[1] Saamu'el yeroo sanatti Saa'oliin,“Ati saba isaa Israa'el irratti mootii akka taatuuf, Waaqayyo si dibuudhaaf ana erge; amma immoo ati dubbii Waaqayyo sitti dubbatu dhaggeeffadhu!
[2] “Sabni Israa'el biyya Gibxii yommuu ba'anitti Amaaleqoonni isaaniin mormuudhaaf karaatti wanta isaan hojjetaniif isaan nan adaba” jedha Waaqayyo gooftaan maccaa.
[3] Egaa ati dhaqiitii, Amaaleqoota dhiiraa jalqabdee hamma dubartiitti, ijoolleedhaa hamma mucoolii harma hodhaniitti, akkanumas qotiyyoowwanii hamma hoolotaatti, gaalotaa hamma harrootaatti ajjeesii fixi! Isaaniifis hin oo'in!” jedhe.
[4] Yommus Saa'ol Xilaa'iimitti namoota walitti waamsisee, isaan keessaa lafoo kumaatama dhibba lama, warra Yihudaa keessaa immoo namoota kuma kudhan in lakkaa'ate.
[5] Saa'ol achumaan gara mandara Amaaleq dhaqee, dachaa keessa riphee in eeggatte.
[6] Warra Qenootaatiin garuu,“Isin yommuu sabni Israa'el biyya Gibxii ba'anitti wanta gaarii gootaniifii waan turtaniif, ani Amaaleqoota yeroon balleessu isaanii wajjin akkan isin hin balleessinetti isaan gidduudhaa ba'aatii adeemaa!” jedhe; kanaaf warri Qenootaa Amaaleqootattii gargar in ba'an.
[7] Saa'ol Hawiilaadhaa jalqabee hamma Shuur isa fuullee Gibxitti argamutti Amaaleqoota in rukute.
[8] Agaagin mootii Amaaleqootaas fayyaatti booji'ee, namoota hundumaas billaadhaan in fixe.
[9] Saa'olii fi namoonni isaa Agaagin mooticha in mararsiifatan; karra bushaayee, karra sa'aa, horii dilbii coccoomoo fi ilmoolee keessaa warra gaggaarii hundumaa ajjeesanii fixuu hin barbaanne; warra waa'ee hin baafnee fi warra tuffataman hundumaa garuu raawwatanii in balleessan.
[10] Kana booddee dubbiin Waaqayyoo gara Saamu'el dhufee,
[11] “Saa'ol na duukaa bu'uu dhiisee deebi'eera; inni akka dubbii kootiitti waan hin raawwatiniif, isa moosisuu kootiif nan gadda” jedhe; Saamu'elis dubbii dhaga'e kanaaf gaddee, halkan sana guutuu gara Waaqayyootti in iyye.
[12] Borumtaas Saamu'el ganama bariidhaan ka'ee, Saa'olin arguu barbaadee gara isaa in dhaqe; achittis,“Saa'ol, gara mandara Qarmelos dhufee, ulfina isaatiif waan ittiin yaadatamu dhaabbatee, of irra deebi'ee gara Giilgal dhaqe” jechuu in dhaga'e.
[13] Kanaafis Saamu'el achitti gara Saa'ol in dhaqe; Saa'olis,“Waaqayyo si haa eebbisu!” jedhe; itti fufees,“Ani wanta Waaqayyo na abboome raawwadheera” jedheen.
[14] Saamu'el garuu,“Sagaleen bushaayeetii fi saawwanii ani dhaga'uu kun immoo maali ree?” jedheen.
[15] Saa'ol immoo,“Namootatu bushaayee fi saawwan gaggaarii isaan mararan Waaqayyo gooftaa keetiif aarsaa dhi'eessuudhaaf biyya Amaaleqootaatii fidan; warra kaan garuu raawwannee balleessineerra” jedhe.
[16] Saamu'el kana irratti Saa'oliin,“Mee afachu! Waan Waaqayyo eda anatti dubbaten sitti himaa!” jennaan, innis,“Anatti himi!” jedheen.
[17] Saamu'el yommus Saa'oliin,“Geggeessituu gosoota Israa'el utuu hin ta'in dura, ati ofii keetii xinnaatti of ilaalaa turte mitii ree” Waaqayyo garuu si dibee Israa'el irratti si moosise.
[18] Inni,“Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana raawwadhuu balleessi! Hamma isaan dhumanittis isaan waraani!” jedhee si erge.
[19] Egaa maaliif dubbii Waaqayyoo dhaga'uu diddee, boojuu irratti lafa dhooftee, Waaqayyo duratti wanta hamaa hojjette ree?” jedhe.
[20] Saa'ol immoo Saamu'eliin,“Ani dubbii Waaqayyoo dhaga'ee gara inni itti na erges dhaqeera; Amaaleqoota raawwadhee balleessee, Agaagin mootii isaanii immoo booji'ee fideera;
[21] jarri garuu Waaqayyo gooftaa keetiif Giilgalitti aarsaa dhi'eessuudhaaf, boojuu bushaayee fi saawwan addaan baafamanii keessaa warra caalan fudhatanii dhufan” jedhe.
[22] Saamu'el immoo,“Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhaga'ee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree” Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala; dhaggeeffachuunis moora korbeessa hoolaa dhi'eessuu irra in wayya;
[23] abboomamuu diduun cubbuu hooda sobaa ti; xiiqeffachuunis jal'ina akka Waaqayyo tolfamaa waaqeffachuu ti; sababii ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, innis akka ati mootii hin taaneef si tuffateera” jedheen.
[24] Saa'ol yommus Saamu'eliin,“Jara sodaadhee wanta isaan jedhan waanan dhaga'eef, abboommii Waaqayyootiif gorsa ati anaaf kennite irra daddarbuu kootiif cubbuu hojjedheera;
[25] hadaraa cubbuu koo anaaf dhiisi! Ammas ani dhaqee Waaqayyoof akkan sagadutti ana duukaa deebi'i” jedhe.
[26] Saamu'el immoo deebiseefii,“Ati dubbii Waaqayyoo sababii tuffatteef, Waaqayyos Israa'el irratti mootii akka ati hin taaneef si tuffateera; kanaaf ani sii wajjin hin deebi'u!” jedhe.
[27] Saamu'el adeemuuf gara gallaan Saa'ol fiixee uffata isaatii in qabe; achumaanis uffatichi in tarsa'e.
[28] Saamu'elis,“Har'a Waaqayyo mootummaa Israa'el si irraa tarsaasee, nama si irra wayyutti in kenne.
[29] Waaqayyo inni Israa'eliif ulfina ta'e, akka namaa miti! Inni hin sobu, hin gaabbu, wanti akka namaatti isa gaabbisiisus hin jiru” jedheen.
[30] Saa'olis,“Ani cubbuu hojjedheera; garuu hadaraa maanguddoota saba koo fi Israa'eloota duratti ana hin salphisiniitii Waaqayyo gooftaa keetiif akkan sagadutti anaa wajjin deebi'i!” jedhe.
[31] Kana irratti Saamu'el isa duukaa deebinaan, Saa'ol dhaqee Waaqayyoof in sagade.
[32] Kana booddee Saamu'el,“Agaagin mootii Amaaleqootaa as anaaf fidaa!” jedhe; Agaagis fuula ifaadhaan gara isaa dhufee,“Dhuguma sodaachisi du'aa inni hadhaa'aan ana irra darbeera” jedhe.
[33] Saamu'el yommus Agaagiin, “Akkuma ati billaa keetiin ijoollota fixxee, dubartoota harka duwwaa hambifte, haati kees dubartoota hundumaa keessaa harka duwwaa in hafti!” jedhee, Giilgalitti Waaqayyo duratti isa in kukkuchiise.
[34] Ergasii Saamu'el gara Raamaa in dhaqe; Saa'ol immoo gara Giibe'aa gara mana isaatiitti in deebi'e.
[35] Saamu'el sababii kanaaf Saa'oliif in boo'e, deebi'es utuu isa hin argin in du'e; akkasumas Waaqayyo Saa'olin Israa'el irratti moosisuu isaatiif in gadde.