Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 11:57

[1] Namoonni hamma wal irra ejjetanitti kumaatama baay'ee ta'anii, yeroo walitti qabamanitti, Yesus duraan dursee bartoota isaatiin, ?Raacitii warra Fariisotaa irraa, kana jechuun koos ?Of arguu dhabuu isaanii irraa? of eeggadhaa.

[2] Waan haguugamee jiru hundinuu in mul'ifama, waan dhoksaatti eegamaa jirus in beeksifama.

[3] Kanaafis waan isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatti ba'ee in dhaga'ama; mana cufamaa keessatti gurra namaatti kan hasaaftan, iddoo ol jedhaa irratti lallabamee in dhageessifama? jedhe.

[4] Itti fufees, ?Yaa firoota ko, ani isinittan hima, isin ajjeesanii isa booddee isa irra kan hammaatu waan godhan warra hin qabne hin sodaatinaa.

[5] Sodaachuun kan isiniif ta'u isinittan mul'isa; erga ajjeesee booddee adaba bara baraatiif qililleetti darbachuudhaaf aboo isa qabu sodaadhaa; eyyee, isinittan hima isa sodaadhaa!

[6] Simbirroonni shan akka saantiima lamaatti in gurguramu mitii? Garuu isaan keessaa tokko iyyuu Waaqayyo duratti kan dagatamu hin jiru.

[7] Rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa'amaa dha; kanaafis hin sodaatinaa, isinoo simbirroota baay'ee irra guddaa in caaltu.

[8] ?Ani isinittan hima, eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis ilmi namaa ergamoota Waaqayyoo duratti akkasuma dhugaa nan ba'aaf.

[9] Garuu namoota duratti kan na ganu, ergamoota Waaqayyoo duratti in ganama.

[10] Ittiin mormee ilma namaa irratti waa kan dubbatu hundinuu, dhiifama in argata; hafuura qulqulluu salphisee kan arrabsu garuu dhiifama hin argatu.

[11] ?Mana sagadaatti yookiis abboota biyyaatti, yookiis warra biyya seerrattanitti yoo isin geessan, attamitti falmanna? Yookiis maal jenna? jettanii hin yaadda'inaa!

[12] Yeroodhuma sanatti maal jechuun akka isiniif ta'u, hafuurri qulqulluun isin in barsiisa? jedhe.

[13] Tuuta jaraa keessaa namni tokko, ?Yaa barsiisaa, dhaala abbaan keenya nuuf dhiise du'ee, anaaf haa hiruuf obboleessa kootti anaaf himi!? jedheen.

[14] Yesus immoo deebiseefii, ?Namicha nana, eenyutu isin lamaan gidduutti abbaa firdii ta'uutti yookiis dhaala hir'uutti na fo'e?? jedhe.

[15] Kanatti fufee hunduma isaaniitiin, ?Ilaaladhaa, sassata hundumaattiis of eeggadhaa! Jireenyi eenyuu illee baay'ina qabeenya isaa irra hin dhaabatu? jedhe.

[16] Kana booddee Yesus fakkeenya kana isaanitti himee, ?Kunoo namni sooressi, midhaan isaa baay'isee toleef tokko ture.

[17] Inni, ?Midhaan koo lafan itti galfadhu hin qabu'o maal godhu?? jedhee of gaafate.

[18] ?Akkasan godha, gombisaa koo hundumaa jigsee, midhaan koo hundumaa mi'a biraas akkan itti naqadhutti guddisee nan ijaara.

[19] Ofiinis, yaa namummaa ko, waggaa baay'eedhaaf kan si ga'u waan gaarii hundumaa lafaa qabda; amma egaa dhimma hin qabaatin, taa'ii, nyaadhuu, dhugii, gammadis!? nan jedhaan.

[20] Waaqayyo garuu ?Yaa gowwaa, edana lubbuu kee si duraa fudhachuuf jiru; egaa kan ati qopheessite kun hundinuu eenyuuf ta'a ree?? ittiin jedhe.

