[1] Addaam, Sheetin dhalche; Sheet, Enoshin dhalche;
[2] Enosh, Qayinaanin dhalche; Qayinaan, Mahalaleelin dhalche; Mahalaleel, Yaaredin dhalche;
[3] Yaared, Henokin dhalche; Henok, Matusaalaa dhalche; Matusaalaan, Laamekin dhalche;
[4] Laamek, Nohin dhalche; Nohi immoo Seemin, Kaamin, Yaafetin dhalche.
[5] Ilmaan Yaafet,“Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas” jedhamu.
[6] Ilmaan Gomer,“Ashkenaas, Riifaatii fi Togaarmaa” jedhamu.
[7] Ilmaan Yaawaan,“Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Rodaaniim” jedhamu.
[8] Ilmaan Kaam,“Kuush, Misraayim, Fuxii fi Kana'aan” jedhamu.
[9] Ilmaan Kuush,“Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'imaa fi Sabtekaa” jedhamu; ilmaan Ra'imaa,“Sheebaa fi Dedaan” jedhamu.
[10] Kuush, Niimrodin dhalche; Niimrod kun biyya lafaa keessatti loltuu jabaa isa duraa ture.
[11] Misraayim immoo Ludiimin, Anaamiimin, Lehabiimin, Naftuhiimin,
[12] Fatrusiimin, Kasluhiimin isa warri Filiisxiyaa irraa argamanii fi Kaftoriimin dhalche.
[13] Kana'aan, Sidoonin dhalche; inni ilma isaa isa angafa ture; itti aansee Heetin,
[14] Yibusoon, Amooron, Girgaashon,
[15] Hiiwon, Arqon, Siinon,
[16] Arwaadon, Simaaroo fi Kamaaton dhalche.
[17] Ilmaan Seem, Elaam, Ashuur, Arfaaksaad, Lud, Aaram; ilmaan Aaram immoo, Uz, Hul, Geterii fi Meshek.
[18] Arfaaksaad, Shalaa dhalche; Shalaan immoo Ebeerin dhalche.
[19] Ebeeriif ilmaan lama in dhalatan; bara inni tokko dhalate lafti waan hirmatameef maqaan isaa “Feleg” jedhame; [“Feleg” jechuun,“Hiramuu” jechuu dha;] maqaan obboleessa isaa immoo Yoqxaan ture.
[20] Yoqxaan ilmaan in dhalche; isaanis, Almodaad, Sheleef, Hasarmaawet, Yaaraa,
[21] Hadoraam, Uzaal, Diqilaa,
[22] Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa,
[23] Ofiir, Hawiilaa fi Yobaab turan; isaan kun hundinuu ilmaan Yoqxaan turan.
[24] Dhaloonni Seemii hamma Abraamitti lakkaa'aman kanatti fufanii jiru; Seem, Arfaaksaad, Shalaa,
[25] Ebeer, Feleg, Re'uu,
[26] Seruug, Naahor, Taaraa,
[27] Abraam, innis isa booddee“Abrahaam” jedhamee dha.
[28] Ilmaan Abrahaam, Yisihaqii fi Ishmaa'el turan.
[29] Hiddi dhaloota isaanii kanatti fufee kan jiruu dha; ilmi Ishmaa'el inni angafni Nabaayot, warri booddee immoo Qedaar, Adbii'el, Miibsaam,
[30] Miishmaa, Dumaa, Maasaa, Hadaad, Temaa,
[31] Yetuur, Nafiishii fi Qedimaa turan; isaan kun ilmaan Ishmaa'el.
[32] Ilmaan Abrahaam warri Qexuuraa saajjatoo isaa irraa dhalataniif immoo Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishbaakii fi Shuwaa turan; ilmaan Yokshaan, Sheebaa fi Dedaan.
[33] Ilmaan Miidiyaan, Efaa, Efer, Henok, Abiidaa fi Elda'aa turan; isaan kun ijoollee warra Qexuuraan hortee dha.
[34] Abrahaam, Yisihaqin dhalche; ilmaan Yisihaq, Esaawuu fi Yaaqoob; Yaaqoob kun isa booddee“Israa'el” jedhamee ture.
[35] Ilmaan Esaawuu immoo Eliifaaz, Reu'el, Ye'ush, Yaa'alamii fi Qoraahi turan.
[36] Ilmaan Eliifaaz, Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataam, Qenaz, Tiimnaa fi Amaaleq turan.
[37] Ilmaan Reu'el, Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miizaa turan.
[38] Ilmaan Se'iir, Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, Diishon, Ezerii fi Diishaan turan.
[39] Ilmaan Loxaan, Hoorii fi Hemaam turan; obboleettiin Loxaan immoo Tiimnaa turte.
[40] Ilmaan Shobaal, Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam; ilmaan Zibe'on, Ayyaa fi Aannaa;
[41] ilmi Aannaa, Diishon; ilmaan Diishon immoo Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan turan.
[42] Ilmaan Ezer, Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan turan; ilmaan Diishaan, Uzii fi Aaraan.
[43] Namni mootii ta'ee warra Israa'el irratti mo'u utuu hin argamin, mootonni biyya Edoom irratti mo'an kanatti fufanii in lakkaa'amu; Bel'aa ilma Be'or isa maqaan mandara isaatii Diinhaabaa ture.
[44] Yeroo Bel'aan du'e, Yobaab ilma Zeraa nama biyya Bozraatu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.
[45] Yeroo Yobaab du'e, Hushaam nama biyya Temaantu iddoo isaa bu'e.
[46] Yeroo Hushaam du'e, Hadaad ilma Bedad isa biyya Mo'aabitti warra Miidiyaan harka jala galfatetu iddoo isaa bu'e; maqaan mandara isaa immoo “Awiit” jedhama.
[47] Yeroo Hadaad du'e, Saamlaa nama biyya Masreqaatu iddoo isaa bu'e.
[48] Yeroo Saamlaan du'e, Shaawul nama biyya Rehobot isa laga Efraaxiis biraatu iddoo isaa bu'e.
[49] Yeroo Shaawul du'e, Ba'aal-Hanaan ilma Akbortu iddoo isaa bu'e.
[50] Yeroo Ba'aal-Hanaan du'e, Hadaadtu iddoo isaa bu'e; maqaan mandara isaatii Phaayi, maqaan haadha manaa isaatiis Mahexaabi'el, isheen intala Maxired akkoo Mezahab turte.
[51] Hadaadis in du'e; warri Edoomitti abboota gosaa ta'an warra kanatti aananii jiranii dha; isaanis Tiimnaa, Alwaa, Yetet,
[52] Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon,
[53] Qenaz, Temaan, Miibzaar,
[54] Magdii'elii fi Iraam; isaan kun abboota gosa Edoom turan.