Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 13:15

[1] Baras Filisxeemonni loltoota isaanii“Sokoo” mandara Yihudaatti lolaaf walitti qabatanii, Sokoo fi Azeqaa gidduu Efes-Damiim keessa in buufatan.

[2] Akkasumas Saa'olii fi namoonni Israa'el walitti qabamanii dachaa Elaa keessa buufatanii, Filisxeemota loluudhaaf dhaqanii loltoota isaanii tarree in galfatan.

[3] Filisxeemonni gaara tokko irra, Israa'eloonni immoo gaara kan biraa irra dhaabatanii turan; isaan gidduus dachaan ture.

[4] Yommus Golyaad Gaatichi inni loltoota Filisxeemiif dubbatu tokko iddoo buufata isaanii keessaa as in ba'e; dheerinni hojjaa isaatii dhundhuma ja'aa fi taakkuu ture.

[5] Gonfoo sibiila borrajjii mataa isaa irraa qaba; maddaa sibiilaa waan akka qola qurxummiis uffatee ture; maddaan sibiila borrajjii sunis akka kiilo graamii shantamii torbaa ulfaata ture.

[6] Wanta akka qola mukaa sibiila borrajjii irraa tolfame miilla isaatti maratee, bodee sibiila borrajjiis gatiittii isaa irra qaxxaamursee hidhatee ture.

[7] Somaan eeboo isaatii akkuma muka wayya dhooftuun wayyaa isa dha'ee itti maruu ti; qarri eeboo isaatii sibiila akka kiilo graamii torbaa ulfaatu irraa kan hojjetame ture; namni gaachana isaa baatuufis isa dura in adeema ture.

[8] Golyaad dhaabatee loltoota Israa'el warra tarree waraanaa irra jiraniin,“Maaliif loltoota tarree galfachuuf baatan” Ani Filisxeemicha miti moo” Isin immoo garboota Saa'ol mitii” Isin nama anatti as ba'u tokko fo'adhaa!

[9] Namichi ana lolee yoo na ajjeesuu danda'e, nuyi garba isiniif in taana; ani isa mo'ee yoon isa ajjeese garuu, isin garba keenya taatanii nuuf in hojjettu” jedhe.

[10] Filisxeemichi itti fufee, “ ‘Har'a nama ana lolu tokko anaaf kennaa!” jedheetan isin loltoota Israa'el warra tarree waraanaa irra jirtanitti ga'isa!” jedhe.

[11] Saa'olii fi Israa'eloonni hundinuu dubbii Filisxeemichi dubbate kana dhaga'anii, in na'an baay'isaniis in sodaatan.

[12] Daawit ilma Isey Efraatichaa isa mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaa keessa jiraatuu ti; Isey ilmaan saddeet qaba; bara Saa'ol keessa inni nama jaarsa, biyya keessattis beekamaa ture.

[13] Ilmaan Isey warri duraa sadan Saa'ol duukaa lola in dhaqan; maqaan ilmaan isaa warra gara lolaa dhaqan sadaniis, inni angafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abinaadaab, inni sadaffaan Shamaahi ture.

[14] Daawit garuu hundumaa booddee ture; warri duraa sadan Saa'ol duukaa in dhaqan.

[15] Daawit yommus hoolota abbaa isaatii tiksuudhaaf Saa'ol biraa Betlihemitti in deebi'e.

[16] Yeroo sanatti Golyaad Filisxeemichi guyyaa afurtama ganama ganamaa fi galgala galgala fuullee loltoota Israa'elitti ba'ee, iddoo qabatee in dhaabata ture.

[17] Iseyis Daawit ilma isaatiin,“Maaloo, akaayii akka kiilo digdamii lamaan kanaa fi buddeena kurnan kana ariitiidhaan obboloota keetiif iddoo buufata isaaniitti geessi!

[18] Itittuu wal qabatee goge kurnan kana immoo angafa kumaa isaaniitiif geessi! Obboloonni kees nagaa ta'uu isaanii hubadhuutii, milikkita isaan biraa fidii kottu!

[19] Isaan Saa'olii fi namoota Israa'el hundumaa wajjin dachaa Elaa keessatti Filisxeemota lolaa jiru” jedhe.

[20] Daawit yommus hoolota tiksituutti kennee, wanta Isey isa abboome fudhatee ganama obboroodhaan ka'ee in adeeme; yeroo inni buufata loltootaa bira ga'etti, loltoonni Israa'el wacaa gara tarree waraanaatti in yaa'u turan.

[21] Loltoonni Israa'elii fi loltoonni Filisxeem tarree galanii fuullee walii in dhaabatan.

[22] Daawitis mi'a isaa namicha mi'a eegutti kennatee, fiigee gara loltootaa dhaqee obboloota isaa nagaa in gaafate.

[23] Utuu inni isaanii wajjin haasa'aa jiruu, Golyaad Gaatichi inni loltoota Filisxeemiif dubbatu, tarree waraana Filisxeemotaa keessaa achii as ba'ee akkuma amala isaatii Israa'elootatti utuu ga'isuu in dhaga'e.

[24] Namoonni Israa'el hundinuu namicha yeroo arganitti guddaa sodaatanii isa duraa in baqatan.

[25] Namoonni Israa'el yommus,“Namicha yeroo yerootti as ba'u kana argituu” Inni Israa'elootatti ga'isuudhaaf dhufe; nama namicha kana ajjeese mootiin in badhaasa; akkasuma immoo intala isaa itti in heerumsiisa, maatiin abbaa isaas biyya Israa'el keessatti gibira akka hin baafne in godhaaf” waliin in jedhu turan.

[26] Daawit immoo,“Nama Filisxeemicha kana ajjeesee, arrabsamuu kana Israa'eloota irraa fageessuuf maaltu godhama” Filisxeemichi dhagna hin qabatin, inni loltoota Waaqayyo isa jiraataatti ga'isu kun eenyu inni?” jedhee, namoota isa bira dhaabatan in gaafate.

[27] Jarri akkuma duraan dubbatan,“Nama Filisxeemicha ajjeesu kanaaf kanatu godhama” jedhanii itti in himan.

[28] Yommus Eliiyaab obboleessi Daawit inni angafni, Daawit namootaa wajjin utuu haasa'uu dhaga'ee, baay'isee itti aaree;“Ati maaliif as dhufte” Hoolota warra muraasa sana lafa onaa keessatti eenyu biratti dhiifte” Ati sababii of tuulummaa kee fi hammina garaa keetiitiif lola ilaaluu akka dhufte anuu beeka” jedhe.

[29] Daawit kana irratti deebisee,“Gaaffii duwwaan gaafadhe malee, maalan godhe?” jedheen.

[30] Amma immoo Eliiyaab irraa gara galee sanyiidhuma gaaffii isaa isa duraa namoota kan biraa in gaafate; jarris deebii isuma duraa sana in deebisaniif.

[31] Dubbii Daawit dubbate warri dhaga'an Saa'olitti himnaan, inni achumaan, Daawitin ofitti in waamsise.

[32] Daawit yeroo sanatti Saa'oliin,“Ani garbichi kee Filisxeemicha kana dhaqee nan lolaatii namni tokko illee garaa isaatti isa hin sodaatin!” jedhe.

[33] Saa'ol yommus Daawitiin,“Ati ijoollee dha, namichi Filisxeem kun immoo ijoollummaa isaatii jalqabee lolatti waan guddateef, dhaqxee isa loluu hin dandeessu” jedheen.

[34] Daawit garuu Saa'oliin,“Ani garbichi kee hoolota abbaa kootii nan tiksan ture; yeroo sanatti leenci yookiis amaaketi dhufee hoolota sana keessaa tokko yommuu qabatu,

[35] ani duukaa bu'ee isa rukutee afaan isaa keessaa nan buusan ture; yoo inni anatti gara gale immoo liqimsituu isaa qabee rukutee nan ajjeesan ture;

[36] ani garbichi kee leencas amaaketas akkasitti ajjeeseera; akkasumas Filisxeemichi dhagna hin qabatin kun loltoota Waaqayyo isa jiraataatti waan ga'iseef, bineensota kana keessaa akka isa tokkoo in ta'a” jedhe.

[37] Itti fufees,“Waaqayyo inni harka leencaatii fi amaaketaa na oolche, harka Filisxeemicha kanaas na oolcha” jedhe; Saa'ol kana irratti Daawitiin,“Egaa dhaqi! Waaqayyo sii wajjin haa ta'u!” jedhe.

[38] Kana booddee Saa'ol uffata ofii isaatii Daawititti uffisee, gonfoo sibiila borrajjii mataa isaatti kaa'ee, maddaa sibiilaas itti in uffise.

[39] Daawit billaa isaa uffata isaa irratti hidhatee adeemuu in yaale; garuu waan itti hin bariniif,“Ani isaan kana hundumaa hidhadhee adeemuu hin danda'u” jedhee, Saa'olitti himee, ofittii in baase.

[40] Achumaanis ulee isaa fudhatee, dhagaa guggumee shan immoo lagaa funaanee korojoo isaatti naqatee, furrisa isaas fudhatee gara Filisxeemichaatti in dhi'aate.

[41] Yeroo sanatti Golyaad Filisxeemichi namicha isa gaachana isaa baatuuf of fuul dura buufatee gara Daawititti dhi'aachaa in adeeme.

[42] Filisxeemichi ilaalee Daawitin dargaggeessa diimaa dhaaba tolu tokko yommuu arge in tuffate.

[43] Innis Daawitiin,“Ani saree dhaa iyyuu ulee qabattee anatti dhuftee?” jedhee, maqaa waaqayyolii isaatiin isa in abaare.

[44] Itti fufees,“Mee, gara kootti as adeemi! Amman foon kee allaattota waaqa keessa balali'anii fi bineensota caakkaatiif godhaa!” jedhe.

[45] Daawit immoo Filisxeemichaan,“Ati illee billaa, eeboodhaa fi bodee keetiin anatti dhuftaa, ani garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa maccaa, Waaqayyo loltoota Israa'el isa ati itti ga'ifte sanaan sitti nan dhufa;

[46] har'a Waaqayyo harka koo keessa si buusa; ani si ajjeesee mataa kee si irraa nan kuta, reeffa loltoota Filisxeemis allaattota waaqa keessa balali'anii fi bineensota caakkaatiif nan godha; yommus gooftichi Israa'elootaaf Waaqayyo isaanii akka ta'e guutummaan biyya lafaa in beeka.

[47] Lolli kan Waaqayyoo waan ta'eef, Waaqayyo harka keenya keessa si buusa; Waaqayyo billaadhaa fi eeboodhaan akka hin oolchine wal ga'iin kun hundinuu in beeka” jedhe.

[48] Yeroo Golyaad Filisxeemichi ka'ee Daawititti adeemetti, Daawitis isa rukutuudhaaf ariitiidhaan gara tarree lolaatti Filisxeemichatti in fiige.

[49] Achumaanis korojoo isaa harka kaa'ee, dhagaa fudhatee, darbatee adda Golyaad in rukute; dhagichi adda isaa keessa badnaan, innis lafa dha'ee adda isaatiin gad in gombifame.

[50] Daawit billaa utuu of harkaa hin qabaatin, akkasitti furrisaa fi dhagaadhaan Filisxeemicha in mo'ate; inni Filisxeemicha rukutee in ajjeese.

[51] Kana booddee gara isaatti fiigee, irra dhaabatee billaadhuma Golyaad mann'ee isaa keessaa luqqifatee, ittiin mataa isaa irraa in mure; warri Filisxeemis loltuun isaanii inni jabaan akka du'e yommuu argan fiiganii in baqatan.

[52] Yommus namoonni Israa'elii fi namoonni Yihudaa ka'anii dhaadachaa Filisxeemota hamma dachaa sanaatti, hamma karra Eqroonitti in ari'an; Filisxeemonni warri waraanamanii madaa'anis karaa Shaa'araayim irra hamma Gaatitti, hamma Eqroonittis kukkufanii in dhuman.

[53] Israa'eloonni warra Filisxeem duukaa bu'anii ari'uu irraa yommuu deebi'an iddoo buufata isaanii immoo in saaman.

[54] Daawit mataa Filisxeemichaa gara Yerusaalemitti in geesse, mi'a lolaa isaa garuu dunkaana isaa keessa in kaa'ate.

[55] Daawit Filisxeemicha loluuf akka adeeme Saa'ol yommuu arge, Abneer ajajaa humna waraanaatiin,“Yaa Abneer, dargaggeessi kun ilma eenyuu ti?” jedhee in gaafate; Abneeris,“Yaa mootii! Du'a lubbuu keetii ti, ani hin beeku” jedheen.

[56] Mootichis,“Dargaggeessi kun ilma eenyuu akka ta'e mee qoradhu!” jedheen.

[57] Daawit Filisxeemicha ajjeesee akkuma deebi'een, amma illee mataan Filisxeemichaa harka isaa keessa utuu jiruu, Abneer Saa'ol duratti isa in dhi'eesse.

[58] Saa'ol yommus Daawitin,“Dargaggeessa nana! Ati ilma eenyuu ti?” jedheen; Daawit immoo,“Ani ilma garbicha kee Isey Betlihemichaa ti” jedheen.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters