Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 11:12

[1] Ayyaanni Maxinoo, Faasiikaa jedhamee inni waamamu dhi'aatee ture.

[2] Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa saba sana waan sodaataniif, karaa ittiin Yesusin ajjeesisuun ta'u in barbaadu turan.

[3] Yommus Seexanni, Yihudaa nama biyya Keriyot warra kudha lamaan keessaa tokko isa turetti gale;

[4] yommus inni ba'ee attamitti Yesusin isaanitti dabarsee kennuu akka danda'u luboota warra angafoota, dura-buutuu eegduu mana qulqullummaa wajjinis in mari'ate.

[5] Isaan immoo gammadanii horii isaaf kennuudhaaf in abdachiisan.

[6] Kana irratti Yihudaan itti walii galee, yeroo tuuti jaraa bira hin jirretti isaanitti dabarsee isa kennuudhaaf qoofnii in barbaada ture.

[7] Ayyaanni Maxinoo guyyaan itti hoolaan Faasiikaa qalamuun ta'u geenyaan,

[8] Yesus Phexrosii fi Yohannisin ergee, ?Dhaqaa, irbaata Faasiikaa akka nyaannuuf nuuf qopheessaa!? jedheen.

[9] Isaan immoo, ?Eessatti akka qopheessinu jaalatta?? jedhaniin.

[10] Inni immoo ?Yommuu asii dhaqxanii mandarichatti galtan, namni tokko okkotee bishaanii baatee isinitti in dhufa; isinis isa duukaa mana inni itti galu dhaqaa.

[11] Abbaa manichaatiin, ?Manni keessummaa kan ani bartoota koo wajjin keessatti irbaata Faasiikaa nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan? jedhaa.

[12] Namichi yommus mana mana irraa keessaa kutaa bal'aa tokko mi'a manaatiin kan guute isinitti in argisiisa, achitti qopheessaa!? jedheen.

[13] Yeroo sanatti isaan dhaqanii akkuma inni isaanitti himetti argatanii, achitti irbaata Faasiikaa qopheessan.

[14] Yeroon itti irbaata Faasiikaa nyaatan geenyaan, Yesus ergamoota isaa wajjin maaddiitti taa'e.

[15] Inni isaaniin, ?Dhiphachuu koo fuul dura irbaata Faasiikaa miilanaa isinii wajjin nyaachuudhaaf garaa koo guutuu hawweera.

[16] Hamma gaafa mootummaa Waaqayyoo keessatti guutummaatti raawwatamutti, ani deebi'ee irbaata Faasiikaa akkan hin nyaanne isinittan hima? jedhe.

[17] Xoofoo fudhatee, Waaqayyoof galata galchee, ?Ho'aa, wal harkaa fuudhaa, dhugaa!

[18] Ammaa jalqabee mootummaan Waaqayyoo hamma dhufutti daadhii waynichaattii akka ani hin dhugne isinittan hima? jedhe.

[19] Buddeenas fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, cabsee isaaniifis kennee, ?Kun dhagna koo ti [isiniif kan kennamu, kanas seenaa kootiif godhadhaa!? jedhe.

[20] Akkasumas irbaata booddee xooficha fudhatee, ?Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangala'uun dhaabatuu dha].

[21] Garuu kunoo, harki isa dabarsee na kennuu anaa wajjin maaddii irra jira.

[22] Ilmi namaa illee akkuma dur murtoo ta'etti in dhaqa, garuu namicha dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo!? jedhe.

[23] Isaan immoo, inni kana gochuudhaaf jiru isaan keessaa eenyu akka ta'e wal gaggaafatan.

[24] Ergasii immoo nu keessaa eenyutu caala jechuu irraa kan ka'e, ergamoota isaa gidduutti morkiin ka'ee ture.

[25] Yommus Yesus, ?Mootonni warra biyya lafaa gooftummaa isaanii saba isaanii irratti argisiisu; warri gooftummaa irra jiran sun immoo, ?Gargaaroo biyyaa? ofiin jechisiisu.

[26] Isin keessatti garuu akkas hin ta'in; isin keessaa inni hundumaa irra caalu akka isa hundumaa irra xinnaatuu haa ta'u malee, inni geggeessus akka isa warra kaaniif hojjetuu.

[27] Isa maaddiitti taa'ee jiru moo, isa ergamutu caalaa guddaa dha ree? Isa maaddiitti dhi'aatee jiru mitii ree? Ani garuu isin gidduutti akka isa ergamuu ti.

[28] Isin qorama koo keessatti warra anaa wajjin turtanii dha.

[29] Abbaan koo mootummaa akka anaaf kaa'e, anis immoo akkasuma isiniif nan kaa'a.

[30] Mootummaa kootti maaddii koo irraa in nyaattu, in dhugdu, teessota irra teessanii gosa Israa'el kudha lamaan keessatti firdii in kennitus? jedhe.

[31] Yesus, ?Simoon, Simoon, Seexanni akka namni qamadii gingilchu isin gingilchuudhaaf isin falmeera.

[32] Ani garuu amantiin kee iddoodhaa akka hin badneef siif kadhadheera; ati yeroo itti gara kootti deebitutti, obboloota kee jabeessi!? jedhe.

[33] Inni immoo, ?Gooftaa, anoo sii wajjin gara hidhamuu, gara du'uus dhaquudhaaf qophaa'aa dha? jedhe.

[34] Yesus deebisee, ?Yaa Phexros, edana indaanqoon utuu hin iyyin na beekuudhuma kee iyyuu si'a sadii akka gantu, sittan hima? jedheen.

[35] Yesus ammoo, ?Horii, qalqalloo, kophees utuu hin fudhatin yeroo ani isin erge, waa isinitti hir'ate turee ree?? jennaaniin, isaan immoo, ?Homtinuu nutti hin hir'anne? ittiin jedhan.

[36] Inni immoo deebisee, ?Amma garuu, horii, qalqalloos kan qabu haa fudhatu; namni waa hin qabne immoo wayyaa isaa gurguree billaa haa bitatu!

[37] Macaafa keessatti, ?Warra seera cabsituutti lakkaa'ame? jedhamee kan caafame kun, anatti raawwatamuun akka ta'u isinittan hima; wanti na ilaalu hundinuu raawwatamuutti jira? jedhe.

[38] Isaan immoo, ?Ilaa, gooftaa, billaan lama as jira? jennaan, innis deebisee, ?In ga'a? ittiin jedhe.

[39] Yesus mandaricha keessaa ba'ee, akkuma amala isaa gara gaara ejersaa dhaqe; bartoonni isaas isaa wajjin dhaqan.

[40] Iddoo sana yommuu ga'e, ?Qoramatti akka hin galleef kadhadhaa!? isaaniin jedhe.

[41] Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture;

[42] ?Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta'e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta'in, akka ati jaallatte haa ta'u!? jedhe. [

[43] Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul'ate.

[44] Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ture.]

[45] Kadhata irraa ka'ee, gara bartoota isaa yommuu dhufe, bartoonni gaddaan waan bututaniif rafanii isa eegan.

[46] Inni immoo, ?Attamitti rafuu dandeessu? Ka'aa, qoramatti akka hin galleef kadhadhaa!? ittiin jedhe.

[47] Utuu Yesus kana dubbachaa jiruu kunoo, tuuti jaraa dhufan; bartoota kudha lamaan keessaa tokko Yihudaa kan jedhamu isaan fidee, Yesusin dhungachuudhaaf gara isaatti dhi'aate.

[48] Yesus garuu, ?Yihudaa, dhungachuudhaan ilma namaa dabarsitee kennitaa?? jedheen.

[49] Yesusii wajjin kan turanis waan ta'uuf jiru yeroo hubatanitti, ?Yaa gooftaa, billaadhaan rukunnuu?? jedhan.

[50] Tokko immoo isaanuma keessaa, garbicha angafa lubootaa rukutee, gurra isaa isa mirgaa irraa kute.

[51] Yesus garuu, ?Lakkisaa, wanti akkasii akka hin dabalamne? jedhee gurra namichaa isa cites qaqqabee fayyise.

[52] Kana booddee Yesus luboota warra angafoota, dura-buutuu eegduu mana qulqullummaa akkasumas maanguddoota warra isa qabuuf ba'aniin, ?Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii?

[53] Guyyaa dhufaa darbaa mana qulqullummaatti, yeroo ani isinii wajjin ture hundumaatti harka keessan anatti hin buufne; amma garuu yeroon isiniif kennameera, aangoon dukkanaas in beekama? jedhe.

[54] Kana booddee Yesusin qabanii, fuudhanii adeeman, gara mana angafa lubootaattis geessan; Phexros immoo irraa fagaatee duukaa in adeema ture.

[55] Yeroo jarreen oobdii keessatti ibidda bobeessanii walii wajjin taa'anitti, Phexrosis isaan gidduu taa'e.

[56] Inni gara ifaatti ba'ee teenyaan, intalli tokko ija itti baaftee, ?Namichi kunis isaa wajjin ture? jette.

[57] Inni garuu, ?Intalattii nana, anoo isa hin beeku? jedhee gane.

[58] Yeroo xinnoo booddee immoo namni kan biraa tokko isa argee, ?Atis immoo isaan keessaa tokko? ittiin jedhe; Phexros garuu, ?Ana miti, namicha nana? jedhe.

[59] Akka sa'aatii tokkoo booddees kan biraa tokko immoo cimsee, ?Dhuguma namichi kunis isaa wajjin ture, innoo nama Galiilaa ti? jedhe.

[60] Phexros garuu, ?Namicha nana, waan ati jettu kun iyyuu anaaf hin galu? jedhe; utuu inni kana dubbachaa jiruus indaanqoon in iyyite.

[61] Gooftaan yommus gara galee Phexrosin ilaale; Phexros dubbii gooftaa isa inni, ?Har'uma utuu indaanqoon hin iyyin si'a sadii na ganta? ittiin jedhee ture yaadatee,

[62] gad ba'ee mararamee in boo'e.

[63] Warri Yesusin qabanii egaa turanis, isatti ga'isan, isa reebanis.

[64] Akkasumas ija isaa hidhanii, ?Eenyutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!? in jedhuun turan.

[65] Kana malees immoo arrabsoo garaa garaa baay'eedhaan isa in arrabsu turan.

[66] Yommuu bari'es maanguddoonni sabaa, luboonni warri angafoonni, barsiisonni seeraas walitti qabamnaan, Yesus yaa'ii isaanii duratti akka dhi'aatu godhan.

[67] Isaanis, ?Ati Kristos isa abdachiifame yoo taate nutti himi!? ittiin jedhan. Inni garuu, ?Yoo ani isinitti hime iyyuu hin amantan,

[68] yoo ani isin gaafadhes anaaf hin deebiftan;

[69] garuu ilmi namaa ammaa jalqabee, gara mirga Waaqayyoo isa hundumaa danda'uu taa'uuf jira? jedheen.

[70] Hundumti isaanii, ?Egaa ati ilma Waaqayyoo ti moo ree?? jedhan; inni immoo, ?Isa ta'uu koo isin iyyuu in jettu? jedhe.

[71] Kana irratti isaan, ?Nuyi ofii keenyaa afaan isaa irraa dhageenyeerra'o, dhugaa ba'uu kana irra caalu maal barbaachisa?? jedhan.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Luqaas Caafe — Chapters