeefna!? waliin jedhan.

[15] Akkuma jedhanis dhaabaa waynichaa keessaa diidatti baasanii, isa ajjeesan. Egaa abbaan waynichaa maal isaan godha laata ree?

[16] In dhufa, warra eegduu sanas in fixa, waynicha immoo kan biraatti in kennata? jedhe. Kana dhageenyaanis namoonni, ?Waaqayyo kana haa oolchu!? jedhan.

[17] Yesus garuu gara isaanii ilaale; ?Egaa immoo ?Dhagichi mana ijaartuun tuffatan, inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e? jedhamee kan caafame maal jechuu dha ree?

[18] Dhagaa sana irratti kan kufu hundinuu in caccaba, dhagichi nama irratti yoo kufe garuu, isa in buruqsa? jedhe.

[19] Barsiisonni seeraa fi luboonni warri angafoonni Yesus fakkeenya kana waa'ee isaanii irratti akka dubbate baranii, yommusuma achitti isa qabuu barbaadan; garuu namoota sodaatan.

[20] Kanaafis isaan isa in gaadu turan; waan inni dubbatuun isa qabatanii, gooftummaa isa biyya bulchutti dabarsanii kennuudhaafis, keettoo nama nagaa of fakkeessanii caqasaniif itti kaa'atan.

[21] Isaan yommus, ?Yaa barsiisaa, dubbiin ati dubbattuu fi barsiifni ati barsiiftu, qajeelaa akka ta'e nuyi beekna; nama utuu wal hin caalchisin karaa Waaqayyoo dhugaatti in barsiifta.

[22] Egaa, mootii warra Roomaatiif gibira baasuun seera moo seera miti?? jedhanii isa gaafatan.

[23] Inni garuu haxxumaa isaanii argee,

[24] ?Horii ittiin bittanii gurgurtan tokko anatti argisiisaa; bifa eenyuutu, caaffata eenyuutus horicha irra jira?? jennaan, isaan immoo, ?Kan mooticha warra Roomaa ti? jedhan.

[25] ?Yoos immoo mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta'u, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa!? ittiin jedhe.

[26] Isaanis deebii isaatti dinqifatanii calluma jedhan malee, isa inni dubbate kanaan namoota sana duratti isa qabuu hin dandeenye.

[27] Kana booddees warra Saduqootaa keessaa jarreen tokko, warri du'aa ka'uun hin jiru jedhan, Yesusin gaaffii gaafachuudhaaf dhufanii,

[28] ?Yaa barsiisaa, ?Namni tokko niitii fuudhee dhala utuu hin godhatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii sana fuudhee sanyii obboleessa isaatiif haa dhaabu!? jedhee, Museen seera keessatti nuuf caafeera.

[29] Kunoo, obboloonni torba turan; inni angafni niitii fuudhee, dhala utuu hin godhatin du'e.

[30] Inni lammaffaan ishee fuudhee irraa du'e;

[31] inni sadaffaanis ishee fuudhee, akkasumas hamma isa torbaffaatti, hundinuus utuu dhala hin godhatin du'an.

[32] Hundumaa booddee dubartittiin immoo duute.

[33] Egaa torbanuun isaanii niitummaatti ishee fuudhaniiru'ootii, guyyaa du'aa ka'uutti isaan keessaa isa kamiif haadha manaa ta'uuf jirti ree?? jedhan.

[34] Kanaaf Yesus deebisee, ?Ijoolleen namaa bara biyya lafa kanaa irra jiraatanitti, in fuudhu in heerumus;

[35] bara biyya isa dhufu keessa jiraachuudhaaf, du'aa ka'uudhaafis, warri ayyaana argatan garuu, hin fuudhan hin heerumanis.

[36] Du'aa erga ka'anii deebi'anii du'uu hin danda'an, ergamoota Waaqayyoo fakkaatanii, warra du'aa ka'an waan ta'aniifis ijoollee Waaqayyoo ta'u malee.

[37] Museen iyyuu waa'ee daggala boba'uu yeroo caafetti, Waaqayyoon ?Gooftaa Abrahaam, gooftaa Yisihaq, gooftaa Yaaqoob? jedhee waameera; kanaanis warri du'an akka du'aa ka'an mul'iseera.

[38] Ammas gooftaan, Waaqayyo warra du'anii miti, Waaqayyo warra jiranii ti malee; isaaf hundinuu jiraatoo dha'o? isaaniin jedhe.

[39] Kana irratti barsiisota seeraa keessaa gar tokko deebisanii, ?Yaa barsiisaa, ba'eessa dubbatte? ittiin jedhan.

[40] Ergasii isaan deebi'anii gaaffii tokko illee isa gaafachuudhaaf ija hin jabaanne.

[41] Yesus garuu, ?Attamitti namoonni, ?Kristos, ilma Daawit? jechuu danda'u?? jedhee isaan gaafate.

[42] ?Daawit immoo macaafa faarfannaa keessatti akka jedhu, gooftichi gooftaa kootiin, ?Gara mirga koo taa'i;

[43] hamma ani diinota kee ejjeta miilla kee siif godhutti? jedhe.

[44] Egaa Daawit ?Gooftaa koo? jedhee erga isa waamee, attamitti immoo ilma isaa ta'a ree?? jedhe.

[45] Namoonni hundinuu utuu dhaggeeffatanii Yesus bartoota isaatiin,

[46] ?Barsiisota seeraa warra wayyaa dhedheeraa uffatanii lafaan haraa naanna'an, gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan jaallatan, akkasumas mana sagadaa keessaa taa'umsa olaanuu, lafa cidhaattis iddoo ulfinaa fo'atan irraa, of eeggadhaa!

[47] Isaan kun warra fucha eeggatanii bultoo haadha hiyyeessaa duraa fixanii, fakkeessaadhaaf immoo kadhata isaanii dheeressanii dha; egaa isaan kanatti yakka caalaatu itti murama? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Luqaas Caafe — Chapters