Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:15

[1] Saa'ol Filisxeemota duukaa bu'ee ari'uu irraa erga deebi'ee booddee, namoonni,“Kunoo, Daawit En-Gedii lafa onaa keessa jira” jedhanii itti in himan.

[2] Yommus Saa'ol guutummaa Israa'el keessaa loltoota fo'amoo kuma sadii fudhatee, Daawitii fi namoota isaa barbaacha gara “Holqa dhagaa qelejjee” isa jedhamu in dhaqe.

[3] Achiis gara dallaa hoolotaa isa karaa bukkee jiru in dhufe; iddoo sana holqa tokkotu ture; Saa'ol bakkee itti ba'uudhaaf gara holqichaatti ol in lixe; Daawitii fi namoonni isaa garuu holqicha keessa achi fagaatanii dhokatanii turan.

[4] Namoonni isaa immoo Daawitiin,“Guyyichi inni Waaqayyo,“Akka jaallatte akka gootuuf diina kee harka keetti dabarsee nan kenna” jedhee dubbatee ture, kunoo, in ga'e” jedhan; yommus Daawit ka'ee suuta jedhee andaara uffata Saa'ol in kute.

[5] Haa ta'u iyyuu malee, andaara uffata Saa'ol kutuun isaa yaada garaa isaa waan tuqeef,

[6] namoota isaatiin,“Waaqayyo waan akkasii gooftaa koo isa Waaqayyo dibe irratti hojjechuu anattii haa fageessu! Isa Waaqayyotu dibe waan ta'eef, harka koo isa irratti ol hin fudhadhu” jedhe.

[7] Daawit dubbii isaa kanaan namoota isaa in ittise; Saa'ol irratti akka ka'aniifis tole isaaniif hin jenne; Saa'ol yommus ka'ee holqicha keessaa ba'ee karaa isaa irra bu'ee in adeeme.

[8] Ergasii Daawit ka'ee isa booddeedhaan holqicha keessaa ba'ee Saa'olin waamee,“Yaa mootii, yaa gooftaa ko!” jedhe; yommuu Saa'ol of booddee ilaalutti immoo, Daawit hamma lafa ga'utti gugguufee isaaf in qoomma'e.

[9] Kana booddee Saa'oliin,“Isa namoonni,“Kunoo, Daawit waan hamaa si irratti hojjechuu barbaada” jedhan maaliif dhageessa”

[10] Har'a Waaqayyo attamitti holqa keessatti harka kootti dabarsee akka si kenne kunoo, iji kee iyyuu argeera; namoonni illee,“Isa ajjeesi!” naan jedhaniiru, ani garuu siif oo'een,“Isa Waaqayyotu dibee moosise waan ta'eef, ani gooftaa koo irratti harka koo ol hin fudhadhu” nan jedhe.

[11] Ilaa, yaa abbaa ko, fiixee uffata keetii harka koo keessatti mee ilaali! Fiixee uffata keetii kuteen ture, si garu hin ajjeefne; ani hamaa si irratti hojjechuu yookiis sitti darbuu akkan hin barbaadin amma hubachuu, beekuus in dandeessa; ati illee lubbuu koo balleessuu barbaadde, ani garuu cubbuu si irratti hin hojjenne.

[12] Waaqayyo anaa fi si gidduutti haa faradu! Waaqayyo ijaa si irratti anaaf haa baasu malee, harki koo hamaa si irratti hin hojjetin!

[13] Jecha warra durii keessatti,“Jal'inni warra jal'oota keessaa ba'a” in jedhama; harki koo garuu hamaa si irratti hin hojjetin!

[14] Yaa mootii Israa'el! Ati eenyu irratti ka'uuf baate” Eenyuun ari'atta” Saree du'aa dha moo yookiis tafkii ari'atta”

[15] Waaqayyo abbaa firdii ta'ee anaaf si gidduutti haa faradu! Dhimma koo anaaf haa ilaalu! Harka kee ana oolchuudhaanis dhugaa koo anaaf haa baasu!” jedhe.

[16] Daawit kana dubbatee erga raawwatee, Saa'ol immoo,“Daawit ilma ko, kun sagalee kee tii?” jedhee gaafatee, sagalee isaa ol fudhatee in boo'e.

[17] Itti fufees,“Ani hamaa si irratti hojjennaan, ati immoo wanta gaarii waan anaaf gooteef, ati ana caalaa qajeelaa dha.

[18] Waaqayyo harka keetti na kenne, ati garuu ana hin ajjeefne; kana gochuu keetiin wanta gaarii akka anaaf goote har'a anatti mul'ifteetta.

[19] Namni diina isaa argatee nagaadhaan gad dhiisaa ree” Wanta ati har'a anaaf goote kanaaf Waaqayyo gaarii siif haa deebisu!

[20] Amma kunoo, ati dhuguma mo'uuf akka jirtu, mootummaan Israa'elis si harkatti jabaatee dhaabachuuf akka jiru nan beeka.

[21] Sanyii koo akka hin balleessine yookiis maqaa koo maatii abbaa kootii keessaa akka hin dhidhimsine, amma maqaa Waaqayyootiin anaaf kakadhu!” jedheen.

[22] Daawit kana irratti Saa'oliif erga kakatee, Saa'ol gara mana isaatti in gale; Daawitii fi namoonni isaa garuu gara iddoo masaraatti ol in ba'an.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters