[1] Yesus bartoota isaatiin immoo, ?Namni sooressi tokko, qabeenya mana isaa hundumaa irratti kan gaafatamuuf, hojii adeemsiftuu qaba ture; al tokko hojii adeemsiftuun isaa kun qabeenya isaa akka duraa bittimsaa jiru, namichatti in himame.
[2] Yommus namichi ofitti isa waamsisee, ?Waa'ee keef kanan dhaga'u kun maal inni? Caaffata hojii adeemsisuu keetii, anaaf dhi'eessi! Si'achi itti fuftee hojii koo adeemsisuu hin dandeessu? ittiin jedhe.
[3] Yommus hojii adeemsiftuun sun garaa isaatti yaadee, ?Gooftaan koo hojii adeemsisuu kana keessaa yommuu na baasu, maal gochuudhaafan jira? Soqaa hin danda'u, kadhachuuf immoo nan yeella'a? jedhee of gaafate.
[4] ?Yommuu ani hojii kana keessaa ba'u namoonni akka ofitti na fudhataniif, amma waanan godhu beekeera? jedhe.
[5] Warra gooftaan isaa gatii irraa qabu hundumaa tokko tokkoon ofitti waamee, isa duraatiin, ?Gatiin gooftaa koo maaltu si irra jira?? jennaan,
[6] namichi immoo, ?Dhadhaa ejersaa huuroo dhibba? jedhee deebise. Hojii adeemsiftuunis namichaan, ?Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, taa'ii dafiitii shantama jedhii caafi?.
[7] Nama kan biraa tokkoon immoo, ?Gatii hammamiitu si irra jira?? jennaan, innis, ?Qamadii guuboo dhibba? jedhe. Isa kanaanis, ?Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, saddeettama jedhii caafi!? ittiin jedhe.
[8] ?Gooftichis hojii adeemsiftuu hin amanamne kana miliquu isaatiif in jaje; ijoolleen biyya lafa kanaa ijoollee ifaa irra kan caalu akka itti miliqanii walii wajjin jiraatan beeku.
[9] Ani isinittan hima, qabeenyichi yommuu gatii dhabu mana bara baraatti akka simatamtaniif qabeenya biyya lafa irraa isa hin amansiifne kanaan firoota baafadhaa!? jedhe.
[10] Yesus itti fufee, ?Waan baay'ee xinnoo irratti amanamaa kan ta'e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta'a; waan baay'ee xinnoo irratti amanamaa kan hin ta'in waan guddaa irratti immoo amanamaa hin ta'u.
[11] Isin qabeenya biyya lafa irraa isa sobaa irratti kan hin amanamin, qabeenya isa dhugaa immoo eenyutu amanee isinitti kenna ree?
[12] Qabeenya biyya lafaa isa kan keessan hin ta'initti erga amanamuu dhabaattanii, kan keessan isa ta'uuf jedhu eenyutu isiniif kenna ree?
[13] Garbichi tokko gooftota lamaaf abboomamuu hin danda'u; isa tokko jibbee, isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee. Isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan? jedhe.
[14] Fariisonni warri horii jaallatan kana hundumaa dhaga'anii, Yesusitti ga'isan.
[15] Inni garuu deebisee, ?Isin namoota biratti qajeelota jedhamuu barbaaddu, Waaqayyo garuu garaa keessan keessa beeka, waan nama duratti ol fuudhame Waaqayyo duratti ciigga'amaa dha.
[16] Seerrii fi raajonni hamma bara Yohannis cuuphaatti turan, ergasii immoo wangeela mootummaa Waaqayyootu lallabama, namni hundinuus dhiibbate itti galuudhaaf yaalaa jira.
[17] Garuu seerichi kan ittiin caafame keessaa gar tokkoon fidalaa illee hir'achuu irra, waaqnii fi lafti ija duraa baduutu salphata.
[18] ?Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundinuu in ejja, dubartii abbaa manaa isheettii gargar baate kan fuudhus in ejja? jedhe.
[19] Amma immoo, ?Al tokko namichi sooressi tokko ture; innis uffata irraa fi jalaan dhagnatti toluu fi ijatti miidhagu gatiin isaa baay'ee kan guddate gegeddaruudhaan guyyuma guyyaatti qannootti jiraata ture.
[20] Deegaan Alaazaar jedhamu, namummaan isaa guutummaatti madaa'e tokko immoo balbala kellaa isaa dura kaa'amee ture.
[21] Inni achi ciisee hurraa maaddii sooressichaa irraa harca'ee gatamu illee nyaachuudhaaf in kajeela ture; saroonni immoo dhufanii madaa isaa in arraabu turan.
[22] Gaaf tokko namichi deegaan sun du'ee, ergamoota Waaqayyootiin gara bukkee Abrahaamitti geeffame; sooressichis immoo du'ee awwaalames.
[23] Qilillee keessaas dhiphachaa utuma jiruu ol ilaalee, Abrahaamin fagootti, Alaazaarinis bukkee isaatti arge.
[24] Achumaanis, ?Yaa abbaa ko Abrahaam, naa oo'i; fiixee quba isaa bishaan cuuphee, arraba koo anaaf haa qabbaneessuufis Alaazaarin as anaaf ergi. Anoo ibidda kana keessatti dhiphachaan jira? jedhee waammate.
[25] Abrahaam garuu, ?Yaa ilma ko, bara jireenya keetti carraa gaggaarii akka argatte yaadadhu; yommus Alaazaar immoo carraa gaggadhee argachaa ture. Amma garuu inni bal'inatti jira, ati immoo dhiphinatti jirta.
[26] Kana hundumaa irratti immoo as gama keenyaa gara keessanitti darbuu warri barbaadan, akka hin dandeenyetti, achiis gara keenyatti akka hin ceenetti, bowwaa guddaan isaa nu gidduu jira? ittiin jedhe.
[27] ?Inni immoo deebisee, ?Egaa immoo yaa abbaa ko, mana abbaa kootti akka isa ergitu sin kadhadha.
[28] Anoo obboloota shan qaba, isaanis as iddoo dhiphinaa kana akka hin dhufneef isaan haa akeekkachiisu? jedhe.
[29] Abrahaam garuu, ?Isaan Museedhaa fi raajota qabu, isaan haa dhaggeeffatan? jedhee deebiseef.
[30] Inni immoo, ?Waawuu, yaa abbaa ko Abrahaam, warra du'an keessaa tokko deebi'ee gara isaanii yoo dhaqe, yaada garaa isaanii geddaratu malee? jedhe.
[31] Abrahaam immoo, ?Museedhaa fi raajota yoo dhaga'uu dhabaatan, warra du'an keessaa tokko deebi'ee ka'u iyyuu dhugaa dha hin jedhan? ittiin jedhe? jedhe.