Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:36

[1] Gaafa guyyaa sadaffaa Daawitii fi namoonni isaa gara Siiqlaagitti yeroo deebi'an, Amaaleqoonni kutaa biyya gara mirgaa fi Siiqlaagitti duulanii, Siiqlaagin rukutanii, ibiddaanis gubanii turan.

[2] Dubartoota achi keessa turan hundumaa xixinnayyoota, gurguddootas in booji'an; garuu fudhatanii adeeman malee, isaan keessaa nama tokko iyyuu hin ajjeefne.

[3] Yeroo Daawitii fi namoonni isaa gara mandarichaa dhufan immoo mandarichi ibiddaan gubamee, dubartoonni isaanii, ilmaan isaanii fi intaloonni isaanii booji'amanii turan.

[4] Yommus Daawit, namoonni isaa wajjin turanis hamma qooqni isaanii deebisuu dadhabutti sagalee isaanii ol fudhatanii in boo'an.

[5] Dubartoonni Daawit lamaanuu Ahiino'aam Yizre'elittii fi Abigaayil isheen Naabaal Qarmelosichi irraa du'e in booji'aman.

[6] Namoonni biyyasii sun waa'ee ilmaan isaanii fi intaloota isaaniitiif jireenyi isaanii keessuma ba'ee waan isaanitti hadhaa'eef,“Daawitin dhagaadhaan rukunna” jedhanii waan dubbataniif, Daawit guddisee in dhiphate; garuu maqaa Waaqayyo gooftaa isaatiin jajjabina in argate.

[7] Daawit yommus Abiyaataar lubicha ilma Ahiimelekiin,“Hadaraa dirata fuula duraa sana as anaaf fidi!” jedhe; Abiyaataaris diraticha fuula duraa Daawititti in fide.

[8] Daawit,“Jarreen saamtota kana hordofee qaqqabuu?” jedhee Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyos deebisee,“Dhuguma qaqqabdee gad in dhiisiftaatii isaan hordofi!” jedheen.

[9] Achumaan Daawitii fi namoonni dhibbi ja'an isaa wajjin turan gara laga Besoor in dhufan; isaan keessaa kaan achuma in turan.

[10] Namoonni dhibbi lama baay'ee waan dadhabaniif, laga Besoor ce'uu hin dandeenye; kanaaf achumatti in hafan; Daawitii fi namoonni isaa dhibbi arfan garuu ittuma fufanii jara in hordofan.

[11] Bakkee keessatti nama Gibxii tokko argatanii gara Daawititti isa fidanii, buddeena nyaachisanii bishaanis in obaasan.

[12] Akkasumas bixxillee harbuu cabaa tokkoo fi bixxillee ija waynii lama in kennaniif; inni guyyaa sadii fi halkan sadii buddeena hin nyaanne, bishaanis hin dhugne waan ta'eef, yeroo nyaatetti lubbuun isatti in deebite.

[13] Kana booddee Daawit,“Ati kan eenyuu ti” Eessaas dhufte?” jedhee isa in gaafate; inni yommus deebisee,“Ani nama Gibxii, hojjetaa Amaaleqicha tokkoo ti; ani dhukkubsannaan gooftaan koo guyyaa sadii fuula dura gad na dhiise.

[14] Kutaa biyya Kereetotaa gara mirgaa isa kan Yihudaa, akkasumas kutaa biyya Kaaleb gara mirgaa dhaqnee rukunnee, Siiqlaagin ibiddaan gubneerra” jedhe.

[15] Daawit immoo,“Gara saamtota kanaatti na geessuu in dandeessaa?” jedhee isa gaafannaan, innis,“Akka ana hin ajjeefne yookiis dabarsitee harka goftaa kootiitti akka ana hin kennine maqaa Waaqayyootiin yoo anaaf kakatte gara isaaniitti sin geessa” jedhe.

[16] Yeroo inni gara jaraatti isa geessu, jarri guutummaa bakkee tokko irra faca'anii, nyaachaa, dhugaa, boojuu baay'ee biyya Filisxeemotaatii, biyya Yihudaattiis booji'an hundumaatti gammadaa turan.

[17] Daawit dimimmisa galgala sanaatii jalqabee hamma borumtaa galgalaatti isaan in rukute; namoota dhibba arfan gaala yaabbatanii jalaa baqatan malee, dhiirri tokko illee duraa hin baane.

[18] Daawit wanta Amaaleqoonni fudhatan hundumaa irraa buufatee dubartoota isaa lamaanis in deebifate.

[19] Xinnaan, guddaan, ilmaan, intaloonni, wanta saamicha keessa mata mataatti fudhatan hundumaa keessaas tokko illee utuu hin hir'atin harkaa buusee deebisee in fide.

[20] Daawit saawwanii fi bushaayee guutummaatti in fudhate; namoonni isaa immoo isaan kana horii qe'ee warra kaan dura buusanii,“Kun boojuu Daawit” jechaa in oofu turan.

[21] Yommus Daawit deebi'ee gara namoota dhibba lamaanii warra baay'ee dadhabanii laga Besooritti isa biraa hafanii in dhaqe; isaanis Daawitii fi namoota isaa wajjin turan sana simachuudhaaf in ba'an; Daawitii fi namoonni isaa wajjin jiran gara jaraatti yommuu dhi'aatan nagaa isaan in gaafatan.

[22] Namoota Daawitii wajjin adeemanii turan keessaa namoonni hamoonnii fi waa'ee hin baafne tokko,“Isaan nuyii wajjin waan hin dhaqiniif, tokkon tokkon isaanii dubartoota isaanii fi ijoollee isaanii fudhatanii adeemuu irraa kan hafe, boojuu isa nuyi deebifanne keessaa tokko illee hin hirruuf” jedhan.

[23] Daawit garuu deebisee,“Lakkisaa, yaa obboloota ko! Wanta Waaqayyo nuuf kenne kanaan akkas hin hojjetinaa! Inni nu eegee, saamtota nutti ka'anis dabarsee harka keenya keessa buuseera.

[24] Amma immoo isa isin jettan kana eenyutu isiniif dhaga'a” Qoodni warra lola dhaqanii fi warra mi'a biratti hafanii wal qixxee dha; qixxeedhuma hirmattus” jedhe.

[25] Gaafasii jalqabee hamma har'aatti Daawit dubbii kana Israa'elootaaf seerrataa fi abboommii godhee in dhaabe.

[26] Daawit deebi'ee gara Siiqlaag yommuu dhufe, wanta saaman irraa jaarsolii Yihudaa warra firoota isaa turaniif kennaa ergee,“Kunoo, kennaan kun wanta diinota Waaqayyo irraa saamamee isiniif ergamee dha” jedhe.

[27] Inni warra Bet'eliif, warra Raamoot gara mirgaa fi warra Yaatiiriif,

[28] warra Araadiif, warra Siifmotiif, warra Eshtemo'aaf,

[29] warra Raakaaliif, warra mandaroota Yiraahimii'elootaa keessa jiraataniif, warra mandaroota Qenootaa keessa jiraataniif,

[30] warra Hormaaf, warra Bor-Ashaaniif, warra Ataakiif,

[31] warra Kebrooniif akkasumas warra iddoo inni namoota isaa wajjin keessa deddeebi'aa ture hundumaaf in erge.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters