Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:07

[1] Ilmaan Benyaamiin kanatti aananii kan jiranii dha; inni angafni Bel'aa, inni lammaffaan Ashbel, inni sadaffaan Ahiiraa,

[2] inni afuraffaan Nohaa, inni shanaffaan immoo Raafaa dha.

[3] Ilmaan Bel'aa immoo, Adaar, Geraa, Abiihud,

[4] Abiishuwaa, Na'amaan, Aho'aa,

[5] Geraa, Shefufaanii fi Huraam.

[6] Ilmaan Ehud warri namoota Gebaa keessa jiraatanii fi mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota ta'an, warri achii kaafamanii gara Manahaatitti geeffaman kanatti aananii jiru.

[7] Isaanis Na'amaan, Ahiiyaa fi Geraa dha; Geraa kanatu achii isaan kaase; inni abbaa Uzaa fi Ahiihud.

[8] Shaharaayaam dubartoota isaa Hushiimii fi Ba'araa erga baasee booddee biyya Mo'aabitti ilmaan in godhate.

[9] Haadha manaa isaa Hodeesh irraa, Yobaab, Ziibiiyaa, Meshaa, Maalkaam,

[10] Ye'uz, Saakiyaa fi Miirmaa in godhate; isaan kun hundinuu dura-buutota qomoo isaanii turan.

[11] Haadha manaa isaa Hushiim irraa immoo, Abiitubii fi Elphaa'alin in dhalche.

[12] Ilmaan Elphaa'al, Ebeer, Miishaamii fi Shemed; Shemed kun isa mandaroota Onoo fi Loodin gandeen naannoo isaanii jiranii wajjin ijaaree dha.

[13] Berii'aanii fi Shemaan, namoota mandara Ayalon keessa jiraatanii fi mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota turan; isaan namoota mandara Gaat keessa jiraatan ari'anii in baasan.

[14] Ahiiyon, Shaashaaq, Yeremoot,

[15] Zebaadiyaan, Araad, Ader,

[16] Mikaa'el, Yiisphaanii fi Yohaan immoo ilmaan Berii'aa ti.

[17] Zebaadiyaan, Meshulaam, Hiizeqiin, Heber,

[18] Yiishmeraayi, Yiizlii'aanii fi Yobaab ilmaan Elphaa'al.

[19] Yaaqiim, Ziikriin, Zabdiin,

[20] Elii'enaayi, Ziletaayi, Elii'el,

[21] Adaayaan, Beraayaanii fi Shiimraat ilmaan Shime'ii turan.

[22] Yiishphaan, Ebeer, Elii'el,

[23] Abdoon, Ziikriin, Haanaan,

[24] Hanaaniyaan, Elaam, Antotiiyaan,

[25] Yefdeyaanii fi Phenu'el ilmaan Shaashaaq turan.

[26] Shamsheraayi, Shehariiyaan, Ataaliyaan,

[27] Yaa'areshiiyaan, Eliyaanii fi Ziikriin ilmaan Yerohaam turan.

[28] Isaan kun akka dhaloota isaaniitti mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota angafootaa ta'anii caafamanii Yerusaalem keessa kan jiraatanii dha.

[29] Yei'el mandara Giibe'on ijaaree achuma in jiraate; maqaan haadha manaa isaa Ma'akaa dha.

[30] Ilmaan isaa immoo inni angafni Abdoon, itti aane immoo Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab,

[31] Gedoor, Ahiiyoo, Zaaker,

[32] Miiklot isa Shime'aa dhalche turan; isaan kunis fuullee lammii isaanii Yerusaalem keessa in jiraatan.

[33] Neer, Qiishin dhalche; Qiish, Saa'olin dhalche; Saa'ol, Yonaataanin, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aalin dhalche.

[34] Ilmi Yonaataan, Meriib-Ba'aal; Meriib-Ba'aal Miikaa dhalche.

[35] Ilmaan Miikaa Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz.

[36] Ahaaz, Yeho'adaa dhalche; Yeho'adaan Aalemet, Azmaawetii fi Ziimrii in dhalche; Ziimriin immoo Mozaa in dhalche.

[37] Mozaan, Biine'aa dhalche; Biine'aan, Raafaa dhalche; Raafaan, El'aasaa dhalche; El'aasaan, Azeelin dhalche.

[38] Azeel ilmaan ja'a qaba; maqaan isaaniis Azriiqaam, Bokeruu, Ishmaa'el, She'ariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan; isaan kun hundinuu ilmaan Azeel.

[39] Ilmaan Asheeq obboleessa isaatii immoo, Ulaam isa angafa, Ye'ush isa lammaffaa dha, Eliifelex isa sadaffaa dha.

[40] Ilmaan Ulaam loltoota jajjaboo warra iddaa baatan turan; baay'inni ijoollee isaanii fi ijoollee ijoollee isaanii dhibba tokkoo fi shantama ture; isaan kun hundinuu immoo ijoollee Benyaamiin.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa — Chapters