Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:25

[1] Daawit yommus Saa'olii wajjin dudubbachuu in raawwate; erga yeroo sanaatii Yonaataan ilmi Saa'ol baay'isee Daawititti in maxxane; akka lubbuu isaatiittis isa in jaallate.

[2] Saa'ol gaafasii jalqabee Daawitin ofitti in fudhate; gara mana abbaa isaattis isa hin deebifne.

[3] Yonaataan akka lubbuu isaatiitti Daawitin waan jaallatuuf, kakuu isaaf in gale.

[4] Kana malees qoloo isaa of irraa baasee akkasumas uffata isaa, billaa isaa, iddaa isaa fi hidhata mudhii isaa Daawitiif in kenne.

[5] Daawit iddoo Saa'ol itti isa ergu hundumaa in dhaqa, waan hojjetus ogummaadhaan in raawwata ture; kanaaf Saa'ol loltoota irratti aboo in kenneef; kunis namoota hundumaa, hojjetoota Saa'ol warra gurguddootas in gammachiise.

[6] Daawit Filisxeemicha erga ajjeesee booddee, namoonni gara manaatti deebi'aa utuu jiranii, dubartoonni mandaroota Israa'el hundumaa keessaa dibbee fi kiraara fudhatanii gammachuudhaan weeddisaa, sirbaas Saa'ol mooticha simachuudhaaf in ba'an.

[7] Dubartoonni sunis, “Saa'ol kumaatama ajeefate, Daawit garuu kuma kumaatamaa in ajeefate” jedhanii, wal harkaa fuudhanii in weeddisu turan.

[8] Dubbiin kun hamaa ta'ee Saa'olitti waan mul'ateef, baay'isee isa aarse;“Anaaf kumaatama, Daawitiif garuu kuma kumaatamaa in lakkaa'an; mootummicha fudhachuu malee, maaltu isa hafe!” jedhe.

[9] Yeroo sanaa jalqabee Saa'ol ija hinaaffaatiin Daawitin in ilaala ture.

[10] Borumtaa isaa hafuurri hamaan Waaqayyo biraa Saa'olitti ergamnaan, utuu Daawit akkuma amala isaatii kiraara rukutaa jiruu, Saa'ol mana isaa keessatti akka nama maraateetti raajii in dubbate; yeroo sanattis eeboo of harkaa qaba ture.

[11] Inni yaada isaatti,“Daawitin keenyanittan fayyisa!” jedhee, eeboo isaa itti darbate; Daawit garuu si'a lama isa jalaa in miliqe.

[12] Waaqayyo sababii Saa'ol irraa fagaatee Daawitii wajjin jiraatuuf, Saa'ol isa in sodaate.

[13] Kanaaf inni Daawitin ofittii fageessee angafa kumaa akka inni ta'u in godhe; akkasitti Daawit dura-buutuu ta'ee jara in geggeesse.

[14] Waaqayyo isaa wajjin waan tureef, wanti inni hojjetu hundinuu wal in qixxaateef.

[15] Saa'ol immoo wanti inni hojjetu wal isaaf qixxaachuu isaa yommuu arge isa in sodaate.

[16] Namoonni Israa'elii fi namoonni Yihudaa hundinuu garuu sababii Daawit yeroo hundumaa isaan dura bu'ee isaan geggeessuuf isa in jaallatan.

[17] Yommus Saa'ol Daawitiin,“Kunoo! Ani Meraab intala koo ishee angafa sittan heerumsiisa; ati immoo ilma jagna anaaf ta'iitii lola isa kan Waaqayyoo loli!” jedhe; Saa'ol garaa isaatti,“Inni harka Filisxeemotaatti haa sababamu malee, harka kootti hin sababamin!” jedhee waan yaadeef, kana in dubbate.

[18] Daawit garuu deebisee Saa'oliin,“Intala mootii kanan fuudhu, ani eenyu” Israa'el keessaas qomoon koo, qomoon abbaa kootiis isa kami?” jedhe.

[19] Haa ta'u iyyuu malee, yeroo Saa'ol intala isaa Meraabin isatti heerumsiisuuf jedhetti, isheen Adrii'el Meholaatichatti in heerumte.

[20] Mikaal intalli Saa'ol garuu Daawitin in jaallatte; Saa'olis dubbicha yommuu dhaga'e itti gammadee,

[21] “Daawititti ishee nan heerumsiisa, isheen kiyyoo isatti in taati, harka Filisxeemotaattis in sababama” jedhe; Saa'ol kanaaf Daawitin,“Kunoo, alana soddaa koo in taata” jedhe.

[22] Itti fufees,“Kunoo! Mootiin, hojjetoonni isaa hundinuus waan si jaallataniif,“Ati immoo intala mootii fuudhi!” jedhaatii gad qabaadhaan Daawititti himaa!” jedhee hojjetoota isaa in abboome.

[23] Hojjetoonni Saa'ol dubbicha Daawititti in himan; Daawit immoo,“Anoo hiyyeessa, nama hamma kanatti beekames miti! Soddaa mootii ta'uun dubbiidhuma salphaa isinitti fakkaataa ree?” jedhe.

[24] Hojjetoonni Saa'olis wanta Daawit jedhe isatti in himan.

[25] Daawit harka Filisxeemotaatti akka du'uuf akeeka waan qabuuf, Saa'ol deebisee, “ ‘Mootichi diinota isaa irratti ijaa baafachuudhaaf misa Filisxeemota dhibba tokko fiduu malee, qaraxa kan biraatti hin gammadu” jedhaatii Daawititti himaa!” jedhe.

[26] Hojjetoonni isaas dubbicha Daawititti yeroo himanitti, inni soddaa mootichaa ta'uutti in gammade; guyyaan dhaaba isaatii utuu hin ga'in,

[27] Daawit namoota isaatii wajjin ba'ee Filisxeemota dhibba lama ajjeesee, mootichaaf soddaa ta'uudhaaf misa isaanii guutummaatti isa duratti in dhi'eesse; Saa'ol akkasitti Mikaalin intala isaa isatti in heerumsiise.

[28] Saa'ol yeroo sana Waaqayyo akka Daawitii wajjin jiru argee, Mikaal intalli isaas akka isa jaallatte hubatee,

[29] ittuma caalchisee Daawitin in sodaate; bara jireenya isaatti akkuma diina isaa ta'etti in hafe.

[30] Gurguddoonni Filisxeemotaa ittuma fufanii lolaaf in ba'u turan; yeroodhuma ba'an hundumaattis hojjetoota Saa'ol warra gurguddoota keessaa caalaatti hojiin Daawit wal in qixxaataaf ture; maqaan isaas baay'isee in beekame.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters