[1] Kana booddee immoo gooftichi kan biraa namoota torbaatamii lama mul'inatti hojiidhaaf kenne, gara mandaraa fi iddoo inni ofii dhaquuf jiru hundumaatti, lama lamaan of dura isaan erge.
[2] Inni isaaniin, ?Midhaan sassaabamu danuu dha; hojjetoonni sassaaban garuu muraasa. Kanaafis hojjetoota midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa.
[3] ?Ammas beenaa, kunoo akka ilmoolee hoolaa yeeyyii keessaattan isin erga.
[4] Horii, qalqalloo, kophees hin baatinaa, karaa irrattis eenyuun illee nagaa gaafachuuf hin dhaabatinaa.
[5] Mana tokko yommuu lixan, duraan dursaatii ?Nagaan mana kanaaf haa ta'u!? jedhaa.
[6] Achi ilmi nagaa yoo jiraate, nagaan keessan isa irra in boqota; kanaa achis nagaan keessan isiniif deebi'a.
[7] Manichuma sana keessa turaa, waan isaan isiniif dhi'eessan nyaadhaa, dhugaas, hojjetaadhaaf gatii dadhabbii isaatii argachuun in ta'a; manaa mana hin labinaa!
[8] Mandara tokkotti galtanii yoo isin siman, waan isiniif dhi'aate nyaadhaa!
[9] Dhukkubsataa achi keessaa fayyisaa, saba achi jiraniinis, ?Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhi'aateera? jedhaa!
[10] Mandara tokkotti galtanii, yoo isin simuu didan garuu, gara karaatti achi ba'aa;
[11] ?Awwaara mandara keessan keessaa miilla keenyatti qabate illee of irraa in dhadhoofna; garuu mootummaan Waaqayyoo akka dhi'aate beekaa!? jedhaan.
[12] Guyyaa sanatti firdiin warra Sodoom kan mandara kanaa irra akka salphatu isinittan hima? jedhe.
[13] Yesus itti fufee, ?Siif wayyoo yaa Koraaziin, siif wayyoo yaa Betsayidaa, hojiin humna Waaqayyoo isin keessatti godhame, utuu Xiiroosii fi Sidoonaa keessatti godhameera ta'ee, sabni isaan keessa jiraatu silaa yowwana, uffata gaddaa uffatee, daaraa keessas taa'ee, geddarannaa yaada garaa isaa in mul'isa ture.
[14] Egaa, guyyaa sanatti isin irra kan caalu Xiiroosii fi Sidooniif firdiin in salphata.
[15] Ati immoo yaa Qifirnaahom, hamma waaqaatti ol ol kaafamuu barbaaddee? Badduu baasa iyyuu gara lafa jalaatti gad in darbatamta? jedhe.
[16] Bartoota isaatiin immoo, ?Namni isin dhaga'u, ana dhaga'a; namni isin dhaga'uu didu, ana dhaga'uu dida, namni ana dhaga'uu didus, isa na erge dhaga'uu dida? jedhe.
[17] Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi'anii dhufanii, ?Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan abboomne, hafuuronni hamoonni iyyuu nuuf abboomaman? jedhaniin.
[18] Yesus immoo deebisee, ?Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu'utti, utuu inni kufuun arge.
[19] Ani, kunoo, mar'ataa irra, torbaanqabaa irra, aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif, gooftummaa isiniif kenneera; homtinuus isin hin miidhu.
[20] Haa ta'u iyyuu malee, hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa malee? isaaniin jedhe.
[21] Yeroo sanatti Yesus hafuura qulqulluutti gammadee, ?Yaa abbaa, gooftaa waaqaatii fi lafaa, isa kana warra ogeessotaa fi hubatoota jalaa dhoksitee, wallaalotatti waan mul'ifteef sin jajadha; eyyee, yaa abbaa isa kanatti gammaddeetta? jedhe.
[22] Itti fufee namoota achi turanitti, ?Abbaan koo waan hundumaa dabarsee anatti kenneera. Abbaa isaa duwwaatu beeka malee, ilmi eenyu akka ta'e kan beeku hin jiru; ilma isaatii fi warra ilmi isaa itti mul'isuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaan eenyu akka ta'e kan beekus hin jiru? jedhee dubbate.
[23] Kana booddee immoo gara bartoota isaatti gara galee kophaatti, ?Iji waan isin amma argitan kana argu ayyaantuu dha.
[24] Raajonnii fi mootonni baay'een isa isin argitan kana arguu akka kajeelan akka hin argin hafanis, waan isin dhageessanis dhaga'uu akka kajeelan, akka hin dhaga'in hafanis, isinittan hima? ittiin jedhe.
[25] Kunoo, barsiisaan seeraa tokko ka'ee, Yesusin qoruudhaaf, ?Yaa barsiisaa, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?? jedhee gaafate.
[26] Yesus immoo deebisee, ?Seera keessatti maaltu caafamee jira? Namootaaf attamitti dubbifta?? jedhee isuma gaafate.
[27] Kana irratti namichi, ?Garaa kee guutuudhaan jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a? jedhee deebise.
[28] Yesus immoo, ?Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraatta kana raawwadhu!? jedheen.
[29] Barsiisichi seeraa garuu, nama qajeelaa of gochuu barbaadee, ?Nama isa kami?? jedhee Yesusin gaafate.
[30] Yesus immoo deebiseefii, ?Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad bu'uu, warra saamtuu afaan bu'e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du'aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman.
[31] Lubni tokko karaa sana utuu darbuu, namicha yommuu lafatti arge irraa goree darbe.
[32] Akkasumas namni gosa Lewwii tokko, iddoo sana dhufee yommuu isa arge, irraa goree darbe.
[33] Namni Samaariyaa tokko garuu, utuu karaa adeemuu achi ga'ee, yommuu isa arge in oo'eef.
[34] Itti dhi'aatees, madaa isaa dibataan mucuceessee, daadhii wayniis itti naqee erga hidheefii, horii ofii isaatii yaabee adeemaa ture irra teessisee, mana buufata keessummaatti isa geesse; achittis isa gargaare.
[35] Borumtaas meetii lama fuudhee, isa buufata keessummaa sana eegutti kennee, ?Hadaraa ittiin wal'aani; kana irra caalaa yoo baaftes, yommuun deebi'u siifan kenna? ittiin jedhe? jedhe.
[36] Yesus itti fufee, ?Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha warra saamtuu afaan bu'e kana akka ofii isaatiitti ilaale sitti fakkaata?? jedhee gaafate.
[37] Barsiisaan seeraa sun immoo deebisee ?Isa oo'eef? jedhe; Yesus immoo, ?Atis dhaqii, akkasuma godhi!? ittiin jedhe.
[38] Yesus bartoota isaa wajjin adeemsa isaa itti fufee, gara ganda tokkoo yommuu dhufe, dubartiin Maartaa jedhamtu mana isheetti isa simte.
[39] Isheen obboleettii, Maariyaam jedhamtu, tokko qabdi; Maariyaam kun miilla gooftichaa jala teessee, dubbii isaa dhaggeeffachaa turte.
[40] Maartaan hojii mana keessaatti qabamtee waan kurkurtuuf, gara isaatti baatee, ?Yaa gooftaa obboleettiin koo kophaa akkan hojjedhuuf isa na dhiifteef anaaf hin yaadduu ree? Egaa akka na gargaartuuf itti naa himi kaa!? jette.
[41] Gooftaan garuu deebiseefii, ?Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati in yaaddofta, waan baay'eettis hammacamta.
[42] Kan barbaachisu waan tokkicha, Maariyaam qooda gaarii isa ishee duraa hin fudhatamne sana fo'atte? jedhe.