[21] Namni badhaadhummaa ofii isaatiif tuullatee, Waaqayyo biratti immoo badhaadhaa hin ta'in, kunoo akkas in ta'a? jedhe.

[22] Ergasii Yesus bartoota isaatiin, ?Kanaafis isinittan hima jireenya keessaniif waan nyaattaniif, yookiis dhagna keessanitti waan uffattaniif hin yaadda'inaa!

[23] Jireenyi nyaata irra guddaa in caala, dhagnis uffata irra guddaa in caala.

[24] Qurruu ilaalaa hin facaasan, hin haamanis; gombisaa hin qaban, gumbiis, garuu Waaqayyo isaan in soora; isin immoo allaattii irra guddaa in caaltu.

[25] Isin keessaa namni tokko hammam yaadda'u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa kan dabalachuu danda'u jiraa ree?

[26] Egaa waan xinnoo akkasii iyyuu godhachuu erga hin dandeenyee, isa kaaniif maaliif yaaddoftu ree?

[27] Daraaronni bakkee attamitti akka biqilanii guddatan ilaalaa! Hin soqan hin fo'anis; haa ta'u iyyuu malee, Solomoon mootichi inni ulfina guddaa qaba ture illee, isaan keessaa hamma isa tokkoo akka hin uffatin isinittan hima.

[28] Egaa Waaqayyo biqiltuu har'a bakkeetti argamee, bor ibiddatti nam'utti akkana bareechee itti uffisa erga ta'ee, isinitti immoo hammam caalchisee haa uffisu ree! Isin warra amantiin itti hir'atee dha malee.

[29] Isinoo, yaada keessan waan nyaattanii fi waan dhugdan barbaaduutti hin hidhinaa! Yaaddoodhaanis hin dhiphatinaa!

[30] Warri biyya lafaa irraa Waaqayyoon hin beekne hundinuu, yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiru; soora kana argachuun akka isin barbaachisu abbaan keessan in beeka.

[31] Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama? jedhe.

[32] Yesus itti dabalee, ?Isin yaa warra karra xinnayyoo nana! Kana keessaa hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera.

[33] Qabeenya keessan gurguraa, warra dhabaniifis gargaarsa kennaa! Korojoo hin moofofne, badhaadhummaa dhuma hin qabnes waaqa irratti iddoo hattuun hin hannetti, biliinis hin balleessinetti walitti qabadhaa!

[34] Garaan keessan lafa badhaadhummaan keessan jirutti hidhama? jedhe.

[35] Itti fufees, ?Mudhiin keessan hidhatamaa, ibsaan keessanis ifaa haa ta'u!

[36] Mana eegduu gooftaan isaanii hamaamota dhaqnaan yommuu dhufu akkuma inni balbala rukuteen isaaf banuudhaaf qophaa'anii, isa eegan fakkaadhaa!

[37] Hojjetoonni gooftaan isaanii yommuu dhufu dammaqanii isaan argatu kun, attam gammadu! Dhuguman isinitti hima, gooftaan isaanii wayyaa isaa sassaabbatee, isaan teessisee, ofii isaatii dhaabatee isaan in nyaachisa.

[38] Hamma halkan walakkaatti yookiis hamma iyya indaanqootti turee yoo dhufe iyyuu, dammaqanii warri inni isaan argatu sun attam haa gammadan.

[39] Kanas immoo yaadadhaa, abbaan manaa yeroo hattuun itti dhuftu utuu beekee, qottee akka lixuuf hin dhiisu ture.

[40] Akkasuma ilmi namaa yeroo isin isa hin eegnetti waan dhufuuf, isinis immoo qophooftanii taa'uutu isin irra jira!? jedhe.

