Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:35

[1] Saamu'el yommuu dulloome ilmaan isaa abboota firdii ta'anii Israa'elin akka geggeessan in godhe.

[2] Maqaan ilma isaa isa angafaa “Yo'el?, kan isa quxisuu immoo “Abiiyaa” jedhama ture; isaan mandara Bersheebaatti abboota firdii turan.

[3] Isaan garuu akka abbaa isaanii hojii isa qajeelaa duukaa hin buune; bu'aa dalgaa argachuuf gabbarsuu fudhatanii, firdii in jal'isan.

[4] Kana irratti jaarsoliin saba Israa'el hundinuu walitti qabamanii Raamaatti Saamu'el bira in dhufan.

[5] Jaarsoliin sun Saamu'eliin,“Kunoo, ati dulloomteetta; ilmaan kees hojii kee isa qajeelaa duukaa hin buune; sabni kan biraa hundinuu akkuma qaban amma nuufis firdii kan kennu mootii nuuf moosisi!” jedhan.

[6] Saamu'el garuu,“Amma nuufis firdii kan kennu mootii nuuf moosisi!” jechuu isaanii kanatti hin gammanne; kanaafis Waaqayyoon in kadhate.

[7] Waaqayyo yommus Saamu'eliin,“Jarri kun ana isa isaan irratti mo'e tuffachuu isaanii ti malee, si tuffachuu isaanii miti; ammas waan isaan sitti himatan hundumaa dhaga'iif!

[8] Waanuma biyya Gibxiitii gaafan isaan baase jalqabanii hamma har'aatti ana dhiisanii waaqayyolii ormaa waaqeffachuu isaaniitiin hojjetan si irrattis in hojjetu.

[9] Ati garuu waan isaan sitti himatan dhaga'iif! Haa ta'u iyyuu malee, mootiin isaan irratti mo'u maal gochuuf akka jiru cimsii of isaan eeggachiisi!” jedheen.

[10] Yommus Saamu'el dubbii Waaqayyo isatti dubbate hundumaa namoota mootii akka isaaniif moosisuuf isa gaafatanitti in hime.

[11] Itti fufees,“Mootichi isin irratti mo'uuf jiru, ilmaan keessan fudhatee, loltoota konkolaataadhaa fi fardaan lolaniif konkolaataa isaa dura kan kaatan isaan in godhata.

[12] Isaan keessaa gara kaan immoo angafa kumaa, angafa shantamaa, maasii isaa kan qotanii fi midhaan kan makaraniif, mi'a lolaa fi mi'a konkolaataa kan tolchaniif isaan in godhata.

[13] Durboota keessan fudhatee, urgooftuu dibataa, ittoodhaa fi buddeena in tolchisiifata.

[14] Maasii keessan, dhaabaa waynii keessan dhaabaa ejersaa keessan isa caalu fudhatee hojjetoota isaatiif in kenna.

[15] Sanyii midhaan keessanii keessaa, waynii keessan keessaas kudhan keessaa tokko fudhatee, hojjetoota isaa warra gurguddootaa fi warra isaaf ergamaniifis in kenna.

[16] Dargaggoota keessan keessaa warra caalan, hojjetoota keessan warra dhiiraa fi warra dubartii, harroota keessanis fudhatee, hojii ofii isaatii in hojjechiifata.

[17] Bushaayee keessan keessaa kudhan keessaa tokko in fudhata; isinuma iyyuu hojjetoota isaa isin in godhata.

[18] Yeroo sanatti sababii mootii keessan isa ofii keessanii fo'attaniitiif in iyyattu; gaafas garuu Waaqayyo homaa isiniif hin deebisu” jedhe.

[19] Jarri garuu dubbii Saamu'el dhaga'uu didanii,“Hin ta'u! Mootiin akka nuuf moosifamu in barbaanna!

[20] Nuyis akkuma sabni hundinuu ta'an in taana; mootiin keenya firdii nuuf haa kennu, nu dura bu'ee nu haa geggeessu, duulas nuuf haa dhaqu!” jedhan.

[21] Saamu'el dubbii jarri dubbatan hundumaa erga dhaga'ee booddee, deebi'ee fuula Waaqayyoo duratti in dubbate.

[22] Waaqayyo yommus Saamu'eliin,“Wanta jarri sitti himatan dhaga'iif! Mootiis isaaniif moosisi!” jedhe; kana irratti Saamu'el namoota Israa'eliin,“Hundumti keessan gara mandara mandara keessaniitti deebi'aa!” jedhe.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters