[1] Sanbanni erga darbee, Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoob, Salomeenis dhaqanii dhagna Yesus dibuudhaaf urgooftuu bitan.
[2] Jalqaba torbanii, [gaafa Sanbata guddaa], ganama barii ka'anii akkuma aduun baateen awwaalicha bira ga'an.
[3] Karaatti immoo, ?Eenyutu dhagicha balbala awwaalichaattii nuuf gara galcha?? waliin jechaa turan.
[4] Dhagichi baay'ee guddaa ture; itti hiiqanii yommuu ilaalan immoo dhagichi balbala awwaalichaattii gara galfamee argan.
[5] Awwaalichatti akkuma ol lixaniin dargaggeessa tokko, uffata gad dheeraa adii uffatee bukkee gara mirgaatiin taa'ee argan; isaan yommus na'anii in dinqifatan.
[6] Inni immoo, ?Naatanii hin dinqifatinaa! Isin Yesus nama Naazireet isa fannifamee ture barbaaddu; innoo ka'eera, as hin jiru, ilaa, iddoo isaan isa ciibsanii turan iyyuu!
[7] Garuu dhaqaa! Bartoota isaatti Phexrosittis, ?Inni isin dura Galiilaa in dhaqa, akkuma isinitti himes achitti isa in argitu? jedhaatii himaa!? isaaniin jedhe.
[8] Isaan rom'anii of wallaalanii waan turaniif, achi keessaa ba'anii awwaalicha biraa baqatan; waan sodaataniifis nama tokkotti iyyuu waa hin himne.
[9] Yesus jalqaba torbanii, [guyyaa Sanbata guddaa] ganama barii yommuu du'aa ka'e, dura Maariyaam ishee Magdalaatti mul'ate; Maariyaam kun ishee inni hafuurota hamoota torba keessaa baasee turee dha.
[10] Isheen gara warra isaa wajjin turanii, gadduu fi boo'uutti jiranii, dhaqxee kana isaanitti himte.
[11] Isaan garuu akka inni jiraataa ta'e, akka isheen isa argites, yommuu ishee irraa dhaga'an kana hin amanne.
[12] Kana booddee jarreen lama diida utuu dhaqanii Yesus bifa biraatiin isaanitti mul'ate.
[13] Jarreen kun deebi'anii warra kaanitti himan; isaan garuu dubbii isaan kanaas hin amanne.
[14] Ergasii immoo Yesus, bartoota kudha tokko warra maaddiitti taa'anitti mul'ate. Warri isa du'aa ka'e kana argan, yommuu isaanitti himan, waan bartoonni kun hin amaniniif amanti-dhabina isaaniitiif mata-jabina isaaniitti dheekkame.
[15] Inni, ?Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis wangeela lallabaa!
[16] Namni amane namni cuuphames in fayya; namni hin amanne garuu itti in faradama.
[17] Warra anatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu.
[18] Bofa yoo qaban yookiis waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu; harka isaaniis warra dhukkubsatan irra in kaa'u, isaanis in fayyu? isaaniin jedhe.
[19] Yesus gooftaan isaanii wajjin erga dubbatee booddee, gara waaqa keessaatti ol fudhatamee mirga Waaqayyoo taa'e.
[20] Ergasii bartoonni dhaqanii iddoo halletti lallaban; gooftaan immoo isaanii wajjin hojjete, dubbichas milikkitoota argamaniin in cimse.