[1] Ilmaan Lewwii, Gershoon, Qehaatii fi Meraarii dha.
[2] Ilmaan Qehaat, Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.
[3] Ijoolleen Amraam, Aaron, Musee fi Miiryaam; ilmaan Aaron, Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar turan.
[4] Ele'azaar, Fiinehaasin dhalche; Fiinehaas, Abiishuwaa dhalche;
[5] Abiishuwaan, Bukin dhalche; Buk Uzin dhalche;
[6] Uz, Zeraayaa dhalche; Zeraayaan, Meraayootin dhalche;
[7] Meraayoot, Amaariyaa dhalche; Amaariyaan, Ahiixubin dhalche;
[8] Ahiixub, Zaadoqin dhalche; Zaadoq, Ahiimaa'azin dhalche;
[9] Ahiimaa'az, Azaariyaa dhalche; Azaariyaan, Yohaannaanin dhalche;
[10] Yohaannaan, Azaariyaa dhalche; Azaariyaan kun isa luba ta'ee mana qulqullummaa isa Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa hojjechaa turee dha.
[11] Azaariyaan, Amaariyaa dhalche; Amaariyaan, Ahiixubin dhalche;
[12] Ahiixub, Zaadoqin dhalche; Zaadoq, Shaalumin dhalche;
[13] Shaalum, Hiilqiiyaa dhalche; Hilqiiyaan, Azaariyaa dhalche;
[14] Azaariyaan, Seraayaa dhalche; Seraayaan, Yehozaadaaqin dhalche;
[15] Yehozaadaaq yeroo Waaqayyo, namoonni Yihudaa fi namoonni Yerusaalem harka Nebukadnezaarin akka booji'aman godhe sana biyyaa baafame.
[16] Ilmaan Lewwii Gershoom, Qehaatii fi Meraarii dha.
[17] Maqaan ilmaan Gershoom kanatti aanee jira; isaanis Liibnii fi Shime'ii dha.
[18] Ilmaan Qehaat Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.
[19] Ilmaan Meraarii Maahilii fi Mushii dha; maatiin Lewwootaa akka mana mana abbaa isaaniitti kanatti aananii kan jiranii dha.
[20] Qomoo Gershoom keessaa Liibnii, Yahat, Ziimaa,
[21] Yo'aa, Iddoo, Zeraa fi Ye'ateraayi turan.
[22] Ilmaan Qehaat Aminaadaab, Qoraahi, Asiir,
[23] Elqaanaa, Ebiyaasaaf, Asiir,
[24] Tahaat, Urii'el, Uziiyaa fi Shaawul turan.
[25] Ilmaan Elqaanaa Amaasaayii fi Ahiimoot.
[26] Ilmaan Ahiimoot Elqaanaa, Sofaayi, Naahaat,
[27] El'aab, Yerohaam, Elqaanaa.
[28] Ilmaan Saamu'el Yo'el isa angafa, Abiiyaan immoo isa isatti aanuu dha.
[29] Ilmaan Meraarii Maahilii, Liibnii, Shime'ii, Uzaa,
[30] Shime'aa, Hagiiyaa fi Asaayaa turan.
[31] Sanduuqi kakuu mana qulqullummaatti erga galee booddee, faarfannaa manicha keessatti faarfatamuuf itti gaafatamoo akka ta'aniif, namoonni Daawit mootichi hojii irra dhaabe kanatti fufanii kan jiranii dha.
[32] Isaan hamma bara Solomoon Yerusaalemitti mana qulqullummaa ijaareetti, akka abboommii isaaniif kennameetti balbala dunkaana wal ga'ii iddoo qulqullaa'aa duratti argamanii faarfachuudhaan isaaf in hojjetu turan.
[33] Namoonni ijoollee isaanii wajjin hojii kana irra turan, akka kanatti aanee jirutti caafamaniiru; qomoo Qehaat keessaa, Hemaan faarfaticha, ilma Yo'el ilma Saamu'el,
[34] ilma Elqaanaa, ilma Yerohaam, ilma Elii'el, ilma To'aa,
[35] ilma Zuuf, ilma Elqaanaa, ilma Mahaat, ilma Amaasaayi,
[36] ilma Elqaanaa, ilma Yo'el, ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa,
[37] ilma Tahaat, ilma Asiir, ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraahi,
[38] ilma Yizhaar, ilma Qehaat, ilma Lewwii, ilma Israa'el.
[39] Asaaf obboleessa Hemaan isa gara mirga isaa ijaajjee hojjetu, Asaaf ilma Berekiiyaa, ilma Shime'aa,
[40] ilma Mikaa'el, ilma Ba'aseyaa, ilma Malkiiyaa,
[41] ilma Etnii, ilma Zeraa, ilma Adaayaa,
[42] ilma Eyitaan, ilma Ziimaa, ilma Shime'ii,
[43] ilma Yaahaat, ilma Gershoom, ilma Lewwii ti.
[44] Obboloonni isaanii ilmaan Meraarii immoo gara bitaatiin dhaabatanii in hojjetu turan; Eyitaan ilma Qiishii, ilma Abdii, ilma Maluuk,
[45] ilma Hashabiiyaa, ilma Amaasiyaa, ilma Hiilqiiyaa,
[46] ilma Amzii, ilma Baanii, ilma Shaamer,
[47] ilma Maahilii, ilma Mushii, ilma Meraarii, ilma Lewwii ti.
[48] Lewwoonni akka isaanii mana Waaqayyoo keessaa hojii iddoo qulqullaa'aa isa kan biraa hundumaa irra dhaabamanii turan.
[49] Aaronii fi sanyiin isaa garuu iddoo aarsaa isa qalmi gubamu irratti dhi'eeffamuu fi isa ixaanni irratti aarfamu irratti aarsaa in dhi'eessu; kana malees, akkuma Museen garbichi Waaqayyoo abboomee turetti, wanta iddoo hundumaa caalaa qulqullaa'aa ta'e keessatti hojjetamu hundumaatti gaafatamuunii fi Israa'eliif araara buusuun hojii isaanii ture.
[50] Sanyiin Aaron warra kanatti aananii dha; Aaron abbaa Ele'azaar; Ele'azaar abbaa Fiinehaas; Fiinehaas abbaa Abiishuwaa ti;
[51] Abiishuwaan abbaa Bukii ti; Buk abbaa Uzii ti; Uz abbaa Zeraayaa ti;
[52] Zeraayaan abbaa Meraayoot; Meraayoot abbaa Amaariyaa ti; Amaariyaan abbaa Ahiixub;
[53] Ahiixub abbaa Zaadoq; Zaadoq abbaa Ahiimaa'az.
[54] Buufanni mukaa inni dura bu'e sanyii Aaron keessaa qomoo Qehaatiif waan baaseef, lafti isaaniif kenname kanatti aanee jira.
[55] Biyya gosa Yihudaa keessaa Kebroonii fi lafa tikaa naannoo isaa jiru hundumaa isaaniif in kennan.
[56] Lafa naannoo mandarattii fi gandeen ishee garuu, Kaaleb ilma Yofuneef in kennan.
[57] Ilmaan Aaroniif immoo mandaroota namoonni kooluu itti galan, Kebroonii fi Liibnaa akkasumas Yaatiir, Eshtemo'aa,
[58] Hiilen, Debiir,
[59] Aashaan, Bet-Shemesh iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in kennaniif.
[60] Biyya gosa Benyaamiin keessaa immoo Gebaa, Alemetii fi Anaatotin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in kennaniif; mandaroonni maatii isaanii hundinuu walumatti kudha sadii turan.
[61] Sanyiin Qehaat warri hafan immoo biyya walakkaa gosa Minaasee keessaa mandaroota kudhan in argatan.
[62] Sanyiin Gershoom akka qomoo qomoo isaaniitti biyya gosa Yisaakor, gosa Asheerii fi gosa Niftaalem keessaa akkasumas biyya walakkaa gosa Minaasee isa Baashaan keessaa mandaroota kudha sadii in argatan.
[63] Sanyiin Meraarii akka qomoo qomoo isaaniitti biyya gosoota Ruuben, Gaadii fi Zebuloon keessaa mandaroota kudha lama in argatan.
[64] Akkasitti Israa'eloonni mandaroota kanaa fi iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiran warra Lewwootaatiif in kennan.
[65] Mandaroota gosa Yihudaa, Shimi'oonii fi Benyaamiin keessaa maqaa dha'aman kana buufata mukaatiin in kennaniif.
[66] Qomoo Qehaat keessaa kaan immoo, biyya gosa Efreem keessaa mandaroota daarii isaanii jiran in argatan.
[67] Isaan biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa Sheekem mandara namni nama ajjeesee kooluu itti galu, lafa tikaa naannoo ishee jiruu wajjin, Gezeriin,
[68] Yaaqmi'aamin, Bet-Horoonin,
[69] Ayalonin, Gaat-Rimoonin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in argatan.
[70] Biyya walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo mandara Aanerii fi mandara Biile'aam iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin qomoo ilmaan Qehaat warra hafaniif in kennan.
[71] Sanyiin Gershoom akka kanatti aanee jirutti argatan; biyya walakkaa gosa Minaasee keessaa, Golaan isa Baashaan keessaa fi Eshtaarotin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in argatan.
[72] Biyya gosa Yisaakor keessaa immoo Qedeesh, Daaberaat,
[73] Raamoot, Aanem iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin,
[74] biyya gosa Asheer keessaa Maashaal, Abdoon,
[75] Huqooqii fi Rehoobin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin,
[76] biyya gosa Niftaalem keessaas Qedeesh isa Galiilaa keessaa, Haamonii fi Kiriiyat-Aayimin iddoowwan tikaa naannoo isaa jiranii wajjin in argatan.
[77] Sanyiin Meraarii warri hafan immoo biyya gosa Zebuloon keessaa Rimoonii fi Taaborin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin,
[78] laga Yordaanos gamaa Yerikoo irraa gara ba'a-biiftuutiin biyya gosa Ruuben keessaa Bezer isa lafa onaa keessaa, Yaahizaa,
[79] Qedemootii fi Mefaatin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in argatan.
[80] Biyya gosa Gaadi keessaas Raamoot isa Giil'aad keessaa, Mahanaayim,
[81] Heshboonii fi Yaazerin iddoowwan tikaa naannoo isaanii jiranii wajjin in argatan.