Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 9:11

[1] Daawit ergasii Naayot kutaa biyya Raamaatii baqatee sokkee Yonaataan bira dhaqee,“Ani maalan godhe” Yakki koo maali” Abbaa kee durattis cubbuu maalii hojjennaan na ajjeesuu barbaada?” jedhee in gaafate.

[2] Inni immoo deebiseefii,“Kun hin ta'u! Ati hin ajjeefamtu, argitee! Abbaan koo waan guddaa yookiis waan xinnoo iyyuu utuu anatti hin himin hin hojjetu; isa kana immoo maaliif ana dhoksa ree” Wanti kun akkas miti” jedhe.

[3] Daawit garuu kakatee,“Ani si duratti faara tolaadhaan akkan ilaalame, abbaan kee dhuguma bareera; kanaaf garaa isaatti,“Yonaataan akka hin gaddinetti dubbii kana dhaga'uun isa irra hin jiru” jedheera; amma iyyuu taanaan dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, du'a lubbuu keetii tis, anaa fi du'a gidduu tarkaanfii tokkittiitu jira” jedhe.

[4] Yonaataan yommus Daawitiin,“Wanta ati barbaaddu hundumaa ani siif nan raawwadha” jedhe.

[5] Daawit immoo Yonaataanin,“Kunoo bor guyyaa ayyaana baatii ti silaa illee anis mootichaa wajjin nyaataaf maaddiitti taa'uutu ana irra jira; amma garuu hamma iftaan galgalaatti bakkee keessa akkan dhokadhuuf tole anaaf jedhi!

[6] Abbaan kee tarii yoo na barbaade immoo,“Guutummaan qomoo Daawit aarsaa waggaa waan dhi'eessaniif, Daawit ariitiidhaan gara Betlihem mandara isaa dhaquudhaaf na gaafateera” jedhi!

[7] Yoo inni,“Ba'eessa” jedhe, ana garbicha keetiif nagaa qabaachuu isaa, yoo kun baay'isee isa aarse garuu inni na miidhuudhaaf murtoo gochuu isaa in beekta.

[8] Ati immoo Waaqayyo duratti ana garbicha kee wajjin kakuu waan galteef, gaarummaa anatti argisiisi! Yakka yoon qabaadhe immoo atumti ofii keetii na ajjeesi malee, maaliif abbaa keetti na geessita ree?” jedhe.

[9] Yonaataan immoo,“Kana si haa oolchu! Abbaan koo wanta hamaa sitti fiduudhaaf murtoo gochuu isaa dhugumaan utuun beekee, sitti hin himuun turee ree?” jedhe.

[10] Daawit yommus Yonaataaniin,“Yoo abbaan kee deebii dheekkamsaa sitti deebise, eenyutu anatti hima?” jedhe.

[11] Yonaataan deebisee Daawitiin,“Mee kottu! Bakkeetti achi baanaa!” jedhe; lachanuun isaanii walii wajjin bakkeetti in ba'an.

[12] Yonaataan ammas Daawitiin,“Dhugaa Waaqayyoo goofticha Israa'el, hamma iftaan yowwanaatti yaada abbaa kootii qoree ilaalee, yoo inni yaada gaarii siif qabaate, ergee sitti nan himsiisa.

[13] Abbaan koo wanta hamaa sitti fiduu barbaada yoo ta'e garuu, sitti himee nagaadhaan akka ati adeemtuuf yoon si erguu dhabaadhe, Waaqayyo miidhama akkasii anatti haa fidu, kan isa irra caalus anatti haa dabalu! Waaqayyo immoo abbaa koo wajjin akkuma ta'e, sii wajjinis haa ta'u!

[14] Itti fufees, ati garuu hamman jiru duwwaatti akkan hin duuneef gaarummaa Waaqayyoo anatti argisiifta utuu hin ta'in,

[15] yommuu Waaqayyo diinota kee tokko tokkoon lafa irraa balleessutti, ati bara baraan gaarummaa kee maatii koo irraa hin deebisin!

[16] Diinota kee immoo Waaqayyo haa gaafatu!” jedhee, maatii Daawitii wajjin kakuutti in gale.

[17] Yonaataan akka lubbuu isaatiitti Daawitin waan jaallatuuf, jaalala isaa irraa kan ka'e dabalee akka inni kakatuuf in godhe.

[18] Yonaataan ergasii immoo Daawitiin,“Bor guyyaa ayyaana baatii ti; barcumni kee duwwaa yommuu ta'u ati in yaadatamta.

[19] Ati immoo iftaan gara iddoo gaafa kun ta'e dhokattee turte sanaatti gad bu'ii dhagaa Ezel bukkee turi!

[20] Ani ofii kootii akeekkadhee cinaacha dhagichaatti xiyyoolii sadii nan gad dhiisa.

[21] Achumaanis kunoo,“Dhaqiitii xiyyoolii barbaadi!” jedhee, dargaggeessa tokko nan erga; dargaggeessichaan,“Xiyyooliin kunoo si garana jiru fuudhi!” yoon jedhe, dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, nagaa malee homtinuu hin jiruutii kottu!

[22] Garuu dargaggeessa sanaan,“Xiyyooliin si garas achi fagoo jiru” yoon jedhe, Waaqayyo si erguu isaa ti; kanaaf achumaan sokki!

[23] Waa'ee isa anii fi ati walii wajjin dudubbanneef immoo Waaqayyo hamma bara baraatti anaa fi si gidduutti dhugaa in ba'a” jedhe.

[24] Kana irratti Daawit bakkee keessa in dhokate; guyyaa ayyaana baatiitti immoo mootichi nyaataaf in taa'e.

[25] Mootichi akkuma yeroo kaanii teessoo isaa isa keenyan bukkee irra in taa'e; Yonaataan fuullee mootichaa, Abneer immoo bukkee mootichaa taa'anii turan; iddoon Daawit garuu duwwaa ture.

[26] Haa ta'u iyyuu malee, Saa'ol garaa isaatti,“Daawit waa rakkatee akka seeraatti hin qullaa'in hafe, inni dhugumaan hin qulloofne” jedhee waan yaadeef, gaafas homaa hin dubbanne.

[27] Ayyaana baatii guyyaa lammaffaatti iddoon Daawit duwwaa waan tureef, Saa'ol,“Ilmi Iseyi kaleessa, har'as maaliif nyaata irratti hin argamin hafe?” jedhee, Yonaataanin ilma isaa in gaafate.

[28] Yonaataan immoo deebiseefii,“Daawit gara Betlihem dhaquudhaaf dhimmee na gaafatee ture.

[29] Inni,“Aarsaa maatiidhaan mandara keessatti dhi'eessinu waan qabnuuf, obboleessi koo akkan achi dhaquuf na abboomeeraatii hadaraa na ergi! Egaa si duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta'e, amma dhaqee obboloota koo akkan ilaaluuf na gad dhiisi!” waan naan jedheef, gara maaddii mootichaa hin dhufne” jedhe.

[30] Saa'ol yommus Yonaataanitti aaree boba'ee,“Ati ilma micciiramtuu fi ilma didduu, ofii keetii fi haadha si deesse salphisuudhaaf ilma Iseyi akka fo'atte nan wallaalee ree”

[31] Ilmi Iseyi lafa irra utuu jiruu atii fi mootummaan kee jabaattanii hin dhaabattan; kanaafis inni ajjeefamuutu isaaf ta'aatii amma nama itti ergii gara kootti isa fichisiisi!” jedhe.

[32] Yonaataanis deebisee Saa'ol abbaa isaatiin,“Inni maal godhe” Maaliif ajjeefama?” jedhe.

[33] Saa'ol kana irratti Yonaataanin ajjeesuudhaaf eeboo itti in darbate; Yonaataanis abbaan isaa Daawitin ajjeesuuf murtoo akka godhe kanaan in bare.

[34] Yonaataan sababii abbaan isaa isa yeellaasiseef, Daawitiif gaddee, yaada aariitiin maaddii irraa in ka'e; guyyaa lammaffaa ayyaana baatii sanatti inni nyaata hin nyaanne.

[35] Yonaataan borumtaa gurbaa xinnaa tokko fudhatee, dhaaba Daawitii wajjin qabaniif gara bakkeetti in ba'e.

[36] Inni gurbichaan,“Mee, fiigiitii xiyyoolii ani gad dhiisu kana barbaadi!” jedhe; gurbichis in fiige; Yonaataan immoo xiyyicha isa irra dabarsee gad in dhiise.

[37] Gurbichi gara iddoo Yonaataan xiyyicha itti gad dhiise yeroo dhaqetti, Yonaataan isa waamee,“Xiyyichi si garas achi fagoo jira mitii ree?” jedheen.

[38] Yonaataan ammas gurbicha waamee,“Dafii ariifadhuu adeemi! Hin turin!” jedheen; gurbichis xiyyoolii funaanee gara Yonaataan gooftaa isaa in dhufe.

[39] Dubbicha Yonaataanii fi Daawit duwwaatu beeka malee, gurbichi homaa iyyuu hin beeku ture.

[40] Yonaataan mi'a lolaa isaa gurbaa isaatti kennee,“Beenuu gara mandaraatti geessi!” jedheen.

[41] Akkuma gurbichi achii adeemeen, Daawit bukkee gara mirgaatii ka'ee, adda isaatiin hamma lafa ga'utti gad gugguufee, si'a sadii in qoomma'e; lamaanuus wal dhudhungatanii walitti in boo'an; Daawit garuu caalaa guddisee in boo'e.

[42] Kana booddee Yonaataan,“Nuyi lamaan,“Waaqayyo anaa fi si gidduutti, sanyii kee fi sanyii koo gidduuttis hamma bara baraatti dhuga-baatuu dha” jennee, maqaa isaatiin kakuu waliif galleerra; egaa nagaadhaan dhaqi!” jedhe; yommus Daawit ka'ee in adeeme, Yonaataan immoo gara mandaraatti in deebi'e.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters