Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:02

[1] Ilmaan Daawit warri Kebroonitti dhalataniif warra kanatti aananii jiranii dha; inni angafni Amnoon, isa Ahiino'aam Yizre'elittiitu da'eef; inni lammaffaan Daani'el, isa Abigaayil Karmelittiitu da'eef.

[2] Inni sadaffaan Abiishaalom, isa Ma'akaa intala Talmaayi mootii Geshuurtu da'eef; inni afuraffaan Adoniyaa dha, isa Haagiititu da'eef;

[3] inni shanaffaan Shefaaxiyaa dha, isa Abiixaaltu da'eef; inni ja'affaan Yitre'aam, isa Eglaa haadha manaa isaatu da'eef.

[4] Isaan kun ja'an Kebroon iddoo inni keessa taa'ee waggaa torbaa fi ji'a ja'a mo'etti dhalataniif; Yerusaalem keessa taa'ee immoo waggaa soddomii sadii mo'e.

[5] Warri kanatti aananii jiran immoo Yerusaalemitti dhalataniif; isaanis, Shime'aa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon; isaan kana arfan Baat-Sheebaa intala Amii'eltu da'eef.

[6] Kana malees Yibhaar, Eliishuwaa, Eliifaalex,

[7] Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa,

[8] Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliifelex, walumatti sagal.

[9] Isaan kun hundinuu ilmaan Daawit; obboleettiin isaanii“Taamaar” jedhamti; warri saajjatoota irraa dhalataniif immoo isaan kana keessatti hin lakkaa'amne.

[10] Ilmi Solomoon Rehobiyaam; ilmi Rehobiyaam Abiiyaa dha; ilmi Abiiyaa Aasaa dha; ilmi Aasaa Yoshaafaax; ilmi Yoshaafaax

[11] Yoraam; ilmi Yoraam Ahaaziyaa dha; ilmi Ahaaziyaa Yo'aash;

[12] ilmi Yo'aash Amaasiyaa dha; ilmi Amaasiyaa Azaariyaa dha; ilmi Azaariyaa Yotaam;

[13] ilmi Yotaam Ahaaz; ilmi Ahaaz Hisqiyaas; ilmi Hisqiyaas Minaasee;

[14] ilmi Minaasee Amoon; ilmi Amoon Yosiyaas.

[15] Ilmaan Yosiyaas kanatti fufanii kan jiranii dha; inni angafni Yohaannaan; inni lammaffaan Yehoyaaqiim; inni sadaffaan Zedeqiiyaa dha; inni afuraffaan Shaalum.

[16] Yehoyaaqiim ilmaan lama qaba; isaanis Yehoyaakiinii fi Zedeqiiyaa dha.

[17] Ilmaan Yehoyaakiin mooticha isa namoota Baabiloniin booji'amee kanatti aananii jiru; isaanis She'altii'el,

[18] Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaazaar, Yeqaamiyaa, Hoshaamaa, Nedaabiyaa;

[19] ilmaan Phedaayaa immoo Zarubaabelii fi Shime'ii dha; ilmaan Zarubaabel, Meshulaamii fi Hanaaniyaa dha; Shelomiit immoo obboleettii isaanii ti.

[20] Isaan kana malees, ilmaan shan qaba; isaanis Hashubaa, Ohel, Berekiiyaa, Hasadiyaa fi Yushaab-Hesed.

[21] Ilmaan Hanaaniyaa immoo Phelaatiyaa fi Yesaayaa dha; Yesaayaan abbaa Refaayaa ti; Refaayaan abbaa Arnaan; Arnaan abbaa Obaadiyaa ti; Obaadiyaan abbaa Shekaaniyaa ti.

[22] Sanyiin Shekaaniyaa immoo Shemaa'iyaa fi ilmaan isaa Haxuush, Yigaal, Baariihaa, Na'ariiyaa fi Shaafaax; walumatti ja'a turan.

[23] Ilmaan Na'ariiyaa immoo Elyo'enaayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; walumatti sadii.

[24] Ilmaan Elyo'enaayi immoo Hodaayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yohaannaan, Delaayaa fi Anaanii dha; walumatti torba.

Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa — Chapters