Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:23

[1] Gosa Benyaamiin keessaa loltuun jabaan “Qiish” jedhamu tokko ture; inni ilma Abii'el, Xiroor, Bikoraat, Afiiyaa ture.

[2] Qiish ilma bareedaa “Saa'ol” jedhamu tokko qaba ture; namoota Israa'el keessa namni isa caalaa bareedu hin turre; inni gatiittii isaatii olitti nama hundumaa caalaa dheeratee in mul'ata ture.

[3] Harroonni Qiish abbaa Saa'ol duraa badanii waan turaniif, Qiish gaaf tokko Saa'ol ilma isaatiin,“Mee ka'ii, dargaggoota keessaa tokko fudhadhuutii dhaqii harroota kana barbaadi!” jedhe.

[4] Kana irratti walii wajjin ka'anii, biyya gaaraa isa kan Efreem gubbaa, kutaa biyya Shaaliishaa, biyya Sha'aliimii fi biyya Benyaamiin hundumaa keessa naanna'anii barbaadanii in dhaban.

[5] Kutaa biyya Zuuf yommuu ga'an Saa'ol dargaggeessicha isaa wajjin ture sanaan,“Abbaan koo yowwana waa'ee harrootaa dhiisee waa'ee keenyaaf waan yaadda'uuf, kottu gara qe'eetti in deebinaa!” jedhe.

[6] Dargaggeessichi garuu deebiseefii,“Kunoo, namni Waaqayyoo tokko mandara kana keessa jira; inni nama ulfina-qabeessa, wanti inni dubbatu hundinuus dhuguma in ta'a; kanaaf kottu gara isaa dhaqnee gara itti adeemuun nuuf ta'uu isa in gaafannaa!” jedhe.

[7] Saa'olis dargaggeessichaan,“Dhaquu illee in dhaqna, garuu buddeenni qodaa keenya keessaa dhumeera, harka-fuudhaa nama Waaqayyoo sanaaf kenninus hin qabnu; egaa maal qabnaa iyyuu namichaaf kennina ree?” jedhe.

[8] Dargaggeessichi ammas Saa'oliif deebisee,“Kunoo, ani meetii akka graamii sadii miijanu of harkaa qaba; isa nama Waaqayyoo sanaaf nan kenna, inni gara itti adeemuun nuuf ta'u nutti in hima” jedhe.

[9] Bara durii biyya Israa'el keessatti namni tokko Waaqayyoon waa gaafachuudhaaf yommuu dhaquuf jedhu,“Kottaa gara ilaaltuu in dhaqnaa!” in jedha; inni har'a “Raajii” jedhamu dur“Ilaaltuu” jedhama ture.

[10] Saa'ol yeroo sanatti dargaggeessichaan,“Ba'eessa dubbatte, kottuu in dhaqnaa!” jedhe; ka'aniis gara mandaricha isa namni Waaqayyoo keessa ture sanaa in dhaqan.

[11] Saa'olii fi dargaggeessichi gara mandarichaa dhaquuf gaarichatti ol ba'aa utuu jiranii, durboonni bishaan waraabuu dhaqan tokko isaanitti in dhufan; jarri,“Ilaaltichi as jiraa?” jedhanii durboota sana in gaafatan.

[12] Durboonni sun immoo deebisaniifii,“Eyyee! Namoonni har'a iddoo ol ka'aa irratti aarsaa waan dhi'eessaniif, ilaaltichis as gara mandarichaa dhufeera; ilaa! Amma iyyuu isin fuul dura jiraatii ariifadhaa ol ba'aa!

[13] Erga inni eebbisee booddee warri waamaman qalmicha nyaatu waan ta'eef, utuu inni dhaqee hin eebbisin namoonni nyaachuu hin jalqaban; kanaaf amma yoo ol baatan mandarichatti akkuma lixxaniin nyaachuudhaaf gara iddoo ol ka'aatti utuu inni ol hin ba'in, isa in argattu” jedhan.

[14] Saa'olii fi dargaggeessichi darbanii adeemanii mandarichatti lixaa utuu jiranii, kunoo, Saamu'el gara iddoo ol ka'aa sana dhaquudhaaf gad ba'ee isaanitti in dhufe.

[15] Waaqayyo kaleessumtii Saamu'elitti waa'ee kanaa mul'isee,

[16] “Boo'ichi sabaa kootii waan na bira ga'eef, ani gara isaanii ilaaleera; kanaaf bor yeroo akkasii nama tokko biyya Benyaamiinii gara keetti nan erga; ati isa dibi! Inni immoo saba koo Israa'elin in geggeessa, harka Filisxeemotaas isaan in oolcha” jedhe.

[17] Saamu'el yeroo Saa'olin argetti, Waaqayyo,“Ilaa, namichi ani waa'ee isaa sitti dubbadhe sun isa kana; inni saba koo irratti in mo'a” jedhee, Saamu'elitti in hime.

[18] Saa'ol yommus karra kellaa keessatti gara Saamu'elitti dhi'aatee,“Hadaraa, manni ilaaltuu eessa akka ta'e anatti himi!” jedhee in gaafate.

[19] Saamu'el immoo deebisee,“Ilaaltichi ana; gara iddoo ol ka'aa sanaatti na dura bu'aa ol ba'aa! Har'a anaa wajjin nyaata in nyaattu! Wanta ati yaada kee keessaa qabdu hundumaa immoo sitti himee bor ganamaan akka ati adeemtu nan godha.

[20] Harroonni guyyaa sadii fuula dura badanii turan argamaniiruutii hin yaada'in! Israa'eloonni sii fi sanyii abbaa keetii malee eenyuun barbaadu ree?” jedheen.

[21] Saa'ol immoo deebisee,“Ani gosoota Israa'el keessaa gosa Benyaamiin isa xinnaa keessaa mitii ree” Gosa Benyaamiin keessaa iyyuu immoo qomoon abbaa kootii hundumaa irra xinnaa dha mitii ree” Maaliif wanta akkasii anatti dubbatta?” jedhe.

[22] Saamu'el yommus Saa'olii fi dargaggeessicha fuudhee gara kutaa mana isa bal'aatti geessee, keessummoota warra akka namoota soddomaa ta'an gara irraa isaan in teessise.

[23] Isa ittoo qopheessuun immoo,“Foon isa ani,“Kophaatti kaa'i!” jedhee sitti kenne sana fidi!” jedhe.

[24] Namichi luka fayyaa fidee Saa'ol dura in kaa'e; Saamu'el yommus Saa'oliin,“Qoodni siif kaa'ame, kunoo, siif dhi'aateera; yeroo muramaa kanaaf waan siif kaa'ameef,“Namoota kana anatu waame” jechaa nyaadhu!” jedhe; akkasitti Saa'ol gaafas Saamu'elii wajjin in nyaate.

[25] Kana booddee iddoo ol ka'aa sanaa gara mandaraa yeroo dhufanitti, Saamu'el kutaa manaa isa bantii manaa irra jiru keessatti Saa'olii wajjin in dubbate.

[26] Saamu'el ganama bariidhaan ka'ee Saa'olin gara kutaa manaa isa bantii manaa irra jirutti ol waamee,“Sin geggeessaatii ka'ii qophaa'i!” jedheen; Saa'olis qophaa'ee ka'ee Saamu'elii wajjin gad in ba'e.

[27] Isaan walii wajjin adeemanii gara dhuma mandarichaatti in dhi'aatan; Saamu'el yommus Saa'oliin,“Dargaggeessi kun darbee akka adeemu godhi! Ati garuu wanta Waaqayyo jedhen sitti himaatii iddoodhuma jirtu dhaabadhu!” jedhe.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters