[1] Sanyiin Aaron akka kanatti fufee jirutti hirmamaniiru; Aaron ilmaan afur qaba ture; isaanis, Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar.
[2] Naadaabii fi Abiihuun garuu utuu ijoollee hin godhatin abbaa isaanii dura in du'an; Ele'azaarii fi Itaamaar immoo luboota ta'anii in hojjetan.
[3] Daawit yommus sanyii Aaron akka akka hojii isaaniitti gargar in hire; kana gochuudhaaf immoo qomoo Ele'azaar keessaa Zaadoq, qomoo Itaamaar keessaa immoo Ahiimelektu isa gargaare.
[4] Dhiironni mana mana abbaa isaaniitti dura-buutuu ta'anii waamaman, qomoo Itaamaar caalaa qomoo Ele'azaar keessaa kutata kudha ja'a, qomoo Itaamaar keessaa immoo kutata saddeettu qixaa'e.
[5] Qomoo lachuu isaanii keessa gurguddoonni mana qulqullummaa keessaa hojjetanii fi, geggeessitoonni hojii hafuuraa waan jiraniif, hunduma isaanii buufata mukaatiin waluma qixxeetti hojii isaanii irra in dhaaban.
[6] Lafa mootichii fi gurguddoonni biyyaa, Zaadoq lubichii fi Ahiimelek ilmi Abiyaataar, dura-buutonni Lewwootaa fi lubootaa jiranitti, warri qomoo Ele'azaarii fi qomoo Itaamaar keessaa mana mana abbaa isaaniitti dura-buutuu ta'anii waamaman, darabee darabeedhaan buufata mukaa in fudhatan; Shemaa'iyaan ilmi Netaani'el inni caafaan warra Lewwootaa immoo isa kana tarree galchee in caafe.
[7] Buufanni mukaa inni duraa Yehoyaariibiif, inni lammaffaan Yedaa'iyaaf,
[8] inni sadaffaan Haariimiif, inni afuraffaan Se'oriimiif,
[9] inni shanaffaan Malkiiyaaf, inni ja'affaan Miiyaamiiniif,
[10] inni torbaffaan Haqoziif, inni saddeettaffaan Abiiyaaf,
[11] inni salgaffaan Yeshu'aaf, inni kurnafaan Shekaaniyaaf,
[12] inni kudha tokkoffaan Eliyaashiibiif, inni kudha lammaffaan Yaaqiimiif,
[13] inni kudha sadaffaan Huphaadhaaf, inni kudha afuraffaan Yeshebi'aabiif,
[14] inni kudha shanaffaan Bilgaaf, inni kudha ja'affaan Iimeriif,
[15] inni kudha torbaffaan Heziiriif, inni kudha saddeettaffaan Haphiizeziif,
[16] inni kudha salgaffaan Phetaayaaf, inni digdammaffaan Yihesqeliif,
[17] inni digdamii tokkoffaan Yaakiiniif, inni digdamii lammaffaan Gaamuliif,
[18] inni digdamii sadaffaan Delaayaaf, inni digdamii afuraffaan Ma'aaziyaaf in ba'e.
[19] Jarreen kun akkuma Aaron abaabiliin isaanii abboommii Waaqayyo gooftaa Israa'eliin hojichaaf seera baasee turetti, mana qulqullummaa keessaa hojjechuudhaaf akka akka tarree hojii isaaniitti caafamaniiru.
[20] Sanyiin Lewwii warri kaan immoo kanatti fufanii kan jiranii dha; ilmaan Amraam keessaa Shubaa'el, ilmaan Shubaa'el keessaa immoo Yehidiiyaa;
[21] ilmaan Rehaabiyaa keessaa immoo Yishiiyaan angafa.
[22] Yizhaarota keessaa Shelomoot, ilmaan Shelomoot keessaa immoo Yaahaat.
[23] Kebroon ilmaan afur qaba ture; isaanis, Yeriiyaan isa duraa ti, Amaariyaan isa lammaffaa ti, Yaahazii'el isa sadaffaa ti, Yeqaamii'aam isa afuraffaa ti.
[24] Ilmi Uzii'el Miikaa dha, ilmaan Miikaa keessaa immoo Shaamiir;
[25] Yishiiyaan obboleessa Miikaa ti; ilmaan Yishiiyaa keessaa immoo Zakaariyaas.
[26] Meraariin ilmaan lama qaba ture; isaanis, Maahilii fi Mushii dha; Benoon ilma Ya'aziiyaa ti.
[27] Qomoo Meraarii keessaa ilmaan Ya'aziiyaa Shohaam, Zaakurii fi Ibrii dha.
[28] Maahiliin ilma “Ele'azaar” jedhamu tokko qaba ture; Ele'azaar kun immoo dhala hin godhanne.
[29] Qomoo Qiish keessaa immoo Yeraami'el ilma Qiish.
[30] Mushiin ilmaan sadii qaba ture; isaanis, Maahilii, Ederii fi Yeriimoot; isaan kun ilmaan Lewwootaa warra akka balbala balbala abboota isaaniitti dura-buutota ta'anii dha.
[31] Isaanis akkuma obboloota isaanii sanyii Aaron lafa Daawit mootichi, Zaadoqii fi Ahiimelek dura-buutonni lubootaa fi Lewwootaa jiranitti, dura-buutonni tokkon tokkon maatii isa angafaa hamma isa quxisuutti waluma qixxeetti hojii hojii isaaniitiif buufata mukaa in fudhatan.