[1] Bara sana Filisxeemonni Israa'elin loluudhaaf loltoota isaanii walitti in qabatan; Akiish yommus Daawitiin,“Atii fi namoonni kee anaa wajjin lola akka dhaqxan hubadhu!” jedhe.
[2] Daawit immoo,“Yommus wanta ani garbichi kee gochuu danda'u ati iyyuu arguuf jirta” jedheen; Akiish immoo deebisee,“Baay'ee ba'eessa! Yoos ani immoo eegduu yeroo hundumaa na eegu sin godhadha” jedhe.
[3] Baras Saamu'el duunaan Israa'eloonni hundinuu boo'aniifii mandara isaa Raamaa keessatti isa awwaalanii turan; yeroo sanatti Saa'ol Eker-dubbiftuu fi qaallota biyyicha keessaa baasee ture.
[4] Filisxeemonni walitti qabamanii dhufanii mandara Shuneem keessa yeroo buufatan, Saa'ol immoo Israa'eloota hundumaa walitti qabatee tulluu Giilbo'aa irra in buufate.
[5] Saa'ol loltoota Filisxeemotaa yommuu arge, baay'ee sodaatee garaan isaa in raafame.
[6] Kanaaf maal gochuun akka isaaf wayyu Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo garuu abjuudhaan yookiis uriimiin yookiis raajiidhaan deebii hin kennineef.
[7] Kanaaf Saa'ol hojjetoota isaatiin,“Dhaqeen ishee irraa qoradhaatii dubartii ekeraa dubbiftu anaaf barbaadaa!” jedhe; hojjetoonni isaa immoo deebisanii,“Kunoo, dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Endoor keessa jirti” jedhan.
[8] Saa'ol uffata kan biraa uffatee, wallaalchifatee namoota lama of duukaa fudhatee halkaniin gara mana dubartii sanaa dhaqee,“Ekeraa dubbisiitii nama ani sitti himadhu anaaf kaasi!” jedheen.
[9] Dubartittiinis,“Kunoo, wanta Saa'ol hojjete, warra ekeraa dubbisanii fi qaallota biyyicha keessaa akka balleesse ati iyyuu in beekta; maaliif ana ajjeesisuuf kiyyoo ana dura keessa ree?” jette.
[10] Saa'ol immoo,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Sababii isa kanaatiif miidhamni tokko iyyuu si irra hin ga'u” jedhee, maqaa Waaqayyootiin in kakateef.
[11] Dubartittiin yommus,“Eenyuun siif kaasu?” jetteen; inni immoo,“Saamu'elin anaaf kaasi!” jedheen.
[12] Dubartittiin Saamu'eliin yommuu argite sagalee guddaadhaan iyyitee Saa'oliin,“Ati Saa'ol mitii maaliif ana gowwoomsite?” jette.
[13] Mootichi immoo dubartittiidhaan,“Hin sodaatin! Amma maal argita?” jedhe; dubartittiinis Saa'oliin,“Wanti bifa Waaqayyummaa qabu tokko lafaa utuu ol ba'uu nan arge” jette.
[14] Inni immoo,“Maal fakkaata?” jedhee ishee in gaafate; isheen immoo deebiftee,“Nama dulloomaa, qoloo uffatu tokkotu ol ba'aa jira” jetteen; yommus inni Saamu'el akka ta'e baree, hamma lafa ga'utti gad gugguufee in qoomma'eef.
[15] Saamu'el yeroo sanatti Saa'oliin,“Ati maaliif kaaftee ana rakkifta?” jedhe; Saa'ol immoo,“Filisxeemonni ana lolaa jiru, Waaqayyo immoo ana irraa gara galeera, raajiidhaan yookiis abjuudhaan anaaf deebisuu waan dideef, ani dhiphina guddaa keessan jira; kanaafan waan gochuun anaaf ta'u akka ana hubachiiftuuf si waammadhe” jedhe.
[16] Saamu'el immoo,“Waaqayyo si irraa gara galee erga siin mormee, maaliif ana gaafatta ree”
[17] Waaqayyo duraan dursee karaa koo akkuma dubbatee ture, mootummicha si harkaa butee, fira kee Daawitiif kenneera.
[18] Ati dubbii Waaqayyootiif waan hin abboomaminiif, dheekkamsa isaa isa sodaachisaas Amaaleqoota irratti waan ati hin raawwatiniif, Waaqayyo har'a kana sitti in fide.
[19] Amma iyyuu Waaqayyo Israa'eloota sii wajjin dabarsee harka Filisxeemotaatti in kenna; bor atii fi ilmaan kee duutanii gara koo in dhuftu; loltoota Israa'elis Waaqayyo dabarsee harka Filisxeemotaatti in kenna” jedhe.
[20] Battaluma sanatti wanti Saamu'el isatti hime guddisee waan isa naasiseef, Saa'ol akkuma jirutti hojjaa isaatiin lafa in dha'e; guyyaa sana guutuu halkan sana guutuus midhaan waan hin nyaatiniif, humna hin qabu ture.
[21] Yommus dubartittiin gara Saa'ol dhuftee, baay'ee na'ee raafamuu isaa argitee,“Kunoo, ani garbittiin kee siif abboomamuudhaan lubbuu kootti muree waan ati jette godheera.
[22] Atis immoo waan ani garbittiin kee sitti himu akka dhageessuuf sin kadhadha; amma buddeena xinnoo siif nan dhi'eessa; ati immoo ittiin jabaattee akka adeemtutti nyaadhu!” jetteen.
[23] Inni garuu,“Hin nyaadhu!” jedhee in dide; haa ta'u iyyuu malee, hojjetoonni isaa dubartittiinis cimsanii waan isa giddisiisaniif, isaaniif dhaga'ee, lafaa ka'ee siree irra in taa'e.
[24] Dubartittiin dibicha manatti gabbifame tokko qabdi turte; isheen ariitiidhaan dibichicha qaltee, daakuu fuutee sukkuumtee, isa irraa maxinoo tolchitee,
[25] Saa'olii fi hojjetoota isaatiif in dhi'eessite; isaanis nyaatanii halkanuma sana ka'anii in adeeman.