[1] Daawit gara mandara Nob gara Ahiimelek lubichaa in dhaqe; lubichis hollachaa gad itti ba'ee,“Namni tokko illee si duukaa hin jiru, ati maaliif kophaa adeemta?” jedheen.
[2] Daawit deebisee Ahiimelek lubichaan,“Mootichi,“Waa'ee dhimma ani itti si ergeef, waanan si abboome kanaa nama tokkotti illee hin himin!” jedhee na abboomeera; namoota kootii wajjin immoo iddoo itti wal arginu isaanitti himeera.
[3] Haa ta'u iyyuu malee, amma ati of biraa maal qabda” Buddeena shan yookiis waanuma argame anaaf kenni!” jedhe.
[4] Lubichi deebisee Daawitiin,“Buddeena isa addaan baafame malee, buddeena abbaan halle nyaatu of biraa hin qabu; isaaf immoo namoonni kee dubartoota bira ga'uu irraa of eeganiiruu ree?” jedhee in gaafate.
[5] Daawit immoo deebisee,“Akkuma yeroo kaan godhamu iyyuu ergan ba'ee jalqabee dubartoonni dhugumaan nu irraa eegamaniiru; yeroo waanuma halleef ergamanii ba'an iyyuu namoonni koo dhagna isaanii qullaa'ummaatti in eeggatu erga ta'ee, har'a immoo hammam isa durii irra caalaa qullaa'ummaatti haa eeggatan ree?” jedhe.
[6] Buddeena ilaalchaa isa fuula Waaqayyoo duraa fuudhame sana malee, buddeenni kan biraa waan hin jirreef, buddeenni ho'aan gaafasuma akka iddoo buufamuuf, lubichi isuma addaan baafame sana fuudhee in kenneef.
[7] Gaafas hojjetoota Saa'ol keessaa Do'eeg Edoomtichi inni fuula Waaqayyoo duraa akka hin adeemneef ittifame tokko achi ture; namichi kun ajajaa namoota horii Saa'ol tiksanii ti.
[8] Itti fufees Daawit,“Dhimmi mootichaa ariifachiisaa waan tureef, ani billaa koo yookiis mi'a lolaa koo hin fudhanne; billaa yookiis eeboo of biraa hin qabduu?” jedhee, Ahiimelekin in gaafate.
[9] Lubichi deebisee,“Kunoo, billaan Golyaad Filisxeemichaa, isa ati dachaa Elaa keessatti ajjeeftee uffataan maramee dirata fuula duraa sana duuba jira; isa malee kan biraa waan as hin jirreef, isa fudhachuu yoo barbaadde fudhadhu!” jedhe. Daawit immoo,“Kan akka isaatii hin jiru isa anaaf kenni!” jedheen.
[10] Daawit gaafasuma ka'ee Saa'ol duraa baqatee, gara Akiish mootii Gaat in dhaqe.
[11] Hojjetoonni Akiishis, “Daawit mootiin biyyichaa inni warri sirbituun, “Saa'ol kumaatama ajjeefate, Daawit garuu kuma kumaatamaa ajeefate!” jedhanii sirbaniif isa kana mitii ree?” jedhan.
[12] Daawitis dubbii kana garaa isaatti qabatee, Akiishin mootii Gaat baay'isee in sodaate.
[13] Kanaaf jara duratti akka nama qalbiin isaa butame godhatee, isaan gidduu utuu jiruu, cufaa karraa irratti barreessee, gorora isaa immoo areedaa isaa irra yaasuu isaatiin maraatuu of in fakkeesse.
[14] Akiish hojjetoota isaatiin,“Namni kun maraatuu ta'uu isaa hin arginee, maaliif gara kootti isa fiddan”
[15] Ani maraatota dhabnaan, akka inni na bira dhaabatee maraatummaa argisiisuuf gara kootti fiddanii?” jedhe.