[1] Yeroo sanatti mootummaa warra Roomaa keessa kan jiraatan hundinuu akka caafamaniif, Awugusxos mooticha biraa abboommiin ba'e.
[2] Caafamuun namaa kun isa jalqabaa ture; innis bara Qereenewos Soriyaatti abbaa biyyaa turetti ta'e.
[3] Kanaaf namni hundinuu adduma addaan of caafsisuudhaaf gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe.
[4] Yoseef sanyii mooticha Daawit keessaa waan tureef, Galiilaadhaa mandara Naazireetii ba'ee, Yihudaa keessaa Betlihem mandara Daawit ga'e.
[5] Kaadhima isaa Maariyaamii wajjin caafamuudhaaf dhaqe; isheen immoo ulfa turte.
[6] Betlihem utuu jiraniis, yeroon Maariyaam itti deessu ga'e;
[7] angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtuutii iddoo hin arganne waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite.
[8] Tiksoonni tokko immoo naanna'aa sanaa bakkeetti halkan darabee dammaqanii, hoolota isaanii in eegu turan.
[9] Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee, ifni surraa gooftichaas naannoo isaaniitti ibse; kana irratti isaan na'anii, guddaa sodaatan.
[10] Ergamichi garuu, ?Hin sodaatinaa! Kunoo ani misraachoo gammachuu guddaa isinittan hima'o, kunis saba hundumaaf kan ta'uu dha.
[11] Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha.
[12] Milikkinni isaa immoo kana, mucaa wayyaan itti maramee siree horiin keessaa nyaatu irra ciisu in argitu? isaaniin jedhe.
[13] Achumaanis kutata ergamoota Waaqayyoo keessaa baay'een ergamicha kanaa wajjin turan.
[14] Isaan immoo, ?Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti? jedhanii Waaqayyoon in faarfatu turan.
[15] Ergamoonni Waaqayyoo isaan biraa deebi'anii gara waaqaatti erga ol ba'anii tiksoonni, ?Kottaa Betlihem in dhaqna, dubbii achitti ta'e, Waaqayyo nutti beeksise kanas in ilaalla? waliin jedhan.
[16] Ariifachaa yommuu dhaqan Maariyaamii fi Yoseefin, mucichas, siree horiin keessaa nyaatu irra ciisee argatan.
[17] Tiksoonni sun mucicha yommuu argan, waan ergamoonni Waaqayyoo waa'ee isaaf isaanitti himan hundumaa mul'isan.
[18] Warri dhaga'an hundinuu immoo waan tiksoonni isaanitti himanitti baay'ee dinqifatan.
[19] Maariyaam garuu dubbii kana hundumaa garaatti qabattee, itti yaaddi turte.
[20] Tiksoonni sun, isa ergamoonni Waaqayyoo itti himan hundumaa dhaga'anii, akkuma itti dubbatametti ija isaaniitiin waan arganiif, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa galateeffachaas gara iddoo isaaniitti deebi'an.
[21] Guyyaan saddeettaffaan erga darbee mucicha dhagna qabuun in ga'e; akkuma ergamaan Waaqayyoo utuu isheen hin ulfaa'in dura, haadha isaatti himee turetti maqaa isaa ?Yesus? jedhan.
[22] Akka seera Museen abboometti yeroon qullaa'ummaa isaanii geenyaan, Waaqayyo gooftaa duratti isa dhi'eessuudhaaf, mucicha gara Yerusaalemitti fidan.
[23] Seera gooftichaa keessatti, ?Dhiirri angafni karra saaqu hundinuu Waaqayyoof qulqullaa'ee addaan kan ba'ee dha? kan jedhu caafamee jira.
[24] Kana malees immoo akka seera gooftichaatti aarsaadhaaf, ?Gugee horaa lama yookiis gugee sosookkee lama? dhi'eessuuf, isa fidan.
[25] Bara sanatti namni maqaan isaa Simi'oon jedhamu tokko Yerusaalem ture; namni kun abboommii Waaqayyoo kan eege, Waaqayyoon sodaachaa kan jiraate, fayyina isa Israa'eliif dhufu kan eeggatu ture; hafuurri qulqulluunis isa irra boqotee ture.
[26] Kanaan duras fayyisaa gooftichaa isa abdachiifame utuu hin argin akka hin duune hafuura qulqulluudhaan isatti mul'ifamee ture.
[27] Amma immoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee mana qulqullummaatti ol gale; Maariyaamii fi Yoseef akka seeraatti isaaf raawwachuudhaaf mucicha Yesusin mana qulqullummaatti ol galchan.
