Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:38

[1] Warri mandara Kiriiyat-Ya'ariim dhufanii sanduuqa kakuu Waaqayyoo fudhatanii, gara mana Abiinaadaab isa tulluu irra jirutti in geessan; Ele'azaar ilmi isaa immoo sanduuqa kakuu Waaqayyoo sana akka eeguuf addaan isa in baasan.

[2] Sanduuqi kakuu Waaqayyo gara mandara Kiriiyat-Ya'ariimitti erga geeffamee yeroo dheeraa dha, innis akka waggaa digdamaa ti; sabni Israa'el guutummaatti boo'ichaan gara Waaqayyootti in deebi'e.

[3] Yommus Saamu'el namoota Israa'el hundumaan,“Isin waaqayyolii ormaa, Ashtaarotii fi warra kaan of gidduudhaa calaaftanii, garaa keessan guutuudhaan gara Waaqayyootti yoo deebitan, garaa keessan guutummaatti isaaf yoo kennitan, isa duwwaas yoo waaqeffattan, inni harka warra Filisxeemotaa isin in oolcha” jedhe.

[4] Kana irratti warri Israa'elis Ba'aalii fi Ashtaarotin calaasanii Waaqayyoon duwwaa in waaqeffatan.

[5] Yommus Saamu'el, Waaqayyoon isaaniif kadhachuudhaaf, Israa'eloonni hundinuu Miisphaatti akka walitti qabamaniif in waame.

[6] Isaanis Miisphaatti walitti qabamanii bishaan buduqsanii Waaqayyo duratti in dhangalaasan; itti fufaniis Waaqayyo duratti cubbuu hojjechuu isaanii himachaa guyyaa sana guutuu in sooman; Saamu'el immoo mandara Miisphaa keessa taa'ee saba Israa'eliif firdii in kenna ture.

[7] Filisxeemonni akka namoonni Israa'el Miisphaatti walitti qabaman yommuu dhaga'an, gurguddoonni Filisxeemotaa warri humnaan mo'an isaan rukutuudhaaf in ba'an; Israa'eloonni immoo kana dhaga'anii isaan in sodaatan.

[8] Kana irratti Saamu'eliin,“Waaqayyo gooftaan keenya harka warra Filisxeemotaa akka nu oolchutti isa nuuf kadhachuu gargar hin kutin!” jedhan.

[9] Yommus Saamu'el ilmoo hoolaa tokko fudhatee qalee, qalma gubamu Waaqayyoof dhi'eessee, saba Israa'eliif gara Waaqayyootti in iyye; kadhata isaas Waaqayyo in dhaga'eef.

[10] Saamu'el qalma gubamu sana dhi'eessuutti utuu jiruu, Filisxeemonni Israa'elootatti lola kaasuudhaaf itti in dhi'aatan; Waaqayyo garuu gaafasuma sagalee guddaadhaan Filisxeemotatti qaqaweessa'ee waan godhan isaan in wallaalchise; kanaafis isaan Israa'eloota duratti in rukutaman.

[11] Namoonni Israa'elis Miisphaadhaa ba'anii hamma Betkaar godaatti Filisxeemota ari'anii in rukutan.

[12] Saamu'elis dhagaa guddaa tokko fuudhee Miisphaadhaa fi Sheen gidduu dhaabe;“Waaqayyo hamma yowwanaatti nu gargaareera” jedhee, maqaa iddoo sanaa Ebeen-Ezeritti in moggaase; [“Ebeen-Ezer” jechuun,“Dhagaa gargaarsaa” jechuu dha].

[13] Irreen Waaqayyoo Filisxeemotaan waan mormeef guutummaa bara Saamu'elitti gad isaan deebisee ture; isaan deebi'anii saamichaaf gara daarii biyya Israa'el hin dhufne.

[14] Eqroonii jalqabanii hamma Gaatitti mandaroota Filisxeemonni qabatanii turan hundumaa Israa'eloonni deebifatanii biyya daarii irraa sana harka isaanii jalaa in baafatan; warra Amoorotaa wajjinis nagaatti in jiraatan.

[15] Saamu'el guutummaa bara jireenya isaatti akka abbaa firdiitti Israa'elin in geggeesse.

[16] Inni wagguma waggaatti ba'ee Bet'el, Giilgalii fi Miisphaa keessa naanna'ee, namoota iddoo kanaa hundumaaf firdii in kenna ture.

[17] Yeroo yeroottis gara Raamaa iddoo manni isaa jirutti deddeebi'ee, achittis Israa'elootaaf firdii in kenna ture; kana malees Raamaatti iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan in ijaare.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters