Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:16

[1] Baras Filisxeemonni Israa'eloota in lolan; namoonni Israa'elis fuula isaanii duraa utuu baqatanii, baay'een tulluu Giilbo'aa irratti waraanamanii in dhuman.

[2] Filisxeemonni Saa'olii fi ilmaan isaa sadan duukaa bu'anii ari'anii, Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa billaadhaan in ajjeesan.

[3] Lolli kunis Saa'ol irratti in cime; warri iddaadhaan xiyya darbatan yommuu isa argatanitti guddaa isa in madeessan.

[4] Saa'olis namicha isa mi'a lolaa baatuuf sanaan,“Warri dhagna hin qabatin kun dhufanii, ana keessa baasanii akka anatti hin taphannetti, ati billaa kee luqqifadhuutii ana keessa baasi!” jedhe; namichi mi'a lolaa baatuuf sun garuu baay'ee waan sodaateef, kana gochuu hin barbaanne; yommus Saa'ol billaa ofii isaatii fudhatee itti of in dire.

[5] Namichi mi'a lolaa isaaf baatu sunis, du'uu Saa'ol yommuu arge, innis billaa ofii isaatiitti of diree isaa wajjin in du'e.

[6] Akkasitti Saa'ol, ilmaan isaa sadan, namichi mi'a lolaa baatuuf akkasumas namoonni isaa hundinuu gaafas waluma duukaa in dhuman.

[7] Israa'eloonni dachaa sana gama, Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu jiranis loltoonni isaanii akka baqatan, Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhuman yommuu argan, isaanis mandaroota isaanii dhiisanii in baqatan; Filisxeemonni immoo dhufanii mandaroota sana in qabatan.

[8] Borumtaa isaa Filisxeemonni warra ajjeesan sana irraa mi'a yaafachuu dhaqanii, reeffa Saa'olii fi reeffa ilmaan isaa sadanii tulluu Giilbo'aa irratti in argan.

[9] Yommus isaan mataa Saa'ol irraa muranii, mi'a lolaa isaa irraa yaafatanii, galma waaqayyolii tolfamoo isaanii keessatti, saba isaaniittis oduu gaarii kana himuudhaaf, guutummaa biyya Filisxeemotaa keessa in naannessan.

[10] Mi'a lolaa isaa galma Ashtaarot waaqayyittii tolfamtuu keessa kaa'anii, reeffa isaa immoo dallaa mandara Bet-Shaanitti in cinqaarsan.

[11] Warri Yaabesh Giil'aad keessa jiraatan wanta Filisxeemonni Saa'ol irratti hojjetan yommuu dhaga'an,

[12] loltoonni isaanii warri jajjaboonni ka'anii, halkan guutuu adeemanii reeffa Saa'olii fi reeffa ilmaan isaa sadanii dallaa Bet-Shaan irraa fuudhanii, gara Yaabesh dhufanii achitti isaan in guban.

[13] Kana booddee lafee isaanii fuudhanii Yaabesh keessatti muka lafa onaa tokko jalatti awwaalanii, ofii isaaniitii guyyaa torba in sooman.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters