Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:59

[1] Baras Nahaash mootiin Amoonotaa mandara Yaabesh-Giil'aaditti duulee, itti in marse; namoonni Yaabesh hundinuus Nahaashiin,“Nuyi siif in hojjennaatii ati kakuu nuuf gali!” jedhan.

[2] Innis deebise,“Hunduma keessan keessaa ija mirgaa baasuudhaanan kakuu isiniif gala; kanaanis Israa'eloota hundumaa irratti salphina nan fida” jedhe.

[3] Jaarsoliin mandara Yaabesh immoo,“Guutummaa biyya Israa'elitti namoota erginaatii guyyaa torba nuuf kenni! Gidduu kanatti nu oolchuudhaaf namni tokko illee hin dhufu yoo ta'e garuu harka keenya sitti in kennina” jedhan.

[4] Warri ergamanis gara Giibe'aa mandara Saa'ol dhufanii, dubbicha namoota mandara sanaatti yommuu himan, namoonni mandarichaa sagalee isaanii ol fudhatanii in boo'an.

[5] Utuu isaan boo'aa jiranii, Saa'ol bakkeedhaa saawwan booddeedhaan dhufee,“Jarri kun maal ta'anii boo'u?” jedhee in gaafate; isaan immoo wanta namoonni Yaabesh dubbatan isatti in himan.

[6] Yeroo inni dubbicha dhaga'etti hafuurri Waaqayyoo humnaan in dhufeef; inni immoo aaree in finiine.

[7] Kana irratti sangoota cimdii tokko fuudhee qalee, foon isaanii kukkutee, namootatti kekkennee guutummaa biyya Israa'elitti in erge; jarri ergamanis,“Sangoonni warra Saa'olii fi Saamu'el duukaa lolaaf hin baanee akkas in kukkutamu” jedhanii akka himan in godhe; kanaafis Israa'eloonni Waaqayyoon sodaatanii akka nama tokkotti walii wajjin in ba'an.

[8] Saa'ol yommus Bezeqitti walitti isaan qabee lakkoofnaan gosoota Israa'el warra gara bitaa keessaa namoota kumaatama dhibba sadii, warra Yihudaa keessaa immoo namoota kuma soddoma in ta'an.

[9] Inni namoota ergamanii dhufaniin,“Dhaqaatii, warra mandara Yaabesh Giil'aadiin,“Bor yeroo aduun ho'utti gargaarsa in argattu” jedhaa!” jedhe; isaanis dhaqanii itti himnaan warri Yaabesh in gammadan.

[10] Achumaanis namoonni Yaabesh kun Nahaashiin,“Nuyi bor harka keenya isinitti in kennina; isin waanuma ija keessanitti tole nu irratti raawwadhaa!” jedhan.

[11] Borumtaas Saa'ol namoota isaa kutata sadiitti in hire; isaan yeroo darabee dammaqa bariitti iddoo buufata Amoonotaatti lixanii hamma aduun ho'utti loltoota isaanii in rukutan; warri hafan immoo kara karaa waan tatamsa'aniif isaan keessaa namni lama illee wal biratti hin argamne.

[12] Namoonni Israa'el kana irratti Saamu'eliin,“Warri,“Saa'ol nu irratti hin mo'in!” jedhan eenyufa'i” Namoota sana as nutti kenni! Nuyi iyyuu isaan in ajjeefna” jedhan.

[13] Saa'ol garuu,“Har'a Waaqayyo Israa'eloota waan oolcheef, guyyaa kanatti namni tokko illee hin ajjeefamu!” jedhe.

[14] Achumaan Saamu'el jaraan,“Kottaa gara Giilgal dhaqnee, achitti mootii ta'uu isaa kana in cimsinaa!” jedhe.

[15] Jarris hundinuu gara Giilgal dhaqanii Saa'ol fuula Waaqayyoo duratti moosifamuun isaa achitti akka haareffamu in godhan; achumattis fuula Waaqayyoo duratti qalma araaraa in dhi'eessan; Saa'olii fi sabni Israa'el hundinuu kanatti baay'ee in gammadan.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters