Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:16

[1] Kana booddee Filisxeemonni namoota Qeyilaa lolanii, oobdii keessaa midhaan saamuu isaanii Daawit dhaga'ee,

[2] “Dhaqee Filisxeemota kana rukutuu?” jedhee, Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo immoo deebisee Daawitiin,“Dhaqii Filisxeemota rukutii, Qeyilaa isaan harkaa baasi!” jedhe.

[3] Namoonni Daawit garuu,“Kunoo, nuyi asuma Yihudaa keessatti iyyuu in sodaanna erga ta'ee, attamitti immoo loltoota Filisxeemotaa rukutuudhaaf gara Qeyilaa dhaquu dandeenya ree?” jedhan.

[4] Kana irratti Daawit ammas Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo immoo,“Ani Filisxeemota harka kee keessa nan buusaatii ka'iitii gara mandara Qeyilaatti gad bu'i!” jedheen.

[5] Daawitii fi namoonni isaa gara Qeyilaa dhaqanii warra Filisxeemotaa lolanii, isaan keessaa namoota baay'ee fixanii, horii isaanii booji'anii in adeeman; namoota Qeyilaas harka isaanii jalaa in baasan.

[6] Abiyaataar ilmi Ahiimelek yeroo Qeyilaatti gara Daawititti baqate, dirata fuula duraa fudhatee dhaqee ture.

[7] Daawit gara Qeyilaa dhufuu isaa Saa'ol yommuu dhaga'e,“Daawit mandara karri isaa cufaa qabutti galuu isaatiin ofii isaa hidhaatti waan galcheef, Waaqayyo harka koo keessa isa buusuu isaa ti” jedhe.

[8] Saa'ol Qeyilaatti gad bu'ee Daawitii fi namoota isaa marsee qabachuuf loltoota hundumaa walitti in qabate.

[9] Saa'ol isa irratti wanta hamaa fiduudhaaf korachaa akka jiru Daawit yeroo beekkate, Abiyaataar lubichaan,“Dirata fuula duraa sana as fidi!” jedhe.

[10] Itti fufees,“Yaa Waaqayyo goofticha Israa'el! Saa'ol gara Qeyilaa dhufee sababii kootiif mandaricha balleessuu akka barbaadu dhugumaan ani garbichi kee dhaga'eera.

[11] Ani garbichi kee akkuman dhaga'e Saa'ol in dhufaa” Gurguddoonni Qeyilaas dabarsanii isatti ana in kennuu” Yaa Waaqayyo goofticha Israa'el, hadaraa ana garbicha keetti himi!” jedhe.

[12] Daawit ammas deebi'ee,“Gurguddoonni Qeyilaa anaa fi namoota koo Saa'olitti dabarsanii in kennuu?” jedhee in gaafate; Waaqayyo immoo,“Eyyee, dabarsanii isin in kennu” jedheen.

[13] Yommus Daawitii fi namoonni isaa lakkoobsatti gara dhibba ja'aa kan ta'an ka'anii Qeyilaadhaa ba'anii lafuma dhaquu danda'an hundumaa in dhaqan; Daawit Qeyilaadhaa akka sokke yeroo dhaga'etti Saa'ol achi dhaquu in dhiise.

[14] Daawit masaraa lafa onaa keessa, biyya gaaraa lafa onaa Ziif keessa in taa'e; Saa'ol guyyaa hundumaa Daawitin in barbaada ture, Waaqayyo garuu dabarsee harka isaatti isa hin kennine.

[15] Daawit caakkaa lafa onaa Ziif keessa utuu jiruu, Saa'ol isa ajjeesuudhaaf akka dhufe in arge.

[16] Yonaataan ilmi Saa'ol caakkicha keessatti Daawit bira dhaqee, maqaa Waaqayyootiin isa jajjabeesse,

[17] “Saa'ol abbaan koo harka isaa si irratti ol hin fudhatu, ati Israa'el irratti in moota, ani immoo itti aanaa kee nan ta'a; abbaan koo iyyuu kun akka ta'u beekaatii, hin sodaatin!” jedhe.

[18] Yommus lachuun isaanii Waaqayyo duratti kakuu waliif in galan; ergasii Yonaataan gara mana isaatti deebi'e, Daawit garuu caakkichuma keessatti in hafe.

[19] Namoonni Ziif yommus Giibe'aatti Saa'ol bira dhaqanii,“Daawit, masaraawwan keessa, caakkaa keessa, tulluu Haqiilaa isa lafa onaa irraa gara harka mirgaatti argamu irra nu bira dhokatee jira mitii ree”

[20] Yaa mootii yeroo feetetti kottu! Nuyis isa dabarsinee sitti in kennina” jedhan.

[21] Saa'ol immoo deebisee,“Waan anaaf dhimmitaniif Waaqayyo isin haa eebbisu!

[22] Ammas,“Inni baay'ee haxxee dha” jedhee, namni waan anatti himeef, hadaraa dhaqaatii yeroo baay'ee eessa akka inni dhaqu, eenyufaan achitti akka isa argan caalchisaatii hubadhaa!

[23] Iddoo dhokannaa inni keessa dhokatu hundumaas hubadhaa ilaalaatii deebi'aa gara koo kottaa, anis isinii wajjin nan dhaqa; inni biyyicha keessa yoo jiraate, guutummaa qomoowwan Yihudaa keessa isa nan barbaada” jedhe.

[24] Yommus jarri sun ka'anii Saa'ol dura gara Ziif in dhaqan; Daawitii fi namoonni isaa garuu Maa'on lafa onaa keessa Arabaayi lafa gogaa irraa gara mirgaatiin turan.

[25] Saa'olii fi namoonni isaa Daawitiin barbaaduudhaaf in ba'an; Daawitis waa'ee isaa yommuu dhaga'e gara holqa dhagaa isa Maa'on lafa onaa keessa jirutti gad in bu'e; Saa'ol immoo kana dhaga'ee Maa'on lafa onaa keessa Daawitin in hordofe.

[26] Saa'ol cinaacha tullichaa gar tokkoon, Daawitiif namoonni isaa immoo Saa'ol jalaa ba'uudhaaf, Saa'olii fi namoonni isaa immoo Daawitii fi namoota isaa qabachuudhaaf itti dhi'aachaa utuu jiranii,

[27] namni tokko ergamee gara Saa'ol dhufee,“Duulli Filisxeemotaa biyya irra waan yaa'eef, ariifadhuu kottu!” jedhe.

[28] Yommus Saa'ol Daawitiin hordofuu dhiisee, Filisxeemota rukutuudhaaf in deebi'e; kanaaf iddoon kun,“Dhagaa itti gargar deebi'an” jedhamee in moggaafame.

[29] Daawit iddoo kanaa ol ba'ee, masaraa “En-Gedii” jedhamu keessa in jiraate.

Macaafa Saamu'el Isa Duraa — Chapters