Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:40

[1] Saa'ol kana irratti,“Daawitin ajjeesaa!” jedhee, ilma isaa Yonaataanitti, hojjetoota isaa hundumaattis in hime; Yonaataan garuu Daawitin baay'isee waan jaallatuuf,

[2] “Saa'ol abbaan koo si ajjeesuu in barbaadaatii, bor ganama hadaraa of eeggadhu! Da'oo tokko keessa dhokadhuu, achuma turi!

[3] Ani gad nan ba'a, bakkee lafa ati jirtutti abbaa koo bukkee dhaabadhee waa'ee kee isatti dubbadhee wanta ta'u ilaalee sitti nan hima” jedhee Daawititti in dubbate.

[4] Yonaataan kana booddee Saa'ol abbaa isaatiin,“Yaa mootii! Daawit garbichi kee wanta baay'ee gaarii ta'e siif hojjete malee, si hin yakkine, kanaaf atis isa hin yakkin!” jedhee, waa'ee Daawitiif gaarii in dubbate.

[5] Itti fufees,“Inni fittee irra of buusee Filisxeemicha in ajjeese; akkasitti Waaqayyo guutummaa Israa'eliif fayyina guddaa in hojjeteef; atis kana argitee gammaddeetta; egaa maaliif sababiidhuma tokko malee, Daawitin ajjeeftee dhiiga qullaa'aa irratti dabaa hojjetta ree?” jedhe.

[6] Saa'ol dubbii Yonaataan dhaggeeffatee,“Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti hin ajjeefamu!” jedhee in kakate.

[7] Kana booddee Yonaataan Daawitin waamee, dubbii kana hundumaa isatti himee, gara Saa'olitti isa in geesse; ergasii Daawit akkuma isaa durii mooticha duratti in argame.

[8] Ammas lolli in ka'e; Daawitis ba'ee Filisxeemota lolee isaan keessaa baay'ee fixee badiisa guddaa isaan irraan in ga'e; warri hafanis isa duraa in baqatan.

[9] Gaaf tokko hafuurri hamaan Waaqayyo biraa gara Saa'olitti in ergame; inni yeroo sanatti eeboo qabatee mana isaa keessa in taa'a, Daawit immoo kiraara in rukuta ture.

[10] Saa'ol eeboo isaatiin Daawitin keenyanitti fayyisuu barbaadee itti in darbate; Daawit garuu isa jalaa in miliqe; kana irratti Daawit halkanuma gaafasii baqatee in ba'e.

[11] Yommus Saa'ol namoota Daawitin eegaa bulanii ganama isa ajjeesan gara mana isaatti in erge; Mikaal haati manaa Daawit garuu,“Edana yoo of oolchuu dhabaatte bor in ajjeefamta” ittiin jettee,

[12] karaa qaawwaa isa in baafte; innis baqatee jalaa in ba'e.

[13] Ergasii Mikaal bifa fakkeenya waaqayyolii mana keessaa fuutee siree irra ciibsitee, wanta rifeensa reettii irraa dha'ames mataa duraan keessee uffata irra in diriirsite.

[14] Daawitin qabsiisuudhaaf Saa'ol yeroo namoota itti ergetti, Mikaal immoo,“Isa'oo in dhukkuba” jetteen.

[15] Saa'ol ammoo namoota deebisee ergee,“Dhaqaa Daawitin ilaalaatii, akkan isa ajjeesuuf sireedhumaan gara koo fidaa!” jedhe.

[16] Yeroo namoonni ergaman sun dhaqanii ol lixan, kunoo, bifni fakkeenya waaqayyolii mana keessaa siree irra ture, wanti rifeensa reettii irraa dha'ames mataa duraan ture.

[17] Saa'ol kana irratti Mikaaliin,“Maaliif na gowwoomsitee diinni koo akka ba'u goote?” jedhe; Mikaal garuu deebiftee,“Isatu,“Yoo ati ana baasuu dhabaatte sin ajjeesa” naan jedhe” jetteen.

[18] Daawit baqatee ba'ee Raamaatti Saamu'el bira dhufee, wanta Saa'ol isa hojjete hundumaa isatti in hime; achumaanis Saamu'elii wajjin achii adeemanii Naayotin dhaqanii achi in taa'an.

[19] Daawit biyya Raamaa keessaa iddoo “Naayot” jedhamu akka jiru Saa'ol in dhaga'e.

[20] Yommus Daawitin qabanii gara isaa akka fidaniif, Saa'ol namoota in erge; warri ergamanis raajonni wal ga'anii, Saamu'elis utuu isaan geggeessuu yommuu argan, hafuurri Waaqayyoo isaaniif dhufe; isaanis raajii in dubbatan.

[21] Dubbiin kun Saa'olitti yeroo himametti namoota kan biraa immoo in erge; isaanis raajii in dubbatan; si'a sadaffaas namoota in erge; isaanis immoo raajii in dubbatan.

[22] Hundumaa booddees ofii isaatii gara biyya Raamaa bishaan boollaa isa guddicha Seekuu keessa jiru bira dhufee,“Saamu'elii fi Daawit eessa jiru?” jedhee in gaafate; namni tokko deebiseefii,“Kunoo, isaan Raamaa keessaa Naayotin jiru” jedheen.

[23] Saa'ol yommus Raamaa keessaa gara Naayot in dhaqe; garuu isumaaf iyyuu hafuurri Waaqayyoo dhufnaan, Raamaa keessaa Naayot hamma ga'utti raajii dubbachaa in adeeme.

[24] Uffata isaa of irraa baasee qullaa isaa Saamu'el duratti guyyaa sanaa fi halkan sana guutuu akka nama maraatetti raajii in dubbate; kana irratti namoonni,“Saa'olis immoo raajota keessaa tokkoo ree?” jedhan.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters