Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:02

[1] Xiberiyos mootichi mo'ee waggaa kudha shanaffaatti, Phonxos Philaaxos biyya Yihudaa bulche; Herodis immoo biyya Galiilaatti, Filiphos obboleessi isaa biyya Ixuriyaa fi Xraakonixisitti, Lisaaniyaasis biyya Abiliinyaatti abboota biyyaa turan.

[2] Haannaasii fi Qayyaafaan angafoota lubootaa turan; bara sanatti Yohannis ilmi Zakaariyaas lafa onaa keessa utuu jiruu, sagaleen Waaqayyo isa bira ga'e.

[3] Yohannis biyya naannoo Yordaanos keessa adeemee, ?Cuuphamaa, yaada garaa geddarachuu keessan mul'isaa; Waaqayyos cubbuu keessan isiniif in balleessa? jedhee labse.

[4] Kunis macaafa Isaayaas raajichaa keessatti, ?Sagaleen lafa onaa keessaa in iyya; dhaga'aa dhaggeeffadhaa, gooftichaaf karaa tolchaatii haraa, daandii inni irra adeemus qajeelchaa.

[5] Dachaan hundinuu haa guutamu; tulluun, gaarris hundinuu haa kuffifamu; karaan jajal'aan haa qajeelfamu, wal caalaanis wal haa qixxeeffamu.

[6] Namoonni hundinuu fayyisuu Waaqayyoo in argu? kan jedhu caafamee jira.

[7] Akkuma kanaattis Yohannis, namoota cuuphamuudhaaf baay'atanii gara isaatti ba'an, gorsuutti ka'ee, ?Isin ijoollee mar'ataa nana, dheekkamsa isinitti bu'uuf jiru jalaa akka baqattaniif, eenyutu isin yaadachiise?

[8] Ammas yaada garaa geddarachuun keessan ija gaarii haa godhatu! Abbaan keenya Abrahaamii dha jettanii of hin jabeessinaa; Waaqayyo, Abrahaamiif dhagoota kanattii ijoollee kaasuu akka danda'u isinittan hima.

[9] Ammuma iyyuu qottoon hidda muka hundumaa irra kaa'amee jira; mukti ija gaarii hin godhanne hundinuu muramee ibiddatti in naqama? jedhe.

[10] Kana irratti jarreen sun, ?Egaa maal goonu ree?? jedhanii Yohannisin gaafatan.

[11] Inni immoo, ?Uffata lama kan qabu kan hin qabneef haa kennu; nyaata kan qabu warra dhabaniin haa ga'u!? jedhee deebiseef.

[12] Warri qaraxa fuudhan immoo cuuphamuudhaaf dhufanii, ?Yaa barsiisaa, nu'oo maal goonu?? ittiin jennaan,

[13] inni immoo, ?Kan murame irra caalchiftanii hin fuudhinaa!? jedheen.

[14] Warri loltuunis, ?Nu immoo maal goonu ree?? jedhanii gaafatan; inni immoo, ?Giddisiiftanii horii nama tokko irraa illee hin fudhatinaa; sobaanis nama tokko iyyuu gara abbaa firdiitti hin geessinaa; qalabni keessan inni isin fudhattan isin haa ga'u!? jedheen.

[15] Jarreen waa eeggachaa waan turaniif, Yohannis kun Kristos ta'inna laataa? jedhanii hundumti isaanii garaa isaaniitti gaafatan.

[16] Yohannis waan isaan yaadan kanaaf yommuu deebii hunduma isaaniitiif kennutti, ?Ani bishaaniinan isin cuupha, garuu ana irra kan jabaatu hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf kanan hin taane dhufaa jira; inni hafuura qulqulluudhaa fi ibiddaan isin in cuupha.

[17] Oobdii isaa keessatti midhaan kan ittiin qulleessu hafarsaa of harkaa qaba; midhaan isa qulleeffames gombisaa isaatti in sassaaba; habaqii isaa garuu ibidda hin dhaamneen in guba? jedhee barsiise.

[18] Kana malees gorsa garaa garaa isaaniif kennaa wangeela jaratti lallabe.

[19] Yohannis Herodisiin abbaa biyyaa iyyuu balleessaa isaa itti mul'isee ifate; kunis Herodiyaas kan jedhamtu niitii obboleessa isaa Filiphos fuudhuu isaatiif, jal'ina inni raawwate hundumaatiifis ture.

[20] Herodis garuu hammina isaa ittuma dabalee, Yohannisin mana hidhaatti galche.

[21] Yeroo namoonni hundinuu cuuphamanitti, Yesusis in cuuphame; utuu inni kadhachuutti jiruus waaqni baname.

[22] Hafuurri qulqulluun bifa gugeetiin mul'atee irra bu'e; sagaleenis waaqa irraa dubbatee, ?Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama? jedhe.

[23] Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti; hidda dhaloota isaa yeroo lakkaa'anis ilma Yoseef jedhaniin; Yoseef ilma Elii,

[24] ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Malkii, ilma Yaanaayi, ilma Yoseef,

[25] ilma Maataatiyaas, ilma Amos, ilma Naahom, ilma Eslii, ilma Naagee,

[26] ilma Maa'at, ilma Maataatiyaas, ilma Seeme'i, ilma Yosee, ilma Yihudaa,

[27] ilma Yoanaan, ilma Resaa, ilma Zarubaabel, ilma Salaatiyel, ilma Nerii.

[28] Ilma Melkii, ilma Adii, ilma Qosaam, ilma Elmaadaam, ilma Eer,

[29] ilma Yoshuwaa, ilma Elii'ezaar, ilma Yooraam, ilma Maataat, ilma Lewwii,

[30] ilma Simi'oon, ilma Yihudaa, ilma Yoseef, ilma Yoonaam, ilma Eliyaaqim,

[31] ilma Meleyaa, ilma Maayinaan, ilma Maaxaataa, ilma Naataan, ilma Daawit,

[32] ilma Isey, ilma Yoobeed, ilma Boaz, ilma Salmoon, ilma Nahason,

[33] ilma Aminaadaab, ilma Aaram, ilma Arnii, ilma Hesrom, ilma Faares, ilma Yihudaa,

[34] ilma Yaaqoob, ilma Yisihaq, ilma Abrahaam, ilma Taaraa, ilma Naahor,

[35] ilma Seruug, ilma Raagaawu, ilma Faaleq, ilma Eber, ilma Saalaa,

[36] ilma Qaayinaam, ilma Arfaaksaad, ilma Seem, ilma Nohi, ilma Laamek,

[37] ilma Maatusaalaa, ilma Henok, ilma Yaared, ilma Malaaliyel, ilma Qaayinaan,

[38] ilma Henos, ilma Seet, ilma Addaam, ilma Waaqayyoo.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Luqaas Caafe — Chapters