[1] Ilmaan Yisaakor arfan, Tolaa, Phuwaa, Yaashubii fi Shimroon.
[2] Tolaan ilmaan ja'a qaba; isaanis, Uzii, Refaayaa, Yerii'el, Yaahimaayi, Yibsaamii fi Shemu'el; isaan kun mana mana abboota isaaniitti dura-buutota, dhaloota bara isaanii keessattis loltoota jajjaboo turan; bara mootummaa Daawit keessa loltoonni isaanii warri jajjaboonni kuma digdamii lamaa fi dhibba ja'a turan.
[3] Ilmi Uzii, Yizraahiyaa; ilmaan Yizraahiyaa, Mikaa'el, Obaadiyaa, Yo'elii fi Yishiiyaa; isaan kun shanan dura-buutota turan.
[4] Isaan dubartootaa fi ilmaan baay'ee qabu waan turaniif, akka caaffata hidda dhaloota qomoo isaaniitti loltoota lolaaf qophaa'an kuma soddomii ja'a qabu turan.
[5] Aantii isaanii kan ta'an guutummaa gosa Yisaakor keessaa akka caaffata hidda dhaloota isaaniitti kan caafaman walumatti loltoota jajjaboo kuma saddeettamii torba turan.
[6] Ilmaan Benyaamiin sadii; isaanis, Bel'aa, Bekerii fi Yedii'el.
[7] Ilmaan Bel'aa, Ezboon, Uzii, Uzii'el, Yeriimootii fi Iirii dha; isaan kun shanan mana mana abboota isaaniitti dura-buutota; sanyii isaanii keessaa akka caaffata hidda dhaloota isaaniitti loltoota kuma digdamii lamaa fi soddomii afur turan.
[8] Ilmaan Beker Zemiiraa, Yo'aash, Elii'ezer, Elyo'enaayi, Omrii, Yeriimoot, Abiiyaa, Anaatotii fi Alaamet; isaan kun hundinuu ilmaan Beker.
[9] Akka caaffata hidda dhaloota isaaniitti mana mana abboota isaaniitti dura-buutota kan ta'aniif, loltoonni jajjaboonni kuma digdamaa fi dhibba lama turan.
[10] Ilmi Yedii'el, Bilhaan; ilmaan Bilhaan immoo Ye'ush, Benyaamiin, Ehud, Kennaanaa, Zetaan, Tarshiishii fi Ahiishaahar.
[11] Ilmaan Yedii'el kun hundinuu mana mana abboota isaaniitti dura-buutota turan; sanyii isaanii keessaa loltoota jajjaboo lolaaf qophaa'an kuma kudha torbaa fi dhibba lama turan.
[12] Ilmaan Iir, Shuphiimii fi Huphiim; ilmi Aher immoo Hushiim.
[13] Ilmaan Niftaalem, Yaahize'el, Gunii, Yezer, Shaalum; isaan kun ilmaan Niftaalem; Niftaalem kun immoo isa Bilhaan deessee dha.
[14] Ilmaan Minaasee, Asrii'elii fi Maakiir abbaa qomoo Giil'aadotaa ti; isaan kana Yaalaadaa saajjatoo isaa ishee durba warra Sooriyaatu da'eef;
[15] Maakiir obboleettii Huphiimii fi Shuphiim in fuudhe; maqaan ishees “Ma'akaa” jedhama; ilmaan Maakiir keessaa inni tokko Zelofehaad; inni ijoollee durbaa malee, dhiira hin godhanne.
[16] Ma'akaan haati manaa Maakiir ilmaan lama deesseefii, isa tokko “Pheresh” jettee moggaafte, isa kaan immoo,“Sheresh” jettee in moggaafte; Pheresh ilmaan lama qaba ture; isaanis Ulaamii fi Raaqem.
[17] Ulaam ilma tokko godhate, maqaan isaas Bedaan; isaan kun sanyii Giil'aad ilma Maakiir Minaasee ti.
[18] Hamoleket obboleettiin Giil'aad ilmaan sadii godhatte; isaanis Ishood, Abii'ezerii fi Mahilaa dha.
[19] Ilmaan Shemiidaa, Ahiiyaan, Sheekem, Liikihii fi Aniiyaam.
[20] Sanyiin Efreem, Shutelaa, Bered, Tahaat, El'aadaa, Tahaat,
[21] Zaabaadii fi Shutelaa dha; Ezerii fi El'aad immoo horii namoota biyya Gaatitti dhalatanii duraa fudhachuuf yeroo gad bu'anitti namoota biyyichaatiin in ajjeefaman.
[22] Efreem abbaan isaanii yeroo dheeraa isaaniif in gadde, yommus obbolaan isaa dhufanii isa in jajjabeessan.
[23] Efreem ergasii haadha manaa isaa bira in ga'e, isheen immoo ulfooftee ilma in deesse; maatiin isaa rakkina keessa waan turaniif, maqaa isaa “Berii'aa” jedhee moggaase.
[24] Maqaan intala isaa immoo Seraa ture; isheen mandaroota Bet-Horoon isa gara gadii, Bet-Horoon isa gara olii akkasumas mandara “Uzen-Seraa” jedhamu in ijaarsifte.
[25] Efreem ilma “Refaa” jedhamu tokkos qaba ture; ilmi Refaa, Resheef; ilmi Resheef, Telaa; ilmi Telaa, Tahaan;
[26] ilmi Tahaan, La'edaan; ilmi La'edaan, Amiihud, ilmi Amiihud Eliishaamaa;
[27] ilmi Eliishaamaa, Nun; ilmi Nun, Iyaasuu dha.
[28] Lafti dhuunfaa isaanii fi iddoon jireenya isaanii Bet'elii fi mandaroota naannoo ishee jiran, karaa gara ba'a-biiftuu Na'araan, karaa gara lixa-biiftuu Gezerii fi mandaroota naannoo ishee jiran, Sheekemii fi mandaroota naannoo ishee jiran, hamma Ayyaa fi mandaroota naannoo ishee jiraniitti.
[29] Karaa daarii lafa ilmaan Minaasee immoo, Bet-Shaan, Ta'anaa, Megidoo fi Door mandaroota naannoo isaanii jiranii wajjin ture; sanyiin Yoseef ilma Yaaqoob mandaroota kana keessa in jiraatan.
[30] Ilmaan Asheer, Yiimnaa, Yishwii fi Berii'aa dha; intalli isaa immoo Seraa.
[31] Ilmaan Berii'aa, Heberii fi Malkii'el isa Biirzaawiitin dhalchee dha;
[32] Heber, Yaafiletin, Shomerin, Hotaamii fi obboleettii isaanii Shuwaa in dhalche.
[33] Ilmaan Yaafilet kanatti aananii kan jiranii dha; isaanis, Phaasaak, Biimhaalii fi Ashiwaat.
[34] Ilmaan Shomer, Ahii, Rohigaa, Yehubaa fi Aaram.
[35] Ilmaan Helem obboleessa isaa, Zofaa, Yiimnaa, Sheleshii fi Aamaal.
[36] Ilmaan Zofaa, Suwaa, Harnefer, Shuwaal, Berii, Yiimraa,
[37] Bezer, Hood, Shamaa, Shiilshaa, Yitraanii fi Be'eraa dha.
[38] Ilmaan Yeter, Yofunee, Fiisphaa fi Eraa dha.
[39] Ilmaan Ulaa, Araa, Hanii'elii fi Riiziiyaa dha.
[40] Isaan kun hundinuu gosa Asheer keessaa dura-buutota mana mana abbaa isaanii, loltoota jajjaboo fo'amanii fi dura-buutota gurguddoota isaanii turan; warri lolaaf qophaa'anii akka dhaloota isaaniitti caafaman namoota kuma digdamii ja'a turan.