Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:53

[1] Achumaan Saamu'el dhadhaa ejersaa shurrubbee tokko fudhatee, mataa Saa'ol irratti dhangalaasee, isa dhungatees,“Waaqayyo kunoo, saba dhuunfaa isaatii akka geggeessituuf si dibuu isaatii mitii ree”

[2] Har'a ana biraa kaatee yommuu adeemtu awwaala Raahel biratti Zelzaa daarii Benyaamiin irratti namoonni lama sitti in dhufu; isaanis,“Harroonni ati barbaaduu dhaqxe argamaniiru; abbaan kees harrootaaf yaadda'uu dhiisee:- Waa'ee ilma kootii attaman godha laata” jedhee siif yaadda'aa jira” jedhanii sitti in himu.

[3] Isaan bira dabartee qilxuu Taabor bira yommuu geessu immoo namoonni Bet'elitti Waaqayyoof sagaduu dhaqan sadii sitti in dhufu; isaan keessaa inni tokko ilmoolee reettii sadii, inni tokko immoo buddeena sadii, inni tokkos daadhii waynii huubboo tokko baatanii in adeemu.

[4] Yommuu sitti dhufan nagaa si gaafatanii buddeena lama siif in kennu; atis isaan harkaa in fudhatta.

[5] “Kana booddees gara gaara Waaqayyoo iddoo loltoonni Filisxeemotaa jiran in dhaqxa; mandaratti yommuu lixxu kutanni raajotaa warri iddoo ol jedhaa irraa gad bu'an sitti in dhufu; raajonni sun raajii dubbachaa, kiraara, dibbee, ulullee fi maseenqoo dhageessisaa in adeemu turan.

[6] Yommus hafuurri Waaqayyoo humnaan siif in dhufa; ati immoo isaanii wajjin raajii in dubbatta; diddiiramtees nama kan biraa in taata.

[7] Yommuu milikkinni kun ta'utti, Waaqayyo sii wajjin waan jiruuf waanuma harka keetti dhufe hojjedhu!

[8] Ana dura gara Giilgalitti gad bu'i! Kunoo, ani kennaa gubamuu fi qalma araaraa dhi'eessuudhaaf gara kee nan dhufa; hamma ani dhufee waan ati gootu sitti himutti guyyaa torbaaf na eegi!” jedhe.

[9] Saa'ol yommus Saamu'el biraa adeemuuf ka'e; akkuma inni achi qajeeleen, Waaqayyo yaada Saa'ol in diddiireef; milikkitoonni jedhaman hundinuus gaafasuma in ta'an.

[10] Saa'ol dargaggeessichaa wajjin gaara sana bira yommuu ga'e, kunoo, kutanni raajotaa isatti in dhufan; hafuurri Waaqayyoo humnaan isaaf dhufnaan, inni isaan gidduu bu'ee raajii in dubbate.

[11] Warri duraan isa beekan raajota gidduu bu'ee raajii dubbachuu isaa yeroo arganitti walii isaaniitiin,“Ilma Qiishitti maaltu dhufe” Saa'olis immoo raajota keessaa tokkoo?” jedhan.

[12] Namni iddoo sanaa tokkos,“Eenyu abbaan raajota kanaa?” jedhee in gaafate; yommus,“Saa'olis immoo raajota keessaa tokko” jechuun mammaaksa beekamaa in ta'e.

[13] Saa'ol raajii dubbachuu isaa erga raawwatee gara iddoo sagadaa isa ol ka'aatti ol in ba'e.

[14] Yeroo sanatti wasiilli Saa'ol tokko Saa'olii fi dargaggeessicha argee,“Eessa turtan?” jedhee in gaafate; Saa'ol immoo deebisee,“Harroota barbaaduu dhaqnee turre; garuu harroonni sun dhabamnaan Saamu'el bira dhaqne” jedhe.

[15] Kana irratti wasiilli Saa'ol,“Hadaraa, waan Saamu'el siin jedhe anatti himi!” jedhe.

[16] Saa'ol immoo,“Harroonni dhuguma argamuu isaanii nutti himeera” jedheen; waa'ee mootii ta'uu isa Saamu'el isatti dubbate garuu wasiila isaatti hin himne.

[17] Ergasii Saamu'el saba Israa'elin iddoo “Miisphaa” jedhamutti Waaqayyo duratti walitti waamee,

[18] “Waaqayyo gooftichi Israa'el,“Ani biyya Gibxiitii isin baaseen, harka warra Gibxii fi mootummoota warra isin dhiphisanii hundumaa isin oolche.

[19] Isin garuu har'a ana Waaqayyo keessan isa dhiphina keessanii fi rakkina keessan hundumaa keessaa isin baase tuffattanii:- Mootii nuuf moosisi malee, hin ta'u! jettan. Egaa amma akka gosa gosa keessaniittii fi akka qomoo qomoo keessaniitti fuula koo duratti dhi'aadhaa!” isiniin jedha” jedheen.

[20] Yommus Saamu'el gosa Israa'el hundumaa walitti qabee dhi'eessinaan, isaan keessaa gosi Benyaamiin in fudhatame.

[21] Gosa Benyaamiin immoo akka qomoo qomoo isaaniitti dhi'eessinaan, qomoon Maxriis in fo'ame; qomoo Maxriis keessaa immoo Saa'ol ilmi Qiish in fudhatame; Saa'olin garuu barbaadanii isa arguu dhaban.

[22] Yommus,“Namichi amma iyyuu as hin dhufne moo?” jedhanii Waaqayyoon in gaafatan; Waaqayyos deebiseefii,“Kunoo inni mi'a gidduu dhokatee jira” jedhe.

[23] Isaanis fiigichaan dhaqanii achii isa in fidan; innis dhufee jara gidduu yommuu dhaabate, gatiittii isaatii olitti nama hundumaa caalaa dheeratee in mul'ate.

[24] Saamu'el yeroo sanatti jara hundumaan,“Nama Waaqayyo fo'e kana argituu” Saba kana hundumaa keessa kan akka isaatii hin jiru!” jedhe; jarris gammachuudhaan wacanii,“Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhan.

[25] Yommus Saamu'el seera mootummaan sun ittiin bulu sabaaf ibsee, caaffata dhaabataa godhee caafee, fuula Waaqayyo dura iddoo qulqullaa'aa in kaa'e; ergasii jara hundumaa gad in dhiise; isaan adduma addaan gara mana mana isaaniitti in galan.

[26] Saa'olis immoo Giibe'aatti deebi'ee gara mana isaatti in gale; loltoonni jajjaboonni warri Waaqayyo yaada isaanii kaase isa duukaa in dhaqan.

[27] Namoonni waa'ee hin baafne tokko garuu isa tuffatanii,“Namni kun attamitti nu oolchuu danda'aa?” jedhan malee, harka-fuudhaa hin kennineef; inni garuu calluma jedhee in dhiise.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters