[1] Baras dubbiin Saamu'el dubbatu Israa'eloota hundumaa biratti in fudhatame; Israa'eloonni Filisxeemota loluudhaaf ba'anii,“Ebeen-Ezer” iddoo jedhamu buufannaan, warri Filisxeemotaa immoo “Afeq” iddoo jedhamu in buufatan.
[2] Filisxeemonni Israa'eloota rukutuudhaaf tarree galanii, lola itti kaasanii, Israa'eloota keessaa akka namoota kuma afurii duraa in ajjeesan.
[3] Yommuu loltoonni Israa'el gara iddoo buufata isaaniitti deebi'anitti jaarsoliin isaanii,“Sababii maaliitiif Waaqayyo har'a Filisxeemota duratti akka nuyi rukutamnu godhe” Kottaa, nu gidduutti argamee harka diinota keenyaa akka nu oolchuuf sanduuqa kakuu Waaqayyoo Shiiloodhaa as in fidnaa!” jedhan.
[4] Jarris Shiilootti namoota erganii sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa maccaa isa teessoon isaa Kiruubel lamaan gidduu ture, achii in fichisiisan; ilmaan Elii lamaan Hofnii fi Fiinehaas sanduuqa kakuu Waaqayyoo sana duukaa in dhufan.
[5] Sanduuqi kakuu Waaqayyoo sun iddoo buufata isaaniitti yeroo galetti, namoonni Israa'el hundinuu gammadanii hamma lafti isaan jalaa tocho'utti guddisanii in wacan.
[6] Warri Filisxeemis sagalee waca kanaa dhaga'anii,“Sagaleen waca guddaa iddoo buufata warra Ibrootaatii dhaga'amu kun maali?” jedhanii in gaafatan; sanduuqi kakuu Waaqayyoo iddoo buufatichaatti galuu isaa yommuu baran garuu,
[7] Filisxeemonni sodaatanii,“Waaqayyo iddoo buufatichaatti galeera, kunis takkaa ta'ee waan hin beekneef nuuf wayyoo!
[8] Nuuf wayyoo! Egaa harka waaqayyolii gurguddaa kanaa eenyutu nu oolcha” Isaan warra Gibxii iyyuu lafa onaa keessatti dha'icha adda addaatiin rukutaniiru.
[9] Kanaaf yaa Filisxeemotaa, booree fudhadhaa! Warra Ibrootaa garboomfattanii akka turtan, isin immoo deebitanii garba akka isaaniif hin taanetti booree fudhadhaa, jabaadhaatii lolaa!” waliin jedhan.
[10] Akkasitti warri Filisxeem in lolan; Israa'eloonni immoo mo'amanii adduma addaan gara godoo isaaniitti in baqatan; kana keessatti ajjeechaan guddaan waan tureef, loltoota Israa'el keessaa lafoo kuma soddomatu dhume.
[11] Sanduuqi kakuu Waaqayyoo in booji'ame; ilmaan Elii lamaanis Hofnii fi Fiinehaas in ajjeefaman.
[12] Gaafasuma namni gosa Benyaamiin tokko gadda irraa kan ka'e uffata isaa tarsaasee, mataa isaatti biyyoo firfirfatee, tarree waraanaa keessaa ba'ee fiigichaan gara Shiiloo in dhufe.
[13] Eliin waa'ee sanduuqa kakuu Waaqayyootiif garaan isaa raafamee waa dhaga'uudhaaf karaa bukkee barcuma isaa irra taa'ee, qaratti eegaa utuu jiruu, namichi mandara Shiiloo keessa lixee wanta ta'e himnaan, warri mandarichaa guutummaatti in iyyan.
[14] Eliinis sagalee iyyaa dhaga'ee,“Sagaleen mandi'u kun maali?” jedhee in gaafate; namichis ariitiidhaan dhaqee waan ta'e Eliitti in hime.
[15] Eliin yeroo sana nama waggaa sagaltamii saddeetii waan ta'eef, iji isaa dadhabee arguu dhabee ture.
[16] Namichis Eliidhaan,“Ani har'an tarree waraanaa keessaa ba'ee, baqadhee dhufe” jedhe; Eliin immoo,“Attam ture ree” Yaa ilma ko!” jedhe.
[17] Namichi oduu fides deebisee,“Israa'eloonni Filisxeemota duraa in baqatan; kana keessatti ajjeechaan guddaan waan tureef, ilmaan kee lamaan Hofnii fi Fiinehaas in ajjeefaman, sanduuqi kakuu Waaqayyoos in booji'ame” jedhe.
[18] Yommuu namichi waa'ee sanduuqa kakuu Waaqayyoo dubbatetti, Eliin barcuma isaa irraa bukkee karra mandarichaatti dugdaan in kufe; inni jaarsa dulloomaa fi kan dhagni itti ulfaatu waan tureef, boquun isaa cabee achumaan in du'e. Eliin abbaa firdii ta'ee Israa'elin waggaa afurtama in geggeesse.
[19] Yeroo sanatti haati manaa Fiinehaas ilma Elii ulfooftee da'uu geessee turte; isheen waa'ee booji'amuu sanduuqa kakuu Waaqayyoo, waa'ee du'a abbiyyuu isheetii fi abbaa manaa isheetii yeroo dhageessetti, ciniinsuun ishee qabee, jilbeenfattee in deesse.
[20] Garuu yeroo isheen du'uuf jettetti dubartoonni ishee gargaaraa turan,“Ilma deesseettaatii jabaadhu!” jedhaniin; wanti isaan jedhan garuu yaada ishee hin kaafne, isheenis deebii hin kennineef.
[21] Sababii sanduuqi kakuu Waaqayyoo booji'ameef, abbiyyuun ishee fi abbaan manaa ishee du'aniif“Ulfinni Israa'el irraa sokkeera!” jettee, maqaa mucichaa Ikaabooditti in moggaafte.
[22] Itti fuftees,“Sanduuqi kakuu Waaqayyoo waan booji'ameef ulfinni Israa'el irraa sokkeera!” jette.