Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 11:34

[1] Yesus bartoota kudha lamaan walitti waamee, Seexanoota haa baasaniif dhukkubsatootas haa fayyisaniif, humnaa fi aboo isaaniif kenne.

[2] Mootummaa Waaqayyoo haa labsaniif kan dhukkubsatanis haa fayyisaniif isaan erge.

[3] Inni isaaniin, ?Karaadhaaf homaa hin fudhatinaa, ulee qabannaa yookiis korojoo, nyaata yookiis horii, qomee lama illee hin baatinaa!

[4] Hamma iddoo sanaa adeemtanitti, manuma itti lixan taa'aa!

[5] Mandara warra isin hin simannee keessaa ba'aa; yommuu baatan immoo isaanitti dhugaa ba'uuf awwaara mandara sanaa miilla keessan irraa dhadha'adhaa!? jedhe.

[6] Bartoonnis ka'anii gandaa gara gandaatti darbanii, iddoo hundumaatti wangeela lallaban; kan dhukkubsatanis in fayyisan.

[7] Herodis abbaan biyya Galiilaa, waan Yesus hojjetee fi dubbate hundumaa dhaga'ee, gargar baasee hubachuu dadhabe. Sababiin isaa immoo kaan Yohannis cuuphaatu du'aa ka'e jedhan;

[8] kaan immoo Eliyaastu deebi'ee mul'ate, warri biraa immoo raajota warra durii keessaa tokkotu ka'e, jedhu turan.

[9] Herodis, ?Ani Yohannisin mataa isaa mursiiseen ture, egaa namichi inni ani waa'ee isaatiif dubbii akkasii dhaga'u kun eenyu inni?? jedhee gaafate; innoo Yesusin arguu in yaala ture.

[10] Ergamoonnis deebi'anii, waanuma hojjetan hundumaa Yesusitti himan; inni immoo isaan fudhatee, karaa mandara Betsayidaa jedhamu tokko qoofniitti ba'e.

[11] Namoonnis gara kam akka dhaqe yommuu dhaga'an, duukaa bu'an; inni isaan simatee, waa'ee mootummaa Waaqayyoo isaanitti hime; warra fayyuun isaaniif barbaachises fayyise.

[12] Aduun yommuu gad sokkite, bartoonni kudha lamaan gara isaa dhufanii, ?Namoonni kun gara gandeenii fi manneen nutti aanan kana dhaqanii, lafa bultiitii fi waan nyaataa akka barbaaddataniif gad dhiisi; iddoon nuyi jirru kun lafa onaa dha? jedhaniin.

[13] Inni immoo, ?Isin ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!? isaaniin jedhe. Bartoonni immoo, ?Yoo dhaqnee namoota kana hundumaaf nyaata binne malee, kan nuyi qabnu buddeena shanii fi qurxummii lama duwwaa dha? jedhan.

[14] Namoonni achitti argaman dhiironni duwwaan iyyuu kuma shan ga'u turan; inni garuu bartoota isaatiin, ?Shantama shantamaan hirtanii kutataan teessisaa!? jedhe.

[15] Isaan akka inni abboometti hunda isaanii teessisan.

[16] Inni yommus buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara waaqaatti ol ilaalee eebbisee, cabsees jaraaf haa dhi'eessaniif, bartoota isaatti kekkenne.

[17] Hundumti isaaniis nyaatanii quufan; bartoonni immoo hurraa hafe walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.

[18] Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, ?Namoonni kun eenyu anaan jedhu?? jedhee bartoota isaa gaafate.

[19] Isaanis, ?Yohannis cuuphaa dha siin jedhu, kaan Eliyaas raajicha siin jedhu, kaan immoo raajota durii keessaa tokko siin jedhu? jedhanii deebisaniif.

[20] Inni immoo, ?Isinoo, eenyu anaan jettu?? jedhee gaafate; Phexros, ?Ati Masiihii Waaqayyoo ti? jedhee deebise.

[21] Yesus yommus, ?Kana eenyutti iyyuu hin himinaa!? jedhee jabeessee isaan abboome.

[22] Kana irratti, ?Ilmi namaa maanguddootaa fi luboota warra angafootaatiin, barsiisota seeraatiinis guddaa dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun, du'atti kennamuun in ta'a; guyyaa sadaffaatti immoo du'aa in ka'a? jedhee isaanitti in hime.

[23] Hunduma isaaniitiinis, ?Eenyu illee na duukaa bu'uu yoo fedhe, waa'ee ofii isaa dhiisee fannoo isaa baatee, yeroo hundaa ana duukaa haa bu'u.

[24] Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; garuu anaaf jedhee jireenya isaa kan kennu, isa oolfata.

[25] Egaa namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaatti yoo hir'ise, yoo of balleesses, bu'aan isaa maali ree?

[26] Eenyu illee anatti, dubbii koottis yoo yeella'e, ilmi namaa ulfina isaatti, kan abbaa isaatti, kan qulqulloota ergamootaattis yommuu dhufu, isatti in yeella'a.

[27] Dhuguman isinitti hima, namoota as dhaabatanii jiran keessa utuu hin du'in, mootummaa Waaqayyoo kan argan jiru? jedhe.

[28] Kana dubbatee akka guyyaa saddeetii booddee, Phexrosii fi Yohannisin, Yaaqoobinis fudhatee kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e.

[29] Inni utuu kadhatuu fuulli isaa diddiirame; uffanni isaas adii qaanqee ta'e.

[30] Kunoo, namoonni lama, isaanis Musee dhaa fi Eliyaas, isaa wajjin in dubbatu turan.

[31] Ulfinaan mul'atanii, waa'ee waan inni du'a isaatiin Yerusaalemitti raawwachuudhaaf jiruu dubbatan.

[32] Yommus Phexrosii fi isaa wajjin kan jiran in mugu turan; isaan yommuu dammaqanis, ulfina Yesus, namoota isaa wajjin dhaabachaa turan lamaanis in argan.

[33] Museenii fi Eliyaas yommuu Yesusittii gargar ba'an, Phexros, ?Yaa barsiisaa, asitti argamuun keenya attam gaarii dha, kottaa asitti godoo sadii in ijaarra, tokko siif, tokko Museedhaaf tokkos Eliyaasiif? jedhe; waan dubbatu garuu hin beeku ture.

[34] Utuu inni kana dubbachaa jiruu duumessi dhufee hunduma isaaniitti uffise; bartoonnis duumessicha keessa yommuu lixan in sodaatan.

[35] Sagaleen immoo duumessicha keessaa dubbatee, ?Kun ilma koo isa ani fo'adhee dha, isa dhaga'aa!? jedhe.

[36] Sagaleen sun erga dubbatee booddee, Yesus kophaa isaa ta'ee argame. Bartoonnis calluma jedhan malee, waan argan keessaa tokko iyyuu yeroo sanatti namatti hin himne turan.

[37] Borumtaas gaaricha irraa yommuu gad bu'an, namoonni baay'een Yesusii wajjin wal argan.

[38] Jarreen sana keessaa namni tokko sagalee isaa ol fuudhee, ?Yaa barsiisaa, ilma koo tokkicha koo kana, akka anaaf ilaaltuuf sin kadhadha.

[39] Kunoo hafuurri hamaan mucaa koo ammaa amma qabee achumaan in caraansisa, lafaan dha'ee dhidhiitachiisee, hoomachas afaaniin baasee, rakkisee irra turee isa dhiisa.

[40] Isa akka baasaniif bartoota kee kadhadheen ture, isaan garuu hin dandeenye? jedhe.

[41] Kana irratti Yesus, ?Isin dhaloota hin amannee fi jajal'aa nana, hamma yoomiitti isinii wajjin jiraachuun anaaf ta'a? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu?? jedhee deebiseef; ergasii abbaa mucichaatiin, ?Ilma kee as fidi!? jedhe.

[42] Mucichi gara Yesus dhufaa utuu jiruu, hafuurichi hamaan lafaan isa dha'ee dhidhiitachiise; Yesus garuu hafuuricha hamaa sana ifatee, mucicha fayyisee abbaa isaatiif galche.

