[1] Yesus achi ilaalee, badhaadhonni kennaa isaanii qodaa buusii keessa utuu buusanii arge.
[2] Haati hiyyeessaa tokkos sibiila diddiimtuu, kan akka saantiima lamaa, qodaa buusii kana keessa buusuu ishee arge.
[3] Kana irratti inni, ?Dhuguman isinitti hima, haati hiyyeessaa kun hunduma isaanii caalaa buufteetti.
[4] Isaan kun hundinuu bultoo isaanii irraa hafee kan kaa'atan keessaa qodaa buusii keessa buusan; isheen kun garuu danuu hiyyuma ishee keessaa, har'a ittiin buluudhaaf kan qabdu hundumaa qodicha keessa buufte? jedhe.
[5] Isaan keessaa kaan waa'ee dhagaa mimmiidhagaadhaa fi gati-jabeessaan, kennaa wareegaatiinis miidhagfamuu mana qulqullummaa dubbatan.
[6] Kana irratti Yesus, ?Kan isin ilaaltan kun hundinuu dhagaan tokko illee wal irratti utuu hin hafin, yeroon inni itti diigamu in dhufa? isaaniin jedhe.
[7] Isaan immoo, ?Yaa barsiisaa kun yoom ta'a? Wanti kun yommuu ta'uudhaaf jedhu immoo milikkinni isaa maali?? jedhanii isa gaafatan.
[8] Yommus Yesus, ?Hubadhaa, hin gowwoomfaminaas! Baay'een, ?Ani Kristos, yerichi eeggatames ga'eera? jechaa maqaa kootiin in dhufu. Isin garuu isaan duukaa hin dhaqinaa!
[9] Lolaa fi raafamuu biyyaa yommuu dhageessan hin sodaatinaa! Kan akkasii kun duraan dursee ta'uun irra jira'o; garuu dhumni achumaan hin ta'u? jedhe.
[10] Itti fufees, ?Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka'a;
[11] socho'i lafaa gurguddaan beellii fi dha'ichis biyya hundumaatti in ta'a, wanti rom'isiisaanii fi milikkinni gurguddaanis waaqa irraa in mul'ata.
[12] Wanti kun hundinuu utuu hin ta'in dura, isin in qabu, isin in ari'atus; yaa'ii warra mana sagadaatti, mana hidhaattis dabarsanii isin in kennu; anaaf jettanii fuula moototaatti, fuula abboota biyyaattis in geeffamtu.
[13] Kanaanis karaa ittiin dhugaa naa baatan in argattu.
[14] ?Maal jennee falmanna? jettanii yaadda'uu akka isin hin barbaachifne garaatti qabadhaa.
[15] Anuu akka ta'utti akka dubbattaniif ogummaa, warri isinitti falman dura dhaabachuu yookiis ittiin mormuu hin dandeenye isiniifan kenna.
[16] Warri isin hore, obboloonni, aantiin keessanii fi firri keessan illee dabarsanii isin in kennu; isin keessaas kaan in ajjeesu.
[17] Hundinuu anaaf jedhanii isin in jibbu.
[18] Garuu rifeensi mataa keessanii tokko illee hin badu.
[19] Egaa rakkina obsuu keessaniin jireenya keessan isa dhugaa in argattu? jedhee isaaniif deebise.
[20] Yesus itti fufee, ?Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan garuu, diigamuun ishee akka dhi'aate beekaa.
[21] Yommus Yihudaa kan jiran gara gaarotaatti haa baqatan, mandarattii keessa kan jiranis ba'anii haa adeeman, biyya keessa kan jiranis mandarattiitti ol hin galin.
[22] Guyyoonni kun ?Guyyoota adabaa ti'o?, kan caafame hundinuu haa raawwatamuuf.
[23] Garuu guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif wayyoo! Gidiraan jabaan biyyicha irratti, dheekkamsis saba kana irratti in dhufa.
[24] Kaan qara billaatiin in du'u, kaan immoo biyya hundumaatti in booji'amu; Yerusaalemis saba Waaqayyoo warra hin ta'iniin irra in ejjetamti, kunis hamma barri, warra saba Waaqayyoo hin ta'initti kenname raawwatamutti? jedhe.
[25] Itti fufee, ?Milikkinnis biiftuutti, ji'atti, urjootatti in ta'a; lafa irratti sabni hundinuu in muddama, huursaadhaa fi dha'aa galaanaa kan akka isaatii dhaga'amee kan hin beekne irraa kan ka'es, waan godhu in wallaala.
[26] Namoonni naasuudhaaf isa biyya lafaatti dhufu sodaatanii eeggachuu irraa kan ka'e in laafu, humnoonni bantii waaqaa keessaa in raafamu.
[27] Yommus ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa keessa utuu dhufuu in argu.
[28] Kun hundinuu ta'uu yommuu jalqabu, mataa keessan ol qabadhaa, ol ilaalaas, furamuun keessan dhi'aateera? jedhe.
[29] Ergasii Yesus fakkeenya kana isaanitti hime, ?Muka harbuu, mukeetii hundumaas ilaalaa.
[30] Latuu damee isaanii ilaaltanii, bonni akka dhi'aate in hubattu.
[31] Akkasuma isin immoo kun hundinuu akka ta'u yommuu argitan, mootummaan Waaqayyoo akka dhi'aate beekaa.
[32] Dhuguman isinitti hima, wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni si'anaa kun hin dhumu.
[33] Waaqnii fi lafti darbuuf jiru, dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu? jedhe.
[34] Yesus yommus, ?Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba'aa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa.
[35] Akkuma kanatti namoota guutummaa biyya lafaa irra jiraatan hundumaa irra in ba'ao.
[36] Yeroo hundumaa dammaqaa, wanta ta'uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba'uudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf humna akka argattaniif kadhadhaa? jedhe.
[37] Yesus guyyaa guyyaa mana qulqullummaa keessatti barsiisee, galgala galgala immoo gara gaara ?Gaara ejersaa? jedhameetti ba'ee, achi bula ture.
[38] Namoonni hundinuu ganama obboroodhaan isa bira dhufanii, mana qulqullummaa keessatti dubbii isaa in dhaggeeffatu turan.