[41] Yommus Phexros, ?Yaa gooftaa, fakkeenya kana nu duwwaadhaaf dubbatta moo yookiis hundumaaf?? jedhee gaafate.

[42] Gooftaan immoo deebiseefii, ?Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naa'ota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaan ga'u haa kennuuf, mana isaa irratti hojii adeemsiftuu godhatu, isa kami ree?

[43] Egaa hojjetaan kun gooftaan isaa dhufee akkanuma utuu hojjetuu kan isa argu gammachuu qaba.

[44] Dhuguman isiniin jedha, gooftaan isaa qabeenya isaa hundumaa irratti ajajjuu isa godhata.

[45] Garuu hojjetaan sun yaada isaa keessatti, ?Gooftaan koo dhufuu in tura? jedhee dhiiraa fi dubartii warra isaa wajjin hojjetan reebuu, ofii isaatii immoo nyaachuu, dhuguu, machaa'uus yoo jalqabe,

[46] gooftaan isaa guyyaa inni hin yaadatinii fi yeroo inni itti hin maminitti in dhufa, mataa isaas in tarsaasa; guyyaa isa dhumaattis ga'aa warra hin amaninii in hiraaf.

[47] Hojjetaan waan gooftaan isaa isa irraa barbaadu beeku, akka irraa barbaadame sanatti immoo hin qopheessine yookiis hin hojjenne kun, rukuttaa baay'ee in rukutama.

[48] Waan irraa eeggatamu kan hin beekin garuu, kan isa rukuchiisu yoo hojjete iyyuu, rukuttaa xinnoo in rukutama; nama baay'een itti kenname harkaa baay'eetu barbaadama; nama hadaraa baay'een bira kaa'ame irraa kan caalu in gaafatu? jedhe.

[49] Yesus, ?Ani ibidda lafa irra buusuudhaafan dhufe; ibiddichi utuu kanaan dura bobeeffameera ta'ee attam nan hawwan ture.

[50] Cuupphaan ani cuuphamuun ta'u tokko jira, hamma inni raawwatamuttis attaman dhiphadha laata!

[51] Biyya lafaa irratti nagaa buusuudhaaf waanan dhufe isinitti fakkaataa? Waawuu, caalaatti wal diduu malee.

[52] Ammaa jalqabee maatiin mana tokkoo wal didu, shan yoo ta'an sadii warra lamaan didu, warri lamaanis warra sadan didu.

[53] Abbaan ilma dida, ilmis abbaa dida, haati intala diddi, intallis haadha diddi, amaatiin haadha manaa ilmaa diddi, haati manaa ilmaas amaatii diddi? jedhe.

[54] Yesus ammoo tuuta jaraatti dubbatee, ?Karaa lixa biiftuu duumessaa'aa yommuu dhufu, ?Bokkaatu rooba? jettu, in roobas.

[55] Qilleensi gara mirgaa yommuu qilleensa'u immoo, ?Buluqatu dhufa? jettu, akkasuma ta'as.

[56] Warra of hin arginee nana, bifa lafaa kan waaqaas ilaaltanii waan ta'u himuu in dandeessu, bara araaraa kana immoo attamitti hubachuu dadhabdan?

[57] ?Waan qajeelaan isa kam akka ta'e isinumti maaliif hin faraddani ree?

[58] Fakkeenyaaf namni tokko gatii waan si irraa qabuuf abbaa firdii duratti si hadheessuudhaaf yoo ka'e, amma illee karaa irra utuu jirtuu isaa wajjin walii galuudhaaf dhama'i! Kanaa achi gara abbaa firdiitti si harkifata, abbaan firdiis eegduu mana hidhaatti si kenna, inni immoo mana hidhaatti si galcha.

[59] Kana booddees gatii sana keessaa saantiimni tokko illee utuu hin hafin hamma baaftutti, matumaa mana hidhaa sana keessaa akka ati hin baane sittan hima? jedhe.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Luqaas Caafe — Chapters