[43] Humna Waaqayyoo isa danda'aatti hundumti isaanii abjuu ta'an. Namoonni hundinuu waan Yesus hojjete hundumaa dinqifachaa utuu jiranii, inni bartoota isaatti dubbatee,

[44] ?Kanan isinitti himuudhaaf jedhu kana gurratti fudhadhaa! Ilmi namaa harka namootaatti kennamuuf jira? jedhe.

[45] Isaan garuu dubbii kana hin hubanne, akka isaaniif hin galleef duraa dhokfamee ture; waa'ee dubbii kanaa isa gaafachuudhaafis sodaatanii turan.

[46] Bartoota gidduutti yaadni tokko ka'ee, isaan keessaa eenyutu caalinna laataa? jedhanii wal gaafatan.

[47] Yesus garuu yaada garaa isaanii beekee, mucaa tokko ofitti waame, ofii isaa bukkee dhaabachiise.

[48] Isaaniin immoo, ?Mucaa kana maqaa kootiin kan simu ana sima, kan na simus isa na erge sima; isin keessaa hundumaa irra kan xinnaatu, inni guddaa in ta'a? jedhe.

[49] Ergasii Yohannis, ?Yaa barsiisaa, namni tokko maqaa keetiin hafuura hamaa utuu baasuu arginee, waan inni nuu wajjin si duukaa hin bu'iniif, isa dhowwine? jedhee Yesusitti dubbate.

[50] Yesus garuu, ?Isa hin dhowwinaa! Kan isiniin hin mormine gara keessan in ta'a? isaaniin jedhe.

[51] Yeroon gara waaqaatti ol ba'uu isaatii dhi'aannaan, Yesus Yerusaalem dhaquudhaaf murtoo godhee ka'e.

[52] Ergamoonni warri inni of dura erge, iddoo isaaf qopheessuudhaaf ganda warra Samaariyaa tokkotti galan.

[53] Namoonni ganda sanaa garuu Yerusaalem dhaquudhaaf murtoo gochuu isaa waan dhaga'aniif, isa simachuu didan.

[54] Bartoonni isaa Yaaqoobii fi Yohannis kana yommuu hubatan, ?Yaa gooftaa, [akka Eliyaas godhe] ibiddi waaqa irraa bu'ee isaan haa fixu, jennee akka jarreen kanatti waamnu in barbaaddaa?? jedhaniin.

[55] Yesus garuu gara isaaniitti gara galee, isaan ifatee, [?Hafuura attamiitiin akka geggeeffamtan hin beektanii?

[56] Ilmi namaa jireenya namaa balleessuu hin dhufne'o, oolchuudhaaf malee? jedheen.] Kana booddee darbanii ganda biraa dhaqan.

[57] Utuu isaan karaa irra adeemaa jiranii, namni tokko, ?Iddoo kam illee yoo dhaqxe si duukaan bu'a? jedhee Yesusitti hime.

[58] Yesus immoo, ?Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann'ee qabu; ilmi namaa garuu iddoo mataa isaa itti hirkifatu hin qabu? jedhee deebiseef.

[59] Nama biraa tokkoon immoo, ?Na duukaa bu'i!? jedhe; inni garuu, ?Haa ta'u yaa gooftaa, garuu dura dhaqee abbaa koo akkan awwaaladhu sin kadhadha? jedheen.

[60] Yesus immoo deebisee, ?Warra du'an dhiisi, du'aa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqii, mootummaa Waaqayyoo iddoo hundumaatti lallabi!? jedheen.

[61] Ergasii namni biraa tokko, ?Yaa gooftaa, si duukaa nan bu'a, garuu dura dhaqee warra mana kootti nagaa akkan dhaamuuf sin kadhadha? jedhe.

[62] Yesus immoo, ?Eenyu illee hordaa harkaan qabatee gara booddee isaa ilaalaa hin qotu, akkasumas namni kana fakkaatu, hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti hin ta'u? jedheen.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Luqaas Caafe — Chapters