Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:21

[1] Yesus yommus bartoota isaatiin, ?Gufannaan dhufuu hin oolu; garuu nama gufannaan karaa isaa dhufu sanaaf wayyoo.

[2] Warra xixinnaa kana keessaa tokko gufachiisuu isaatii mannaa, dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaana keessa utuu buufamee isaaf wayya ture.

[3] Ofii keessanii of eeggadhaa; obboleessi kee yoo si yakke, jabeessi isa gorsi, inni yoo yaada garaa isaa geddaratee dhiisiif.

[4] Guyyaattis si'a torba si yakke, si'a torbanuu immoo gara keetti deebi'ee, ?Nan gaabbe anaaf dhiisi!? yoo siin jedhe dhiisuufiitu siif ta'a? jedhe.

[5] Ergamoonni yommus gooftichaan, ?Amantii keenya nuuf guddisi!? jedhan.

[6] Gooftichi immoo deebiseefii, ?Amantii hamma ija sanaaficaa kan geessu utuu qabaattanii, qilxuu kanaan, ?Buqqa'ii galaana keessa dhaabami!? in jettu; innis isiniif in abboomama? jedheen.

[7] Yesus, ?Isin keessaa tokko hojjetaa qotiisa qotu yookiis horii tiksu yoo qabaate, hojjetichi hojiidhaa yommuu galu achumaan, ?As taa'ii nyaata nyaadhu!? in jedhaanii ree?

[8] ?Nyaata qopheessii anaaf dhi'eessi, hamma ani nyaadhee dhugutti wayyaa kee marxifadhuu anaaf ergami! Kana booddee atis in nyaatta in dhugda? in jedhaan mitii ree?

[9] Hojjetaa kanas isa itti ajajame waan raawwateef in galateeffataa ree?

[10] Isinis immoo kan itti ajajamtan hundumaa yommuu raawwattan, ?Hojjechuun kan nu irra jiru duwwaa waan hojjenneef, galateeffamuun nuuf hin ta'u? jedhaa!? isaaniin jedhe.

[11] Yesus Yerusaalem utuu dhaquu Samaariyaadhaa fi Galiilaa keessa darbe.

[12] Akkuma inni ganda tokkotti galeen, namoonni kudhan dhukkuba lamxii kan dhukkubsatan itti dhufan. Isaan fagoo dhaabatanii,

[13] sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Yaa Yesus barsiisaa nu maari!? jedhaniin.

[14] Yesus isaan ilaalee, ?Dhaqaa luboota of ilaalchisaa!? jedheen; isaan immoo dhaqaa utuu jiranii in qullaa'an.

[15] Tokko isaan keessaa akka fayye arginaan, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa, deebi'ee gara Yesus in dhufe.

[16] Miilla Yesus jalatti adda isaatiin lafa dha'ee isa galateeffates; inni nama Samaariyaa ture.

[17] Yesus deebisee, ?Namoota kudhantoo qullaa'ee, salganuu meerree ree?

[18] Isa orma kana irraa kan hafe namni Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessuudhaaf deebi'e hin argamnee?? jedhe.

[19] Yesus yommus namichaan, ?Ka'ii, dhaqi amantiin kee si fayyiseera? jedheen.

[20] Yesus, mootummaan Waaqayyoo yoom akka dhufu warra Fariisotaatiin gaafatamee, deebii isaaniif deebise. ?Mootummaan Waaqayyoo milikkitaan himamee hin dhufu.

[21] Homtinuus, ?Ilaa as jira yookiis achi jira? hin jedhu; kunoo, mootummaan Waaqayyoo gidduu keessan jira? jedhe.

[22] Itti fufees bartoota isaatiin, ?Yeroon isin itti guyyoota ilma namaa keessaa guyyaa tokko illee arguudhaaf hawwitan in dhufa, hin argitanis.

[23] ?Ilaa inni achi jira; yookiis inni as jira? isiniin jedhu, isinis immoo hin dhaqinaa duukaas hin fiiginaa!

[24] Balaqqeessi bantii waaqaa gar tokko hamma gara kaaniitti balaqqeessa'ee akka ibsu, ilmi namaa guyyaa isaatti akkasuma in ta'a.

[25] Haa ta'u iyyuu malee, kana dura, harka dhaloota si'anaa kanatti baay'ee dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun isaaf in ta'a.

[26] ?Bara Nohitti akkuma ta'ee ture, bara ilma namaattis akkasuma in ta'a.

[27] Namoonni hamma guyyaa Nohi markabatti galetti, bishaan badiisaas dhufee hunduma isaanii balleessetti, nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan.

[28] Bara Looxis akkuma kana ta'ee ture, namoonni nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, biqiltuu dhaabaa, mana ijaaraa turan.

[29] Guyyaa Loox Sodoomii ba'etti garuu, ibiddii fi dhagaan boba'u waaqa irraa isaanitti roobee hunduma isaanii fixe.

[30] Guyyaa itti ilmi namaa mul'atuttis akkasuma in ta'a.

[31] ?Guyyaa sanatti namni mana isaa keessaa ba'ee ala yoo jiraate, mi'i isaa immoo mana keessatti yoo duraa hafe, isa fudhachuudhaaf manatti ol hin deebi'in; lafa qotiisaa kan jirus gara galee gara booddee isaa hin ilaalin!

[32] Haadha manaa Loox yaadadhaa!

[33] Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; jireenya isaa kan kennu garuu isa in oolfata.

[34] Ani isinittan hima, halkan sana namoonni lama siree tokko irra in rafu, isaan keessaa inni tokko in fudhatama, inni kaan immoo in dhiifama.

[35] Dubartoonni lama walii wajjin dhagaa tokkotti in daaku, isheen tokko in fudhatamti, isheen kaan immoo in dhiifamti. [

[36] Namoonni lama lafa qotiisaatti argamu, inni tokko in fudhatama inni kaan immoo in dhiifama]? jedhe.

[37] Kana irratti bartoonni isaa, ?Eessatti, yaa gooftaa?? jedhanii gaafannaan, inni immoo, ?Raqni iddoo jirutti, gogocoroonni wal ga'u? jedhee isaaniif deebise.

Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesus Kristos Isa Qulqulluu Isa Luqaas Caafe — Chapters