[1] Yeroo sana jarreen tokko gara Yesus dhufanii, waa'ee Galiilota utuu isaan aarsaa dhi'eessanii, Philaaxos isaan ajjeesisee dhiiga isaanii dhiiga qalma isaanii wajjin waliin make itti himan.
[2] Yesus immoo deebisee, ?Jarreen Galiilaa kun Galiilota warra kaan hundumaa irra kan caalu cubbamoota waan turaniif dhiphinni akkasii isaan irra ga'e isinitti fakkaataa?
[3] Waawuu, ani isinittan hima, hundumti keessan yoo yaada garaa keessanii geddarachuu dhabaattan akkuma kanatti in dhumtu.
[4] Yookiis jarreen kudha saddeet bishaan Siilo'am bukkeetti, masaraan dhagaa ol dheeraan jigee isaan fixe sun, saba Yerusaalem jiraatan hundumaa irra caalaa kan yakkan isinitti fakkaataa ree?
[5] Waawuu, ani isinittan hima, hundumti keessan yoo yaada garaa keessanii geddarachuu dhabaattan, akkuma kanatti in dhumtu? isaaniin jedhe.
[6] Kana irratti Yesus fakkeenya kana isaanitti hime, ?Namni tokko muka harbuu maasii isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; inni ija irraa barbaaddachuu dhaqee homaa irraa dhabe.
[7] Yommus namicha isa maasii isaa eeguun, ?Ilaa waggoota sadiin muka kana irraa ija barbaaddachuudhaaf dhufe; garuu homaa irraa hin arganne; kanaaf muri, maaliif lafa balleessa?? jedheen.
[8] Namichi sun garuu deebiseefii, ?Yaa gooftaa, mee waggaa kanaaf hamma ani naannoo isaa soqee xaa'oo itti naqutti haa taa'u!
[9] Bara eger tolee yoo ija godhateef ba'eessa; yoo dide garuu in murta? jedheen? jedhe.
[10] Yesus guyyaa Sanbataatti mana sagadaa tokkotti in barsiisa ture.
[11] Kunoos dubartiin hafuura hamaadhaan qabamtee, waggaa kudha saddeet dhukkubsate tokko achi turte; isheen goophoftee ol qajeeluu hin dandeenye.
[12] Yesus yommuu ishee arge, ofitti ishee waamee, ?Dubartii nana, dhukkuba keettii hiikamteetta? jedhe.
[13] Harka isaas ishee irra kaa'e; isheen achumaan ol qajeeltee dhaabatee, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessite.
[14] Angafni mana sagadichaa garuu, Yesus guyyaa Sanbataatti fayyisuu isaa waan jibbeef, jarreen achi turaniin, ?Guyyoonni ja'a hojii itti hojjechuun kan namaaf ta'u jiru; guyyoota sanatti kottaatii fayyifamaa malee, guyyaa Sanbataatti miti? jedhe.
[15] Kana booddee gooftichi angafichaan, ?Isin of tuultuu nana, isin keessaa guyyaa Sanbataatti sa'a isaa yookiis harree isaa hidhaattii hiikee, bishaanitti kan hin geessine eenyu inni?
[16] Egaa dubartiin kunis, hafuurri hamaan waggaa kudha saddeet ishee hidhee kan ture, intalli Abrahaam, guyyaa Sanbataatti hiikamuun hin ta'uufii ree?? jedhe.
[17] Yommuu inni kana dubbate, warri isaan morman hundinuu in yeella'an; namoonni hundinuus waan dinqisiisaa inni hojjete hundumaatti in gammadan.
[18] Yommus Yesus, ?Mootummaan Waaqayyoo maal fakkaata? Maalittanis isa fakkeessa?? jedhee gaafate.
[19] ?Mootummaan Waaqayyoo ija sanaaficaa namni fuudhee maasii isaa keessa buusee, inni immoo biqilee, guddatee mukas ta'ee, simbirroonni dhufanii damee isaa irratti mann'ee ijaarratan fakkaata? jedhe.
[20] Yesus ammas, ?Mootummaa Waaqayyoo maalittan fakkeessa?? jedhee gaafate.
[21] ?Mootummaan Waaqayyoo raacitii dubartiin fuutee daakuu quunnaa sadiin maktee, raacitichis hunduma isaa bukeessu fakkaata? jedhe.
[22] Yesus mandarootaa fi gandeen keessa darbe hundumaatti barsiisaa, gara Yerusaalemitti in adeema ture.
[23] Namni tokko, ?Yaa gooftaa, fayyuuf kan jiran muraasa ta'u moo?? jedhee gaafate.
[24] Yesus garuu hunduma isaaniitiin, ?Balbala isa dhiphaadhaan ol galuudhaaf wal dorgomaa, isinittan hima'o, namoonni baay'een kanaan ol galuudhaaf karaa barbaadu, garuu hin danda'an.
[25] Egaa abbaan manaa ka'ee balbalicha erga cufee, isin immoo ala dhaabattanii balbala rukutaa, ?Yaa gooftaa nuuf bani!? jettanii in waamtu; abbaan manichaa immoo, ?Ani isin hin beeku, lafa isin dhuftanis hin hubadhu? jedhee isiniif deebisa.
[26] Achumaanis, ?Sii wajjin nyaanneerra dhugneerras, karaa irrattis nu barsiifteetta? jettanii in falmattu.
[27] Inni garuu, ?Ani isin hin beeku, lafa isin dhuftanis ani hin hubadhu; argaa koo duraa adeemaa isin hamaa kan gootan hundinuu? isiniin jedha.
[28] Abrahaamii fi Yisihaqin Yaaqoobin, raajota hundumaas mootummaa Waaqayyoo keessatti akka fudhataman, ofii keessanii immoo alatti akka darbatamtan yommuu argitan, achitti boo'ichaa fi ilkaan qaruutu isin irra ga'a.
[29] Namoonni ba'a-biiftuutii fi lixa-biiftuutii, gara bitaatii fi gara mirgaatii mootummaa Waaqayyoo keessatti, maaddiitti dhi'aachuudhaaf in dhufu.
[30] Egaa warra hundumaa booddee jiran keessaa warra duraa kan ta'an jiru, warra dura jiran keessaas warra hundumaa booddee kan ta'an jiru? jedhe.
[31] Yeroodhuma sana warra Fariisota keessaa namoonni tokko gara Yesus dhufanii, ?Herodis waan si ajjeesuu barbaaduuf asii adeemi, iddoo biraas dhaqi!? ittiin jedhan.
[32] Inni immoo, ?Dhaqaatii haxxee sanaan, ?Kunoo ani har'aa fi bor hafuurota hamoota nan baasa, kan dhukkubsatanis nan fayyisa, guyyaa sadaffaattis hojii koo nan raawwadha.
[33] Haa ta'u iyyuu malee, har'aa fi bor iftaanis adeemsa koo ittan fufa, raajiin Yerusaalem keessatti du'uun in ta'aafio? jedhaa!? isaaniin jedhe.
[34] Yesus itti fufees, ?Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati raajota kan ajjeeftu, sitti kan ergamanis dhagaadhaan kan rukuttu, si'a meeqan indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabattutti, ijoollee kee walitti qabuu barbaade; atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaanne.
[35] Ilaa, manni keessan onee in hafa; isinittan hima hamma guyyaa, ?Maqaa Waaqayyootiin kan dhufu galateeffamaa dha? itti jettanitti ana hin argitan? ittiin jedhe.