[28] Yommus Simi'oon mucicha fuudhee, kaasuutti baatee Waaqayyoon galateeffatee,
[29] ?Egaa, yaa gooftaa, akkuma dubbattee turte garbicha kee nagaadhaan jireenya kanattii hiiki!
[30] Fayyisuu kee ija kootiin argeera;
[31] sabni hundinuu akka arguuf kan qopheessite,
[32] innis ifa; warra saba Waaqayyoo hin ta'initti akka mul'atuuf, saba kee Israa'eliifis ulfina akka ta'uuf? jedhe.
[33] Abbaan mucichaa fi haati isaas waan Simi'oon waa'ee mucichaaf dubbate hundumaa in raajeffatan.
[34] Simi'oon yommus isaan eebbisee, Maariyaam haadha mucichaatiin immoo, ?Kunoo, mucaan kun dhaabatee jira. Saba Israa'el keessaa baay'een isatti gufatanii in kufu, baay'een immoo isaan in ka'u; akkasumas namoonni baay'een milikkita dhaabatee jiru kanaan mormanii, irratti in dubbatu.
[35] Yaadni inni dhokataan garaa namoota baay'ee keessaa bakkeetti ba'ee akka mul'atuuf; si immoo gaddi akka billaa qaramaa onnee kee si waraana? jedhe.
[36] Raajittiin Haannaa jedhamtu tokko, intala Faanu'el, gosa Aseer keessaa turte; isheen lafa guurteetti; durbummaa ishee booddee waggaa torba duwwaa abbaa manaa ishee wajjin jiraatte.
[37] Abbaan manaa ishee irraa duunaan, hamma yeroo barri ishee waggaa saddeettamii afur guute sanatti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte; yeroo yerootti soomaa, halkanii fi guyyaa kadhachaa, mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamin Waaqayyoof sagadaa in hojjetti turte.
[38] Yeroo kanatti dhi'aatee, Waaqayyoon galateeffachaa warra furii Yerusaalem eeggatan hundumaatti waa'ee mucichaa dubbatte.
[39] Yoseefii fi Maariyaam akka seera gooftaatti waan hojjetamu hundumaa erga raawwatanii, gara biyya Galiilaa gara mandara isaanii Naazireetitti deebi'an.
[40] Mucichi immoo guddachaa, jabaachaa, ogummaadhaanis guutaa adeeme; ayyaanni Waaqayyoos isa irra ture.
[41] Abbaanii fi haati mucichaa wagguma waggaan ayyaana Faasiikaa ayyaanessuudhaaf gara Yerusaalem in dhaqu turan.
[42] Mucichi waggaa kudha lama yeroo guutetti, akkuma amala isaanii ayyaanichaaf ol ba'an.
[43] Ayyaanichi erga darbee gara mana isaaniitti yommuu deebi'anitti, mucichi Yesus Yerusaalemitti hafe; abbaan isaa fi haati isaa garuu akka inni biraa hafe hin beekne.
[44] Miiltoo wajjin waan jiru se'anii adeemsa guyyaa tokkoo erga adeemanii, firoota isaanii bira warra ijaan beekan biras in iyyaafatan.
[45] Dhabnaanis isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebi'an.
[46] Guyyaa sadii booddee immoo mucicha mana qulqullummaa keessa, barsiisota gidduu taa'ee isaan utuu dhaggeeffatuu gaaffiis utuu isaan gaafatuu, argatan.
[47] Warri isa dhaggeeffatan hundinuu immoo hubannaa isaa fi deebii deddeebisuu isaatiif in dinqifatan.
[48] Abbaan isaa fi haati isaa achitti yommuu isa argan in rifatan; haati isaa yommus, ?Yaa ilma ko, maaliif akkana nu goote? Kunoo abbaan kee anis baay'ee yaaddofne si barbaadaa turre? jetteen.
[49] Mucichi immoo deebisee, ?Maali, attamitti na barbaaddan? Mana abbaa koo keessatti argamuun akka ana irra jiru hin beektan turtanii?? isaaniin jedhe.
[50] Isaan garuu maal jechuu isaa akka ture hin hubanne.
[51] Kana booddee mucichi abbaa isaa fi haadha isaa wajjin Naazireetitti deebi'ee, isaaniif abboomamaas jiraate; haati isaa garuu dubbii kana hundumaa garaatti in qabatti turte.
[52] Yesus immoo Waaqayyoof namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaaf ogummaatti in guddata ture.