[1] Saa'ol mootii yommuu ta'e nama waggaa soddomaa ture; inni Israa'el irratti waggaa afurtamii lama in mo'e.
[2] Inni Israa'eloota keessaa namoota kuma sadii in fo'ate; isaan keessaa namoonni kumni lama isaa wajjin mandara “Miikmaash” jedhamuuf biyya gaaraa isa kan Bet'el keessa turan; kumni tokko immoo Yonaataanii wajjin kutaa biyya Benyaamiin keessaa mandara Giibe'aa keessa turan; isaan kana irraa kan hafan garuu gara mana mana isaaniitti isaan in deebise.
[3] Yonaataan loltoota Filisxeem warra mandara Gebaa keessa buufatanii turan in rukute; Filisxeemonni rukutamuu loltoota isaanii in dhaga'an; Saa'olis,“Ibroonni hundinuu haa dhaga'an!” jedhee, guutummaa biyyichaa keessatti fiinoo in afuufsise.
[4] Yommus Israa'eloonni hundumti isaanii Saa'ol loltoota Filisxeemotaa rukutuu isaa fi Israa'eloonni guutummaatti Filisxeemota biratti jibbamanii ajeefatamuu isaanii in dhaga'an; kana irratti Saa'olii wajjin waraana dhaquudhaaf Giilgalitti wal in waaman.
[5] Filisxeemonnis konkolaattota kuma soddoma, abboota fardeenii kuma ja'aa fi loltoota baay'inni isaanii akka cirracha qarqara galaanaa ta'e walitti qabatanii, Israa'eloota loluuf in ba'an; dhaqaniis mandara Miikmaash isa Bet-Aween irraa gara ba'a-biiftuutti argamu keessa in buufatan.
[6] Namoonni Israa'el immoo iddoo sodaachisaa keessa akka jiran, loltoonni isaaniis akka sardaman yommuu argan, holqa keessa, qoraattii keessa, kattaa keessa, bowwaa keessa, boolla keessas in dhokatan.
[7] Warri kaan immoo Yordaanosin ce'anii gara biyya Gaadii fi biyya Giil'aad in dhaqan; Saa'ol garuu amma iyyuu Giilgal ture; namoonni hundinuu immoo hollachaa isa duukaa in bu'u turan.
[8] Kana booddee Saa'ol, akkuma Saamu'elii wajjin dhaaba qabu turanitti guyyaa torba isa in eege; Saamu'el garuu akka dhaaba isaatiitti gara Giilgal hin dhufne; namoonni Saa'ol immoo kophaatti isa dhiisanii in tatamsa'an.
[9] Yeroo sanatti Saa'ol,“Qalma gubamuu fi qalma araaraa anatti fidaa!” jedhee, qalmicha gubamu qalee in dhi'eesse.
[10] Akkuma inni qalmicha gubamu sana dhi'eessee raawwateen Saamu'el in dhufe; yommus Saa'ol nagaa gaafatee isa simachuudhaaf gad itti in ba'e.
[11] Saamu'el kana booddee Saa'oliin,“Ati maal hojjechaa oolte?” jedhee in gaafate; Saa'ol immoo deebisee,“Ati guyyaa dhaaba keenyaatti hin dhufne; namoonni ana dhiisanii in tatamsa'an; Filisxeemonni immoo Miikmaashitti walitti in qabaman.
[12] Ani immoo,“Amma utuman fuula Waaqayyoo duratti dhi'aadhee hin araarfatin Filisxeemonni Giilgalitti gad bu'anii ana in rukutu ta'a” jedhee yaaduu irraa kan ka'en ijuma jabaadhee qalma gubamu kana dhi'eesse” jedhe.
[13] Saamu'el yommus Saa'oliin,“Abboommii Waaqayyo gooftaan kee si abboome eeguu dhiiftee gowwummaadhaan kana hojjette malee, abboommii isaa utuu eegdee jiraattee, har'a Waaqayyo mootummaa kee Israa'el irratti bara baraan siif in jabeessa ture.
[14] Amma garuu waan Waaqayyo si abboome sababii hin eeginiif mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka garaa isaatii barbaaddatee, geggeessituu saba isaatii godhee dhaabbateera” jedhe.
[15] Ergasii Saamu'el Giilgalii ka'ee gara Giibe'aa isa Benyaamiin keessaatti in sokke; Saa'olis jarreen isa biratti hafan warra akka nama dhibba ja'aa ta'anii wajjin Giilgalii ka'ee gara adda waraanaa in dhaqe.
[16] Yommus Saa'olii fi Yonaataan ilmi isaa namoota isaan biratti argamanii wajjin Giibe'aa isa kan Benyaamiin keessa turan; Filisxeemonni garuu mandara Miikmaash keessa in buufatan.
[17] Iddoo buufata warra Filisxeemotaatii saamtonni kutanni sadii in ba'an; kutanni tokko gara biyya Shuwaal gara mandara Ofraa in dhaqe.
[18] Kutanni lammaffaan karaa Bet-Horoon irra in gore; kutanni sadaffaan immoo karaa daarii gad bu'a dachaa Zebo'iim isa fuullee lafa onaatti geessu irra in gore.
[19] Filisxeemonni,“Warri Ibrootaa billaadhaa fi eeboo hin tumin!” waan jedhaniif, baras guutummaa biyya Israa'el keessaa namni sibiila tumu hin argamne.
[20] Namoonni Israa'el hundinuu adduma addaan maarashaa, gasoo, qottoo fi haamtuu qarsiifachuuf biyya Filisxeemotaatti gad in bu'u turan.
[21] Gatiin maarashaa fi gasoo ittiin qarsiisan meetii akka graamii saddeetii miijanuu dha; gatiin eeboo mataa sadii, qottoo fi tuqaa qotiyyoo ittiin qarsiisan immoo meetii akka graamii afurii miijanuu dha.
[22] Guyyaa lolaatti Saa'olii fi Yonaataan ilma isaa irraa kan hafe loltoota isaanii wajjin turan keessaa billaa yookiis eeboo kan qabu hin turre.
[23] Kutanni loltoota Filisxeemotaa warri iddoo qabatan karaa Miikmaashitti ceesisutti ol in ba'an.